Hoggantooti Wayyaanee/OPDO Dirqama Artistoota Oromoo Leenjisuu Jedhu Fudhatanii Bobba’an, Mataa Ofiin Artistoota Oromoo Irraa Leenjii Fudhataa Jiru.

Muddee 20, 2014 | Qeerroo.org
 Gaaffii fi Yaada Artistoota Irraa Ka'an
diddaaMuddee 15/2014 irraa kaasee mootummaan naannoo Oromiyaa waajjira aadaa fi tuurizimii waliin tahudhaan seenaa mootota darbanii kaasuudhaan mootummaa amma aangoo of harkaa qabu mootummaa wayyaanee waliin wal madaalchisuuf, gocha mootota darbanii hammeenyatti, gocha mootummaa wayyaanee ammoo gaaritti lakkaawuudhaaf aartistoota Oromoo, muuziqeessota, weellistoota, ogeessota dhuunfaa Adaamaa, galma Abbaa Gadaatti walgayii teesisuudhaan marii eegalanii jiran irratti gaaffiin ka’aa jiraachuun gabaasuun keenya ni yaadatama. 

 Artistooni galma kanatti walgayii kana irratti hirmaataa jiran kan Adaamaa nama 203 yoo tahu,naannoo Arsii Shaashimannee irratti gaggeeffamaa kan jiru namoota 480n mariin godhamaa jira,gabaasni ammatti nu gahee jiru kan Adaamaa yoo tahu, gabaasa haala marii kan Shaashimannee haala nu qaqqabeen kan dabarsinuudha. Guyyaa walgayiin kun eegalee kaasee gaaffii fi yaadotni hedduun Artistoota kana irraa ka’aa jiru Adaamaa, Galma Abbaa Gadaa irratti;wal duraa duubaan akka kana gadiiti:
  1. OPDOn uummata oromoof dhaabbate osoo hin taanee uumatatu OPDO dhaaf dhaabbate, dhugaatti uummata oromoof utuu dhaabbattanii maalif ilmaan oromoo mana hidhaatti dhumti? Maalif barataan keenya gaaffii mirgaa gaafateen rasaasan rukutama? Qabeenyi oromiyaa maaliif ormaan dhuunfatamaa? Lafti qote bulaa keenyas maaliif gurguramaa?

  2. Dhaaba OPDO kan bu’uressee obbo Mallasaadhaa?

  3. Bilisummaa ni fedha uummanni oromoo, uummata oromoof dhaabbattanii bilisummaa saba keesaniif fiduu hin dandeenye, bilisummaan saba oromoo kan eegamu ABO irraati, kanaaf ABO maaliif hadheessituu? Uummatini birmadummaa isin irraa eegaa hin jiru….

  4. OPDOn saba oromoo bakka bu’uudhaaf gahumsaa fi haamilee maaliif dhabee?

  5. Addi Bilisa Baasaa Tigraay(TPLF) waan isin bu’ureesseef akka barbaade isin taasisaa jiraa?

  6. OPDOn kan hundeeffameef uummata oromoo ittiin qabachuudhaaf malee aangoon itti kennamuuf miti, TPLFn lolee dhufee as gahee aangoo of harka galche,mootummaa wayyaaneef faayidaa taatan malee uummataaf faayidaa maalii hin taane OPDOn?

  7. Itti seensa marii keenyaa fi kaayyoodhumti keessaniyyuu waayee mootota Haayila Sillaasee fi Minilikiidha, moototni kun uummata Itoophiyaatiif bu’aa buusan osoo hin taanee uummata biyyatti fixan, miidhan, moototni kun maqaan isaani leellifamuun maaliifii? Mootummaan har’aas isaan irraa maaliin adda tahaa? Maqaa isaanii waamuun hanga yoomitti itti fufaa?

  8. Waayee ijaarsa OPDO yeroo kaafamu maqaan obbo Mallasaa biraa hin hafu, sababni isaa maalii?

  9. Biyyattii keessatti hucuu siivilii uffachuudhaan kan lubbuu ilmaan namaa ajjeessaa jiru irratti mootummaan yaada maalii qabaa?

