Utubne Si dhaabna..! Walaloo Usmaan Baayyuu Irraa

Gurraandhala 07, 2015 | Gulele Post

Hanga’ii mul’adhu
Akka biiftuu barii
Dhugaa saba keetii
Addunyaadhan gahii
Quuqaan lammiin qabu

Si’iin ifa bahee
Diinni kana argee
Si jaamsuuf dhama’e
Hirpha jabaa qabdaa
Eenyuu si hin danda’uu
Hirriba dhabaniit,
Tasumaaf dhama’uu
Sabni kee siif jiraa
Ammas dacha-dachaa
Yoo maallaqas dhabe
Dhiigasaa gumaachaa !
Ololli si hin diiguu
Ni cabaa fagotti
Lalisii jiraadhuu
Hidda dhiiga kootii !

Abshiir…O-M-N…
Abbaa qubee sadii
Guddoo si jaalannaa
Oromooni cufti
Utubnee si dhaabnaa
Nuuf jiraadhu ati
Hayyuun ijaaramtee
Beektoota oromootiin
Eebbaan utubamtee
Manguddoo sabaatiin
Harka wal qabannee
Tumsinaa nu hundi
Bu’aa bahii hedduu
Obsaan keessa tartee
Baga guyyaa dhalootaa
Nagayaan nuuf geesse !!!
*********************************

Waloon: Usmaan Baayyuu

No comments:

Post a Comment