‘የፍቅር ከተማ’ jedhanii? ‘Yaa Marqa si Afuufuun si Liqimsuufi’:- [Kutaa 1ffaa]

Caamsaa 15, 2015 | Boruu Barraaqaa Irraa*

Namni marqa jaalatu akka kootii tokko barruu kana mammaaksa marqaatiin yoo jalqabu hancuufatu afaan guuta. Eeyee! Marqi nyaata aadaa Oromoo ti. Ho’aatti nyaatama. Xiqqoo qabsoo waliin qabuu gaafata. Qabsoo sin liqimsaa fi nan liqimsituudhaa. Dhuma irratti maraqatu moohama. Hangamuu yoo gube afuufamee qabbaneeffamee liqimfamuun isaa waan hin oolle taha.
Dubbii kaaneefitti haa deebinu. Habashoonni ummata Oromoo kana, gowwaa akka marqaa kan salphaatti afuufamee qabbaneeffamee liqimfamuuf godhanii laalu. Carraaqqii gowwoomsaa Habashootaa keessaa har’aaf ‘የፍቅር ከተማ’ jarri baantu fudhannee laalla. Magaalaaleen Oromiyaa kan Habashoonni ‘የፍቅር ከተማ’ jedhanii hurrii nutti maruu barbaadan bebbeekamoo dha. Jimma, Dirree Dhawaa, Baatee, Harar, Adaamaa fi Bushooftuun ‘የፍቅር ከተማ’ jedhamuun ‘leellifamu’. Kibba keessaa ammoo Hawaasaatu akkasitti ‘faarfama’. Hiikkaan ‘የፍቅር ከተማ’ kun abbaa dafee galuufii fi dafee hin galleef qaba.

