Ayyaanni Irreechaa Arfaasaa Tulluu Cuqaalaa irratti akka hin kabajamne Dhorkame

Bitootessa 17, 2015 | Oromedia.net

Ayyaanni Irreechaa Tulluu Zuqaalaa irratti akka hin kabajamne dhorkame.
Gabaasaan keenya Bishooftuu irraa akka ibsetti, ayyaana Irreecha Arfaasaa kabajuuf hojiin gaggeeffamaa ture ajaja mootummaatiin akka dhaabbatu taée jira.
Irreechaa Arfaasaa (FILE)
Odeessi kun dabalee akka ibsetti, duraan Ayyaana kana kabajuuf Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa sagantaa baafatee ture.
Garuu, dhiibbaa fi duula garee aadaa Oromoo hin jaalanne irraa dhiyaateen dhimmi kun akka dhaabbatuu fi ugguramu godhamee jira.

Ayyaanni Irreechaa sabni Oromoo ittiin beekamu Tulluu Zuqaalaa irratti kabajuuf abbootiin Gadaafi biiroon aadaafi tuuriizmii Oromiyaa hojjachaa turuun isaanii kan beekamuu dha.
Garuu, ajaja mootummaa Itoophiyaa irraa kennameen Abbootiin Gadaa fi biiroon aadaafi tuuriizmii Oromiyaa dhimmi ayyaanichaa haalanii ibsa akka kennan godhameera.
Dhiyeenya kanas gaggeessaan dhimmoota koomunikeeshinii biiroo aadaafi tuuriizmii Oromiyaa obbo Zawuduu Maammoofi abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo ajaja mootummaa irraa kenname kana bifa biraatiin ibsaniiru.
Ibsa isaanii keessattis, oduun ayyaanni Irreechaa Tulluu Zuqaalaatti kabajamuuf jedhamee afarfamaa ture bu’ura kan hin qabneefi jette jettee dharaa akka ta’e himan.
Obo Zawuduun qaanii tokko malee ajaja mootummaa fudhatanii, sagantaa biirichi qabatee ture, “oduu jettee jetete dha,” jechuun isaa hedduu saalpfachiisaa taúu madden keenya dabalnii ibsniiru.
Abbaa Gadaa Bayyana Sanbatoos haaluma wlfakkaatuun “dhimmi kun sadarkaa waldaa abbootii Gadaatiin kan hin beekamne dha,”jechuun ajaja mootummaa itti hime dabarsanii jiru.
Ayyaanni Irreechaa Arfaasaa ayyaana waggaa keessatti siá tokko yeroo bonni dhumee ganni dhufu, Tulluu irratti kabajamu ta’un beekamaadha.

No comments:

Post a Comment