Ibsa Bara Haaraa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Amajjii 01, 2015 | Qeerroo Bilisummaa Oromoo
                                                                                                                         Amajjii 01, 2015

Uummata Oromoo hundi baga nagana bara haraawaa  Amajjiin 1, 2015 fi guyyaa WBOn isin gahe. Barri 2015 Sabni Oromoo bara cunqursaan jaarraa olii keessaa hiikamee Oromiyaa keessa nagaa, tasgabbii fi jaalanaan abbumaan jiraatu akka nuu ta’u hawwii fi dhugoomsa kaayyoo kanaaf ciccoominaan qabsaawuu qabnuu isinii dabarsina.



Bara 2014 darbe keessatti uumati Oromoo baadiyyaa irraa hamma magaalaatti dararaa sirna bulchiinsa EPRDF Wayyaanee jalatti argaa bahe dha. Qabeenya saamamuu irra darbee hidhaa, ajjeechaa fi biyyaa arihamuu dhittaa mirga namaa haalaan hammaataa keessa darbe. Haalli gabrummaa dhufaa darbaa daran hammaachuu irraan dargaggooti Oromoo (Qeerroon) cunqursaa kana darbaa baadhachuun nu gahe jechuun fincila diddaa gabrummaaf (FDG) Oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuun mirga uumata keenyaa yeroo falmataa turre dha. Haala kanaan gaaga’ami lubbuu dhabamuu fi hidhaan uumata Oromoo addattis dargaggoota Oromoo irraan gahe kan yeroo kamuu caalaa hammaataa ture. Falmii mirga Oromoo fi dhumaatii uumata Oromoo irraanis lammiileen Oromoo biyyoota ambaa jiraatan tokkummaan dhaabbatanii mirga sabaa falmuu irratti eenyummaa fi jalaala biyyaaf qaban muldhisanii jiru. Haalli tokkummaa Oromoo waliigala bara 2014 keessatti muldhate jabinaan itti fufuun waggaan itti deemnu 2015 keessa kan kaayyoo saba Oromoo injifatnoon golboobu akka ta’u hogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaammata.
  1. Guyyaa seena qabeessa guyyaa WBO Amajjii tokko bara 2015 sababeeffachuun  hojii qindeesitooti Qeerroo bilisummaa Oromoo  Oromiyaa bakka maraa walitti dhufuun walitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo  sochii warraaqsa FDG Qeerroo bilisummaa Oromoon durfamuu, haala Siyaasaa Impaayerri Itoophiyaa  keessatti kuftee jirtuu, gochaa hammeenya  mootummaan abba irree Wayyaaneen EPRDF itti fufinsaan uummata Oromoo irratti gaggeessa jiruu, olola maqaa filannoo dimookiraasii sobaan oofaa jiru, haalaa Master planii Finfinnee  fi waligalatti haala uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti keessa jiran irratti hundaa’uun marii bal’aa gaggeessuun uummata Oromoo hundaa fi lammiilee cunqurfamoo biyyattii hundaaf ibsa gabaaba armaan gadii dabarsee jira!!
  2. Amajjiin tokko guyyaa WBO, guyyaa warannii Oromoo mirga uummata Oromoo kabachiisuuf bara baraan wareegama qaalii kanfaluun Oromiyaan har’a arginu kunii fiuummatni Oromoo har’a jiraatnu kun akka jiraannu waraana uummata Oromoo irraa ijaaramee fiuummatichi bilisummaa isaa fi birmadummaan isaa kabajamee fi mirgi abbaa biyyummaa isaaeegamee fi Oromoon qabeenyaa isaa fi uummata isaa fi biyya isaa irratti aangoo siyaasaa qabateeakka ofiin of bulchuuf waraana wareegama qaalii fi bu’aa ba’ii qabsoo keessa darbuun as ga’eewaan ta’eef nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo WBOf  kabajaa fi jaalala guddaa qabna.Uummatni Oromoo hundi waraana kana akka qaroo ija isaatti akka ilaallauu fi tumsa gamahundaan godhamuun akka cina dhaabbatu waamicha dabarsina. Amajjiin tokko guyyaan WBObarri 2015 guttummaa Oromiyaa fi biyyoota Oromoon jiru hundatti sirnaan akka kabajamuudhaamsa dabarsaa, addatti Qeerroon bilisummaa Oromoo guyyaa kana bifa adda ta’een lafacaasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo jiru hundatti kabajuuf qophii dursaa xummuruu keenya nihubachiifna.
