Saaminsa dachii Murti-Guuto

Bitootessa 07, 2015 | Anoole Wako Irraa

Shirrii wayyaaneen Murti-Guuto Afuran Qalloo kan jechuun beekku Oromoo Harar irratti raawwate raawwachaas jirru dachaa dha.

Magaalaan Harariifi naannooyni isi teessuma Bulchinsa Oromiyaa kan Harargee Bahaa ti ammallee akkasuma. Harar magaalaa gudditti afuran qallooti haalli kun osoo qaceellotti beekkamu Saba biicuu adaree ykn Harari je'amuun beekkamu dhuguma san dubbachuudhaaf akkuma statiksi lakkoysa wayyaaneen baaseen lakkoysi ummata kanaa 10, 000 kan hin caallee dha. Oromoon garuu %85 oli Wayyaaneen seersan mirga adda tahe ummata Harariif kenniteefi Oromoo Harar Oromiyaarraa fottoysite magaaluma Oromoo tana akkuma Dirree Dhawaa fi Finfinnee irratti raawwate sunitti Naannoo Harari jechuudhaan Ummata Oromoo harar saba Harari jalatti akka buluu godhee jira.


Murti gootichi haala kana mormuudhaan bara 1995A.L.O ti fincila jabaa kaasse kan dhumees dhumee kan hidhamees hidhame fincilli sun humni hidhataan wayyaaneetifi sarichi saba gurgurtuun OPDO je'amuun ukkaamfame. As irratti kan dagatamuu hin qabne bulchinsi naannoolee biyyatti keessatti erga hundeffaman ganna 3 booda naannoon Harari hundeeffamu isiiti. Haalli kuun qofti ajendaan dhokate akka jiru nama agarsiisa. Yeroo ammaan tanaa naannooni Harari bulchinsa lama jala bulti magaalaa gudditti bulchinsa Harargee bahaati ammaas kan naannoo Harariiti Garuu bulchimsi Oromiyaa Bahaa magaaluma keessa haajiraatu malee mirga tokkoollee magaalattirratti hin qabu.

Naannoon Bulchiinsa Harari Gonkumaa ulaagaa Bulchiinsa naannoon akka ijaaramtu godhu hin qandu hin guutuus laafa qonnaa araddaa baadiyyaa "Hundane" Jechuun yaamamaa tueefi magaaluma Harar walitti ida'e akka naannootti ijaare wayyaanee fi Sarichii OPDOn.

Wayyaane fi harar liigin lafa Qonnaa Qoteebulaa Oromoo Harar sababa Sagantaa "Master plan of HARAR" je'un adda durummaa fi raawwachiisa OPDOn laftisaa gurguramee Oromoon lafa isaatirraa arihamaati jira.

Amma duuba master plan adda tahee baafachuun qonnaan bulaa Oromoo kan araddaa Dakar, Aw'umar je'aman keessaa Oromoo buqqaasuudhaan maqaa diaspora Harari je'un saba Harari qubsiisutti jiran. Kaayyoon isaa garuu hidda Oroomoo achirraa dhabsiisuuf kan karoorfameedha. Kana malees Oromoo fi saba Harari walitti naquu fi akka walirratti duulani wal fixan godhuuf kan karoorfameedha.

No comments:

Post a Comment