Warraaqsa Bilisummaa Jimma Keessatti Itti Fufeen Wal Qabatee Barattooti Oromoo Nagaa 10 Loltoota Wayyaaneen Butamuun Beekame.

Bitootessa 03, 2015 | Qerroo Jimmaa Irraa

Because I am OromoWarraaqsa Bilisummaa gootonni Qeerroon Yuniversitii Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas dargaggoonni Oromoo magaalaa gaafa Bitootessa 2,2015 Kaasaniin wal qabatee barattooti Oromoo nagaan 10 loltoota Wayyaaneen butamanii hidhamuu Qeerroon godina Jimmaa beeksise.
Gaaffii mirgaa dargaggoonni Oromoo kaasaniin wal qabatee  ergamtoota Wayyaanee EPRDF/TPLF sochii Qeerroo barattoota Oromoo dura dhaabbachuuf bobbafaman Muktar Kadirii fi Dammaqee Mokonnoon irratti mormii jabaan qabsiifameen wal qabatee Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii akka doorsifamaniif jecha humna waraanaa bobbaasuun namoota nagaa 10 gara mana hidhaatti geeffamanii jiru.

Goototni dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo hidhaan, ajjeechaan, daraara fi barnoota irraa arii’atamuun kabaja eenyummaa keenya, Oromummaa keenyaa, fi mirga abbaa biyyummaa keenyaaf qabasoo warraaqsa FDG karaa nagaa eegalle takka dhaabuu hin danda’u, nutis dargaggoonni Oromoo eenyummaa fi Oromummaa sarbamnee, Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa arii’atamaa fi buqqifama jiruu onnee ittin teenyee dhaggeffatnu hin qabnu.
Dhiyeenya kana Angawaan olaanaa Wayyaanee EPRDF/TPLF uummata Oromoo arrabsuu, doorsisuu, tuffachuu fi waraana duguggaa sanyiin wal madaalu nurratti labsee jira. Nuti wareegama qaalii kanfaluun mirga uummata keenyaa akka kabachiifnuuf nu dirqee jira. Haaluma kanaan warraqsaa FDG ergamtoota wayyaanee Muktar Kadirii fi Dammaqee Mokonnoon kenneen jedhaman irratti FDG kaachisuun, gaaffii mirga abbaa biyyummaa finiinsuuf akkuma murteeffanneen dhaadannoo Muktar Kadir Oromiyaa saamsisaa jira, Oromoo Arrabsiisa jira, uummata Oromoo irratti genocide labsisiisa jira, seeraatti dhiyaachuu qaba Oromoo bulchuu hin qabu, Angoo gadhiisuu qaba, Abbay Tsahayee angawaan wayyaanee yakkamaadha Angoo gadhiisuu qaba, yakka duguggaa sanyii Uummata Oromoo irratti rawwachaa jiruuf itti gaafatamuu qaba, filmaanni sobaa dhabbachuu qaba nuti dimookiraasii barbaadna, mirgi dimookiraasii fi namummaa nuuf kabajamuu qabu jechuun dhaadannoo angawoota Wayyaanee irratti dhageesisuun walqabatee barattootni Oromoo nagaan 10n olitti lakka’aman wajjira Poolisii Magaalaa Jimma Alaazer jedhamuun beekamutti hidhatti darbatamani jiru, kanneen keessa kan maqaan isanii adda baafanne.
  1. Barataa Guddisaa Amsaluu barataa mummee Afaan Oromoo Folkolorii waggaa 2ffaa
  2. Barataa Dajenee Gonfaa barataa mummee Afaan Oromoo Folkolorii waggaa 2ffaa
  3. Barataa adam Muktaar barataa muummee seeraa waggaa 2ffaa
  4. Barataa sisaayi Kabbadaa barataa Muummee seeraa waggaa 2ffaa
  5. Barataa Sisaayi muummee geography waggaa 2ffaa
  6. Barataa Musxafaa Idettoo mummee Biomedical Engineering waggaa 4ffaa
kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 10’n badii tokko malee yakka duguginsa sanyii uummata Oromoo irratti fudhatamaa jiruu fi haala qabinsa mirga namummaa fi dimookiraasii uummata Oromoo irratti ukkamsaa jiruu waan balaaleffataniif hidhatti darbatamanii jiraachuun mirkana’era. Adeemsi hidhaa ajjeechaa fi barnoota irraa ilmaan Oromoo arii’uun ilmaan Oromoo hunda gara qabsoo bilisummatti kan bobbaasuu malee duubatti kan hin deebifne ta’uun mirkanaa’aa jira. Ilmaan Oromoo kunneen atattamaan akka hiikaman guyyaa har’aa dargaggootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Wajjira poolisii magaalaa Jimmaa Alaazeritti argamu adeemuun gaafatan.

No comments:

Post a Comment