Barruuleen Warraaqsaa Magaalaa Adaamaa fi Gandoota Baadiyyaa Naannoo Keessatti Baldhinaan Raabsamaa fi Maxxanfamaa Oole.

Bitootessa 10, 2015 | Gabaasa Qeerroo
Gabaasa Qeerroo waraqaan waamichi abbaa biyyummaa fi gochaa gar-jabeenyaa mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo irratti gaggeessaa jiru dura dhaabbachuuf waraqaan dhaaddannoo mata duree IYYAA IYYA DABARSAA. WARAABESSI ILMAAN OROMOO NYAACHUU BARE ABBAAY TSAHAAYYEE GUYYAAN YUUSE jedhu manneen barumsaa,waajjiraalee fi gaandoota baadiyyaa tokko tokko keessatti haala hoowaa ta’een ummata keessa raabsame bakkoota muldhatoo ta’an itti ammo maxxanfamee jira, keessattuu tuffii fi ilmaan Oromoo ajjesiisuf hiisisuu keessatti gahee guddaa kan qabu hoogganaa Wayyaanee Abbaayi Tsahaayyee fi ergamtootni isaa OPDO irratti ummatni keenya bakka jiruu akka dura dhaabbatu waamicha dabarsa.

Qabiyyeen barruulee kanaas akka armaa gadii ta’a
  1. Abbay Tsahaayyee yakka duguuginsa sanyii ummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf itti gaafatamuu qaba.

  2. Mirgi bilisummaa ummata Oromoo fi saboota cinqurfamoo kabajamuu qaba.

  3. Abbummaan lafaa ummata keenyaaf mirkanaa’uu qaba.

  4. Hiree uumata Oromoo Wayyaaneen hin murteessu ofiif mirteeffanna

  5. OPDOn of hooggani hin dandeenye ummata Oromoo bakka hin buutu

  6. Biyyaa fi Qabeenya uumata Oromoo irratti Wayyaaneen abbaa ta’uu hin dandayu.

  7. Hidhamtoonni siyaasaa ilmàan Oromoo haal duree tokko males mama hidhaa irraa bahuu qabu.

  8. Ajjeechaa gar jabeenyaa ilmaan Oromoo irratti  raawwatameef, ABBAAYI TSAHAAYYEE, MUKTAAR KADIR, DAMMAQAA MOKONNONI fi fakkaattonni isannii itti gaafatamuu qabu



    Adaamaa jajja
  9. Master pilaanin finfinnee haal duree tokko malee dhaabbachuu qaba.

  10. Uummata oromoo hiyyoomsuf lafa isaa irraa buqqisuu fi gibira humnaan olii sassaabun haa dhaabbatu.

  11. Osoo dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’e hin qoorin Abbaay Tsahaayyee ummata oromoo likkiitti galchina jedhee nutti dhaadati dura has dhaabbannu

  12. Oromoof kan hojjetu fakkaatee ergama wayyaanee galmaan gahuuf ilmaan Oromoo ficcisiisaa kan jiru OPDO haa balaaleffannu.

  13. Ummatni Oromoo mirgaa lafa isaa humnaan dhabe filannoo sobaatin otoo hin taane qabsoon deeffata. kan jedhuudha waraqaaleen kun haaluma walk fakkaatun godina shawaa bahaa aanaa fantaallee iddoowwan, magaala mataa haraa,magaalaa Haroo qarsaa, Mag/Harpo adii, Martii, Haroo huubaa ,Qararri, Ilaala, Dhagaa hujufaa, Xuxxuuxii, Nuqusa, Harangamaa, Maarigaa, Dirree Sadeem, Baddannoo, Turoo, Gidaara, Gaara diimaa, Buses, Godoo, Weebaa, Kapii 1,2,3, Faatee, Leedi, Saara, Galchaa, Bantii, Ajoo tarree, Ajoo, Jaarraa nuunnuu, Qobboo, Yaayya, Baalcii, Dhimbibaa, Harramurii, Gololcha, Qacaacaluu baadiyaalee jedhamuu fi kkf keessatti haala hoo’aa ta’een waraqaan warraaqsaa kun bifa lamaan facaafamuu fi maxxanfee jira. Sochiin Qeerroon naannichaa godhe kun ergamtoota wayyaanee daran yaaddoo keessa galche .dhuma irratti ilmaan oromoo iddoo garagaraa irra jirtan gochaa diinni ummata Oromoo irratti gochaa jiru dura haa dhaabbannu. gabaasa Qeerroo naannichaa gabaasa.
  14. Adaaamaa 112Adaama jAdaama jaAdmaama jaa

No comments:

Post a Comment