‘የፍቅር ከተማ’n baanamu kun qolli isaa yoo laalamu heddu gurra namaatti tola. Ni mi’aawa. Walalootu walaleeffamaaf. Sirbatu sirbamaaf. Asoosamatu barreeffamaaf. Fiilmiitu hojjetamaaf. Wanti hin tahamneef hin jiru. Kan qola dubbii kanaa laalu jaalala dhugaa itti fakkaata. Qola isaa cabsee namni keessa firii dubbii kanaa laalu garuu dhugaa faallaa jaalalaa tahe arga. Namni dubbii tana arguu danda’u kamuu gaaffii jabduu takka dursee of gaafata. ‘Maaliif magaalaalee kanneen addatti filatanii ‘የፍቅር ከተማ’ jedhaniin?’ kan jedhu. Gaaffiin tun ammoo gaaffiilee biroo kaafti. Maaliif biyya isaanii Gondariin ‘የፍቅር ከተማ’ hin jenne? Bahir Daariin, Dabra Birhaaniin, Dabra Marqoosiin faa maaliif ‘የፍቅር ከተማ’ jechuu dhiisanii biyya namaa jaalatu? Biyya isaanii jaalalti hin jirtu moo?
Gaaffiilee kanneeniif deebii kennuuf dursa maalummaa magaalaalee maqaa dhoofne sanii haa laallu. Magaalaalee maqaa dhawaman kana waan wal fakkeessutu jira. Hundi isaaniituu Abiisiniyaa irraa ala haa tahan malee, lakkoofsa Habashootaa olaanaadhaan liqimfamoo dha. Mee tokko tokkoon tuttuqnee haa laallu. Jimma irraa yoo eegallu, Jimmi biyya Oromoo ti. Haa tahu malee magaalaan isaa sabaa fi sablammootaan dhaalamee Oromoon akka abbaa biyyaatti mataa ol qabatee keessatti hin mul’atu. Kutaan kun lafa argama bunaa waan taheef seena qabeessa.
Jimma qabeenyaa uumaa keessumattuu omisha bunaa, jimaa, dammaa fi omisha qonnaa biroo heddumminaan waan qabuuf Oromoon abbaan biyyaa mataa gad qabatee alagoota ofirratti baatee maqaa ‘የፍቅር ከተማ’ kanaan burjaajeffamee akka bulu barbaadama. Gaafa fedhan Abbaa Jifaar itti faarsanii Abbaa Joobir ammoo akka ‘shiftaa’tti balaaleffatu. Tooftaa adda addaa uumanii ummata kutaa kanaatti hurrii maru. Garaa laaffifachuu yaadu. Oromoonni dhalatoo magaalaa Jimmaa firoomaa fi seenaa madaa Oromummaa Oromoo kutaalee biroo waliin qaban jabeeffachuu mannaa faaruu ‘የፍቅር ከተማ’ kanaan hawatamanii akka Oromummaa irraa fagaatan irratti dalagamaa yoona gahe. Hin milkoofneef malee sabaa fi sablammoota godinaa kana magaalaa fi baadiyyaa keessa dur irraa qabanii qubatan qabachuudhaan, Jimmaan Oromiyaa irraa muratanii ‘Zoonii addaa’ jedhanii abbaa itti tahuufis yaalanii turani.
Dirree Dhawaan akkasuma magaalaa furtuu diinagdee biyyattii ti. Daandiin baaburaa Shaggarii ka’u Dirree keessa qaxxaamuree Jabuutii seena. Omishni biyya irraa gara alaatti baaburaan guuramu yookiis kan ala irraa baaburaan biyya seenu Dirree Dhawaa keessa qaxxaamuruun dirqama. Kana malees Dirreen wiirtuu omisha jimaa, bunaa, kudraa fi mudraa kan naannawa san irraa guuramuu tahuudhaan biyyattii keessatti tarree duraa irratti beekamti. Kunis biyyattiidhaaf madda galii isa olaanaa dha. Kana irratti ammoo eega gaafa lola Calanqootii qabee Dirreen harka Nafxanyootaatti waan kuftee jirtuuf, jiraataa magaalattii keessaa walakkaadhaa gadi kan hin taane Habashootaa fi sablammoota faana isaanii dhawanii dhufuun qubatanii dha. Oromoon magaalattii keessa jiru Habashoota lafa isaa cunqursanii dhufanii irra qubatan waliin hudha wal qabaa dirqiitti dhiibbatee yoona gahe. ‘Cirracha gamaa fi Cirracha gamana’ jechuun qoodamni magaalaa Dirree Dhawaa keessa jiru qoodama ergaa siyaasaa guddaa qabuu dha.
Oromoon Dirree dachii isaa dhuunfatee abbaa akka itti hin taaneef jecha maqaa ‘የፍቅር ከተማ’ jedhuun burjaajessanii bara baraan irra taa’uu barbaadu. Summii isaanii dammaan dibame kanaanis, kunoo har’a Dirreen haati madda gootota Oromoo harmee isii Oromiyaa irraa humnaan muramtee addatti mootummaa federaalaa jalatti bulfamaa jirti. Akkasuu tahee garuu, galanni cichoomina jiraattota Oromoo magaalattiitiif haa tahuutii, har’sa taanaan Dirreen Oromoo Oromoo jettee urgoofti. Ummanni Oromoo Dirree ilma namaa namummaadhaan kabajuu, simachuu fi keessumsiisuu itti beeka. Haa tahu malee faaruu sobaa ‘የፍቅር ከተማ’ jedhuun gonkumaa osoo hin burjaajofne yoona gahe.
Harariin yoo fudhanne Jogola (dallaa) warra Harariitu keessatti argama. Harar akka seenaatti yoo taheef magaalaa Oromoo fi ummata Hararii ti. Ummanni kun lamaan duula gaafa Calanqoodhaa waloon of irraa lolachuu irraa qabee hanga har’aantanaatti nagayaan waliin jiraachuun beekamu. Habashoonni eega Harargee cabsanii booda Harariin ‘katamaa’ isaanii godhatani. Bal’inaan irra qubatani. Oromoo baadiyyaatti irraa dhiibanii, Hararootas Jogol keessatti murteessanii akka barbaadanitti magaalattii dhuunfatani. Gaafa barbaadanis dhalattoota Hararii qabatanii ittiin Oromoo dhawuuf tattaafatu. Habashoonni har’ayyuu taanaan magaalaa Harar maqaa warra abbaa biyyaa Oromoo yookiin Harariidhaan waamuu mannaa ‘biyya Raas Mokonnon’ jedhanii waamuu hin dhiifne. Wallisaan Habashaa tokko baruma Wayyaanee kana sirba baase tokko keessatti:
‘ሓረርን ኣልሰጥሽ የራስ መኮንን ነው
ሸዋን እንዳልሰጥሽ ያፄ ሚኒልክ ነው
ጅማን እንዳልሰጥሽ የነ ኣባጂፋር ነው’ Jechuun yeroo summii isaa tufu warra biyya bulchina jedhu keessaa kan isa gaafate hin turre.
Dallaa yookiin jogola Hararii san irraa kan hafe lafti bal’aan magaalaa Hararis tahee baadiyyaa naannoo isaa kan omishni qonnaa irraa guuramu biyya Oromoo akka tahe beekamaa dha. Habashoonni garuu magaalaa Harar dhuunfatanii Oromoo baadiyyaa irraa qoraan, cilee, buna, jimaa,aanan, dhadhaa, kudraa, mudraa fi midhaan adda addaa isaanitti guuru gatii tolaatiin irraa nyaatanii baratanii baruma baraan akkasitti jiraachuu hawwu. Akka Oromoon magaalaa Harar mirga abbaa biyyummaa hin kaafne afaan qabuuf jecha ‘የፍቅር ከተማ’ jedhanii gowwoomsuu hedu. Maqaadhaaf Harar magaalaa guddittii Harargee Bahaa ti. OPDOn garuu sagalee ol fudhattee magaalaa kana keessatti mirga Oromoon qabaachuu malu falmuu hin dandeenye. Inumaa waajjirri bulchiinsa Oromoo akka magaalaa kana keessa jiru hanga dagatamutti Harar tarree magaalaalee Oromiyaa keessatti maqaan isii guddina isiitiin gitu hin dhagahamu. ‘የፍቅር ከተማ’ waan taateef.
Kutaa 2ffaadhaan dhihootti walitti deebina.
Boruu Barraaqaa: gulummaa75@gmail.com

No comments:

Post a Comment