  3. Mootummaan abbaa irree EPRDF gochaa hammeenyaa uumata Oromoo Oromiyaa irraa kaasuu fiballeessuu imaamata godhatee jiruu fi olola dharaa uumata Oromoo irratti gaggeessa jiruufseeratti dhiyaachuu qaba. Dhiitaa mirga dhala namaa fi ukkamsaa mirga dimookiraasii mootummaan abbaa irree gaggeessa jiruuf mootummootni gamtooman, dhaabbileen mirga dhalanamummaa addunyaa, fi uummatni Oromoo gama hundaan mootumman yakkamaan Wayyaanee himatamee mana murtii idil addunyaa ICC ‘tti dhiyaachuun yakka duguginsa sanyiigaggeessa jiruuf akka itti gaafatamu jabeessinee gaafatna!! Kana irratti irra guddaan hayyoonni Oromoo alaa fi biyya keessa jirtan tokkummaan irratti akka qabsooftan abdii isin irratti gatna.
  4. Biyyaa fi dachii Itiyopiyaa dimookiraasiin hin jirretti maqaa Filannoo jedhuun mootummaan Wayyaanee olola deemsisaa jiru ni balaaleffanna. Filatnoon dharaa baroota 23 deemaa jiru umrii Wayyaanee dheeressuuf kan deemu malee diimokiraasii dhugaa kan muldhisu akka hin taanebeekama. Kanaafuu filmaati ammaa kunis lammiilee cunqurfamoo biyyattii fi uummata Oromoohunda kan hin ilaallannee ta’uu hubachiisuun uummatni Oromoo cufti dimookiraasii dhugaa, kanmirgi ilma namaa fi mirgootni dimookiraasii keessatti kabajamanii fi bilisummaan uummata Oromoo kan itti mirkanaa’uu fiduuf Warraaqsi FDG haalaan jabaatee kan itti fufuu ta’uu nihubachiifna!!
  5. Dhaabbileen mormitoota biyyatti maqaa uummata Oromoon ijaaramtanii diraama dimookiraasii kijibaa Wayyaanee keessatti hiriirtanii jirtan, maqaaf malee mirga kan hin qabne, miseensabilisaan ijaarrachuu kan hin dandeenye, uummata Oromoo bilisaan ijaaruu fi sochoosuu haalaahin dandeenyee fi bakka barbaadanitt wajjiraalee banachuun socho’uu kan hin dandeenyee ,taatanii utuu jirtanii, Dimookiraasiin jira filmaatatti seenee Wayyaanee waliin morkii goonajechuun sochii bu’aa hin qabnee fi jijjirama fiduu hin dandeenye keessatti waan argamtaniif yeroon gara sochii Warraaqsa FDG ‘tti makamuun akka mirga Oromoo dhugaaf falmitan waamicha lammummaa isinii dabarsina.
  6. Goototni Qeerroon (dargaggootni Oromoo) bara darbee jalqaba baatii Ebla 2014 irraa eegaluungaaffii mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii karaa nagaa bifa qindaa’een mootummaa abbaairree Wayyaanee gaafachuun FDG irratti kaasuun sagaleen uummata Oromoo hanga sadarkaa idil-addunyaatti dhaga’amuu danda’ee jira, gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffanneef deebii ajjeechaa fi hidhaa Oromoo irratti raawwachuu EPRDF/TPLF fudhateen ija mootummataaddunyaa duratti yakkamaa ta’uun isaa hubatamee jira. Sochiin FDG bifa garaagaraan jabaachuunhanga guyyaa har’atti itti fufinsaa fi qindoomina haala qabuun jabaatee itti fufaa jira. UummatniOromoo bakka jirtan hundaa warraqsa kana cina akka dhaabbattan waamichaa keenya dabarsina!!
  7. Hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroo kamiinuu olitti qabsoo bilisummaa Oromoo galiiisaan ga’uuf sochii warraqsa FDG qindeessuu, uummata Oromoo sadarkaa garaagara keessa jiruuijaaruun jabeessuu, garaagarummaan ilaalchaan akka wal hin qoodnee fi tokkummaa UummataOromoo jabeessuun ,mootummaa abbaa irree Wayyaaneetti xummura gochuuf kutannoo fimurannoodhaan qabsoo warraqsaa biyyooleessaa (national revolution) gaggeessuuf qophii ta’uuni hubachiifna.
  8. Walii galatti Oromiyaa irratti Oromoon ofiin of bulchuuf furmaatni guddaan jiru FDG jabeessuufi Uummani Oromoo bakka hundatti gaaffii mirga hiree murteeffannaa jabeessuun sagaleetokkoon harka wal qabatnee yeroon gamtaan warraaqa biyyalessaa FDG keessatti hiriiruun tokkummaan qabsoofnu amma jechuun uummata Oromoo waliigalaaf dhaamsa dabarfatna.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoon Uumata Oromoof!
Bara Milkii
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajjii 1, 2015 Oromiyaa

No comments:

Post a Comment