Wallee Warraaqsaa Walliftan Sababa Jedhuun ,Wallagga, Magaalaa Naqamtee Kan Maadheffate Gartuu Hawwisoo Godina Wallaggaa Keessaa Walliftooti Oromoo Sadii Arihaman.

Gurraandhala 23, 2015 | Gabaasa Qeerroo Naqamtee

Waggaa tokkoon dura gartuun hawwisoo Naqamtee karaa waajjira aadaa fi turizimii kan ijaaramte yeroo taatu,Walliftooti Oromoo lama Bulii Birhanuu fi Mohii Bulii Misgaanuu kanneen jedhaman sagalee isaaniin filatamanii yeroo mindeefamanitti wallee adda addaa sirbuun beekaman,keessattuu Walleen Gadaa Leeqaa jedhamu walliftoota kanaan yeroo wallifametti siyaasaa waan of keessaa qabuu fi uumata mootummaa irratti kakaasa sababaa jedhuun walliftooti kun akka arihaman taasifamee ture.

Yeroo ammaa kanas sababaa FDG Ebla 2014  keessa kaleen wal qabatee walliftooti Oromoo sadii walleelee uumata mootummaa irratti kakaasu wallisaa jirtu,dhaabota mormituu addattis Qeerroo Bilsiummaa waliin hidhata qabdu sababaa jedhuun hojii ogummaa isaanii irraa akka arihamuuf jiran waajjirri Civil Service jedhamu akeekkachiisee jira.
Walliftooti kunis:-
  1. Sanyii Ammayyaa
  2. Mulunaa Taakkalaa
  3. Araarsaa Badhaadhaa

Kanneen jedhaman yeroo ta’u namoonni biro sirnichaaf amanamoo ta’an lama ammo bakka isaanii akka bu’anii hojjetaniif mindeefamuu isaanii Qeerroon gabaasa.
Warri sirna Wayyaaneef amanamummaan hojjetu jedhamanii mideeffaman kun lammii Oromoo tokkoo fi Habashaa kanneen ta’an 1, Balfaa Moosisaa fi 2, Yoseef Asaffaa jedhamani ta’uu gabaasi Naqamte irraa nu gahe addeessa.

No comments:

Post a Comment