"Tufii Wayyanen Oromoo irrati qabdu bakka tokkoti dhaabbachuu qaba."- Ibsa Gummi Paarlamaa Oromoo

Bitootessa 24, 2015 | Ibsa Gummi Paarlamaa Oromoo

Wayyanen ODF ykn Obbo Leencoo lata xiqeesu yaaluun ishee Tufii uumataa Oromoof qabdu argisisi. Tufii fi jibinsi wayyanen Oromoo irrati qabduu sababa 100 ol dhiyeesun ragga ba’uu ni danda’ama.

  • Baratoota Oromoo badii tokko malee ajeesuu, hidhu fi dararuu barumsa irra ari’uu, sosodachisan biyya akka baqatan goochuu hojii guyya guyyan wayyanen raawacha jirtu dha.

  • Wayyane/TPLF lafa keenya hanga barbadee of samatee , kan gurguratee, isaa hafee ilee qabeenya waliin abidan gubdee baleessa jirti.

  • Lafa Nannoo Magalaa finfinee jiru hunda utuu uumani diduu seera fi heera federala cabsuun human fudhacha jirti,

  • Ummataa Oromoo gutuma isaa, Dhaabba OPDO fi miseensoota fi Ogannoota OPDO dabalatee media adunya irrati Abbayi Tshayee nama jeedhamun harabsamuu fi xiqaachuun uumataa keenya hunda Oromoo akka abida guguba jira.

  • Tufii wayyane kana irra darbudha naga fi arara barbacha Mangudon  fi Miseensa Buureesitoota ABO kan ta’aan obbo Leencoo lata yeero Mootummaa TPLF birra adeeman biyya isaan irrati nama lamafa goochun, utuu hin dubsiin kabaja dhorkachun sa’aa 24 akka biyya gadi dhisee ba’uu goochun isaani Tufii Obboo Lencoo lata qoofa utuu hin tanen tufuii uumataa Oromoof qaban argisisa.
Qabsoo keessati milka’uu fi milka’uu dhabuun jiratuu ilee ABO dhaaba TPLF dura hundafameef wayeen Ethiopia hunda caalaa kan isaa ilalatu fi Obboo Leencoo lata ilee akka miseensa buuresitota dhaabba kanati fi akka wixiinesaa mootuumaa ce’uumasa Ethiopiati kabajan dubifamuu qaba malee salphifamee ari’atamuu hin qabu. OPDOn uumataa keenya akka tufatamuu goote jirti, kana bakka tokkoti akka dhaabbatuu goochuu qabna malee wayyanee salphoo biirati dadabalee uumataa keenya saphisuu hin qabnu.

Goocha seeran ala, safuu fi kabaja uumataa Oromoo fi Qabsoota Oromoo dhabun wayyanee Dhaabilee fi Qabsa’ooti jabatani akka wayyane dura dhaabbatan goodha malee hamilee hin busuu. Goochan wayyanen ODF fi Oggana isaa irrati raawatee kun ODFf salphina utuu hin tanee enuuf iyuu barnoota ta’aaf jeena, sababin isaa yeeroo ama Oromoon kumi 80 ol mana hidha jiru kanati yeeroo ijoolen Oromoo ajeefama jiran kanati ODF utuu abbaboon simatamee galma mootumma seene hamilee qabsa’oota irrati bishan naqa ture. Ama garuu yaaliin ODF fi ilaalcha jibinsa TPLF ODF irrati qabdu, Hamilee qabsa’oota, Qeeroo Oromoo  fi ABOf injifanoo gudadha. ODF ilee dogogora isaa akka irra deebiyee xinxaluu fi dhaabbilee Oromoo haffan waliin gadi ta’ee akka mari’atuu isaa gargara.
Wayyanen hin amanamtu, haasaa hin beektu qawwee male jeechun ijeennoo cimma kan qabuu ABO fi degertooni isaa injifannoo gudadha. Mootummaan kun saba biyyatiif, dhaabbilee mormitoota fi akkasumasi nagga fi tasgabii biyyatif jeecha araraf qoophi kan hin tanee ta’uu isaa ABO mootummata adunyati joker wayyanen darbateef kana qabatee degersa fula kamiyuu gaafachuuf mirga fi hamilee qaba.
Miseensoon fi degertoon ABO kara walaka dhaabbata turan murtee isaa dhumaa murtefachuun ABO ciina hiriran qabsoo arifachisuun ama jeene amana. Wayyanen safuu fi kabaja hin beekne nagga fi ararafi qoophi akka hin tanee kana caalaa raggan waan hin jireef Bilisummaa Oromoo kan barbaduu nami token ta’ee, hawwasi fi dhaabbilee Oromoo tokkumaan qabsoo hidhanoo ABO gegesuu degerun tokkuman falmachuun dirqama lamumati jeena. Kana boode haalii ilalatamuu ykn caarran yaalamuu hin jiru. Caraan jiru Lafa abbaa of irrati falmachuu qoofa dha. Ini biyya keessa qeerooti makamee qabsoo finfinsudha, ini biyya ala WBO cina hirrun qabsoo shafsisudha. Malaqa fi lubu qusachaa bilisumaa teeny hawwuu dhifne wareegama hunda kafalee bilisoomuuf qoophi ta’uu keenya hamirkanesinuu.

Oromiyyan ni bilisoomti
Bitootessa 23, 2015

No comments:

Post a Comment