Basaasaan Wayyanee Harargee Lixaa fi Bahaa keesati ummata Oromoo ajjesisaa fi mana hidhaatti guuraa fi gursiisaa turee nama hin beekkamneen ajjeefame

Bitootessa 30, 2015
Tika (basaastu) security mootummaa tahuudhaan yerroo dheeraaf kan Harargee Lixaa fi Bahaa keeysatti hojjachaa turee fi ummata Oromoo kan ajjesisaa fi mana hidhaatti guuraa fi gursiisaa ture Basaastichi Kadiir Yusuuf je'amu nama hin beekkamneen ajjeefame reefki isaa cirracha Dirree Dhawaa keessatti darbamee kan arkamee tahuun gabaafame.
Namichi Kadiir Yusuuf je'amu.kuni leenji basaasummaa ganna 6f biyya Israa'elitti kan leenji'e yammuu tahu maqaa adda addaa kan qabu fi kan yaamamuu dha. Itti gaafatanaa tika Harargee Lixaa fi Bahaa tahuudhaan kan hojjataa tureedhaa.
Dhiiga ilmaan Oromoo kan xuuxee fi kan xuuchise basaastichi kun reefki isaa yeroo ammaantanaatti hospitaala Poolisi Harargee Bahaatti akka arkamu gabaasni achi nu gehe addeeyse jira.

No comments:

Post a Comment