  10. OPDOn waggaa 23 Artistoota oromoo walitti qabee waliin marii gaggeessuun isaa maal kaayyeffateetii?

  11. Itiyoophiyoomuu keenya nu gochuu hin dandeessan nuti oromoodha, akka oromummaa keenyaatti maaliif hin jiraannu? Akka Itoophiyummaatti akka yaadnu maaliif barbaadduu? Lagni Abbaay jettanii amma waamtan uummanni oromoo dur kan itti beeku laga Mormoritti amma maaliif maqaa jijjirtanii? Dhimma laga Abbaayiif hirmaachuu kan nu dhorke waayee Itoophiymmaa fi jijjiirraa maqichaati, nuti Itoophiyaadha yoo ofiin jenneyyuu uummanni biyyattiii dhuguma nu amanaa?

  12. Artistootni oromoo, rakkoon keenya inni guddaan, rakkoo diinagdeeti.sababa kanaaf ammo sochii jabaa goonee akka hin hojjenneef ammoo kan nu godhe kaabinoota OPDOti.

  13. Nuti Artistoonni oromoo isin waliin akka hiriirru yoo feetan, waan uummanni oromoo gaafataa jiruuf deebii haqaa kennaa, gumaacha barbaachisaa sana keessaniif bahaa, wayyaaneedhaan waanni uummata miidhu yoo isinitti kenname bu’aa garaa keessanii fi taayitaaf jettanii nutti hin dhufinaa?

  14. ABOn uummata oromoo gidduutti waan uummata daqiiqaadhaaf gaddisisu hojjetee hin beeku, dhugaadhaaf waan falmeef ammo isin biratti yakkamaa tahe, bara dhufaa darbu, bakka wal gayiitti ABOn shororkeessa jettanii uummata biratti yakkuun arraba kana dubbatuuf guyyaan tokko deebiin haqaa akka jiru hin hubannee? Mee ABOn maal godhee? Har’as taanan uummata biratti jaallatamaadha jibbamaan isinii, humnumaan jiraachaa jirtu, garaa keessaniif maaliif dhaaba tokko yakkituu?
  • Dhimma ABO ilaalchisee gaaffii gaggeessitoota waltajjii saniin Artistoota gaafatame:- ABOn har’a biyya keessa hin jiru, har’a biyya keessatti ABOn isinumaadha, waanABOn biyya biraa irraa dirqama gadi buuse hojiitti hiikaa jirtu, agarsiisa garagaraatiin uummata ABOf ijaartu, bakka ABOnjirutti nama tooftaadhaan ergitu,ABO biyya alaatti deggeraa jirtu, bosonattis nyaachisaa hin jirtanii?
  1. ABO maqaa hadheessuu itti fuftanii boodarraan waan dhufu isinuu arguuf jirtu jechuudhaan hanga guyyaa har’aatti gaaffiin gafatamaa fi yaadni ka’aa ture kanaan goolabamee kan jiruudha.
Waltajjii marii kana irratti miseensota koree giddu gala OPDO irraa ergamanii Artistoota kana kan mariyachiisaa jiran:
  1. Mohaammad Ahimad Qophee-Miseensa paarlaamaa fi presedaantii Oromiyaatti waajjira aadaa fi gorsaa uummataati.

  2. Musxafaa-presedaantii Oromiyaatti, itti gaafatamaa wal quunnamtii uummataati.

  3. Isheetuu Dasee-koree giddu gala OPDO gaaffilee Artistoota irraa ka’aa jiraniif deebii kennuuf kan ergameedha.
Gaaffiin isaanii haaluma kanaan kan itti fufuudha. Gabaasa isaa waliin jirra kan biroon ammoo Shaashimannee irrattis Artistoota walii gala nama 480n gaggeeffamaa jira gama kanaanis Qeerroon qindeessee ni gabaasa.

No comments:

Post a Comment