INJIFANNOO; [Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa]

Amajjii 26, 2016 | Abdii Baalee Oromiyaa Irraa*
INJIFANNOO
Akkam yaa saba koo, fira hiddaan dhiigaa,
Hojiin kee na boonsa, seenaaf baha ragaa,
Gootichi qabsaa'ee, dabeessatu mugaa,
Gootichi yoomiyyuu, lubbuu isaa wareegaa,
Jabaadhu qabsaayii, sima abbaan dhugaa!!!


Hooggantoota biyyaa, Magaallan biyya koo,
Goottan seenaan beeku, birmattoota rakkoo,
Diddaa gabrummaatiif, dammaqxe qeerroon koo,
Si abdadha yoomuu, goota gaafa makkoo!!!!


Injifannoo jettee, bakkayyuu wal waamtee,
Seenaa lafee fi dhiigaa, galmeessutti seentee,
Yaa goottan biyya koo, hawwii koo argitee,
Diinaan mormaa jirta, gaafii koo hubattee,
Anis sirraa hin hafuu, amma yeroon geettee,
Ni moona yoomiyyuu, Wayyaanonni naatee,
Jabaadhu lammii koo, abbaa biyyaa taatee,
Rabbi nu gargaaree, dhugaan teenya baatee,
Injifannoon keenya, Irreen tee wal taatee!!!!!

Yaa hangafa qabsoo, yaa falmataa biyyaa,
Yaa goota Oromoo, falmaa halkan & guyyaa,
Alagaan si jibbee, maqaan kee xuraayaa,
Haqa keef, falmachuun si godhe,hadhaayaa,
Oromoon si beekaa, situ nuuf qabsaayaa,
Si falmataan dhugaa, kan diina haxaayaa,
Yoomiyyuu siin boonna, goota OROMIYAA,
Itti fufi qabsoo kee, situ lammiif caayaa,
INJIFANNOOn keenya, yoomiyyuu wal tayaa!!!

Yaa aabboo jabaadhu, amma gadaan teennaa,
Yaa aayyoo jabaadhu, wal wajjiin qabsoofnaa,
Galaa nuuf jabeessii, nu jalaa hin yaadinaa,
Rabbuma nuuf kadhuu, yoo san irra aannaa,
Nu duraa hin booyin, INJIFANNOOn keennaa!!!
       
Amajjii 25,2016  
                     Abdii Baalee Oromiyaa

No comments:

Post a Comment