Sabboonaan Oromoo Barsiisaa Dirribii Nagaasaa Mootummaan Wayyaanee Waggaa Sadiif Manneen Hidhaa Ma’ikalawwii fi Qaallittii Keessatti Hidhee Dararaa Cimaa Irraan Gahaa Ture Irraa Dandamachuu Dadhabuun Har’a Wareegame.

Muddee 10, 2014 | Gabaasa Oduu Qeerroo

Sabboonaan Oromoo Barsiisaa Dirribii Nagaasaa daraaraa(torture)  guddaa mootummaan EPRDF/TPLF/n  irratti rawwataniin waggaa Sadii (3)oliif Mana hidhaa Wayyaanee Ma’ikalawwii fi Qaallittitti hidhamee dararama kan ture, darara ulfaataa irratti rawwatamaa tureen hakan Edaa hospital Geedootti lubbuun isaa Wareegame.
Sabboonaan Oromoo  Barsiisaa Dirriibii Nagaasaa barsiisaa M/B Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inatti muummee barnoota Information Technology barsiisaa kan ture, Sochii warraqsaa dargaggootni Oromoo mirga abbaa biyyummaa Uummata Oromoo kabachisuuf gaggeessan keessatti ga’ee guddaa taphachaa kan turee fi sabboonaa Oromoo mirgii namummaa fi dimookiraasii uummata Oromoof kabajamuu qaba jechuun soda tokko malee gaaffii mirga abbaa biyyummaa finiinsa turedha.

Gootichi Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa bara 2010  carraa barnoota Mastersii argachuun Yuunibarsiitii Adaamaatti damee barnoota Information Technology tiin carraa barnoota Mastersii itti fufee barachuu utuu jiruu mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n humnoota tikaa isheen bara 2011 ukkamsuun FDG qindeessa jirta, sochii warraqsaa Qeerroo bilisummaa Oromoo qindeessaa jirta, ABO waliin hidhata guddaa qabda jechuun ukkamsuun mana hidhaa Wayyaanee gidduu galeessatti darbame humnoota tikaa Wayyaaneetiin daraara(Torture) guddaan waggaa tokkoo oliif  irratti fudhama turuu yeroo irraa gara yerootti gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Wayyaaneen  gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa waggaa tokkoo oliif maa’ikalawwiitti dararaa turuun, waggaa lamaa oliif immoo Mana hidhaa Qaallittiitti daraaraa turuun yeroo garaagaraa gabaasa kan turredha.
Mana hidha Qaallittittis haalan dararaa ulfaatan kan irratti gaggeeffama ture yoo ta’uu, dararama ulfaata irratti rawwatameen akka malee dhukkubsatee achii keessatti lubbuun isaa illee haala sodaachisaa irra turuu gabaasa turre, mootummaan Wayyaanee barsiisaa Dirribii Nagaasaa Waggaa Sadii(3) oliif erga dararaa turtee booda ganna darbe  Hagayyaa 2014 keessa mana hidhaa qaallitti irra kan gadi lakkise utuu inni du’aa fi jireenya giddutti dararama jiruu ta’uun beekamadha. Gootichi Oromoo barsiisaa Dirriibii Nagaasaa erga mana hidaa Wayyaanee irraa ba’ees guyyaa tokko boqonnaa hin argannee dararama waayyaneen irratti rawwatteen haala fayyuu hin dandeenyee fi yaaddessaa keessa turuun halkan edaa galgala Hospitalaa Geedootti lubbuun isaa Wareegamee jira.
Yeroo ammaa kana reeffii Gooticha Oromoo barsiisaa Dirriibii Nagaasaa ganda dhaloota isaa Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa gara maatii isaatti  galee kan jiru yoo ta’uu, Sirni awwaalcha gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa guyyaa boruu Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, sirna Awwacha isaa kana irratti argamuuf uummatni Oromoo, dargaggootni barattootni Oromoo fi barsiisotni Oromoo godinaalee Oromiyaa garagaraa fi dhaabbilee barnootaa garaagaraa irra gara kanatti adeemaa jiru, uummatni kumoota dhibbootan lakka’amuus guyyaa boruu magaalaa Baabbichaa irratti sirna gaggeessa gooticha Oromoo kanarratti akka argamuuf jiruu ta’uun haalaan eegamaa jira.Barsiisaa Dirribii Nagaasaa
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee yakka ofiin dhala Oromoo irratti dalage kanan soda guddaa keessa seenuun Magaalaa Amboo hanga Magaalaa Geedootti humna waraanaa guddaa ramaduun magaalotni Amboo, Gudar, Tokkee Kutayyee, Baabbichaa, Geedoo, Ijaajjii fi Baallammiin waraanaan qabamtee jirti.
Haaluma kana ilaalchisuun  Qeerroo bilisummaa Oromoo dararaa ulfaataa gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa irratti rawwatamaa turee fi Wareegamuu gooticha kanaaf gaddaa ulfaataa itti dhagaa’amaa jiru dargaggoota Oromoofi uummata Oromoo hundaaf ibsaa jira. Bilisummaa uummata ofii kabachiisuuf warregamuun darqama qabsoo keessatti goota mudatu waan ta’eef saba ofiif wareegamuun gootummadha, barsiisaa Dirriibii Nagaasaa wareegama gootummaa baase, qabsa’aan ni kufa qabsoon itti fufa jechuun dhaamsa ilmaan Oromoo bakka jirtan hundaa sirna gaggeessa gooticha Oromoo kanarratti akka argamtan jechuun dhaamsa dabarsuun, kanneen fageenyii fi haalli isin hanqisee qabsoo bilisummaa Oromoo goototni qaaliin irratti wareegamaa jiran galmaan geenyee bilisummaa keenyaa akka gonfannuuf FDGtti akka jabaattan jechuun dhaamasa gaddaa dabarsee jira. Gabaasaan sirna awwaalchaa fi Seenaa gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa kan itti fufuun isiniif ergamu ta’uu ni hubachiifna!!

No comments:

Post a Comment