Maastar Plaanii Finfinnee ajjeesuu dhaan qotee bulaa naannoo Finfinnee balaa itti aggaammatamerraa hambisuu dhaaf waan 7 godhuu dandeessan

Gurraandhala 17, 2015 | Solomon Ungashe Irraa

Maastar Plaanii Finfinnee ajjeesuu dhaan qotee bulaa naannoo Finfinnee balaa itti aggaammatamerraa hambisuu dhaaf waan 7 godhuu dandeessan
  1. Jibba plaanichaaf qabdan ifatti baasaatii dubbadhaa. Plaanichi Oromiyaa dhaaf maaliif gadhee akka ta’e firrottaniif hiriyoottan keessanitti himaa.
  2. Garee, fi mandaraan walgurmeessaatii Maastar Planii kana ajjeessuuf qabsaawaa. 
  3. Maastar Plaanii kana mormuu dhaaf waamicha Oromoo maraaf godhamu eegaa. Yeroo waamichi godhamu waan isinrraa eegamu godhaa.
  4. Filannoo baranaa keessatti dorgomtoota Maastar Plaanii Finfinnee morman qofa filadhaa. Firoottan keessaniif hiriyoottan keessanis kanuma akka godhan itti himaatii amansiisaa.
  5. Kongrasa Federaalawaa Oromo (KFO) maallaqaan gargaaraa. Paartiin kun Maastar Plaanii Finfinnee akkanni cimsee mormu hubadhaa, firoottan keessanis hubachiisaa.
  6. KFOn filannoo dhufu akkanni mowatu godhudhaaf ofkennumsaan gargaaraanii. Hiriyyottan fi firoottan keessan 10 bilbilaan yookan qamaan argaatii akka isaan miseensota KFO qofa filatan amansiisaa.
  7. Qabsoo dheeraaf hadhaawaa godhuu dhaaf mudhii keessan hidadhaa. Bilisummaan tolaa akka hin argamne yoomuu hin dagatinaa.

No comments:

Post a Comment