Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Sulultaatti Keessatti Hojjettooti Dhalootaan Oromoo Ta’an Tikoota Wayyaaneen Dararamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Caamsaa 15, 2015 | Gabaasa Qeerroo Sulultaa

aa
Sulultaa
Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee aanaa Sulultaatti hojjattoota mootummaa dhalootaan Oromoo tahanii karaa basaastota isheetiin adda baasuu fi doorsisuutti akka jiran Qeerroon gabaase.
ABO fi  Paartii congiransii federalistii Oromoo waliin tahuun hojjachaa jirtu sababa jedhuun sabboontota hojjattoota mootummaa addatti dhalootaan Oromoo tahan dabballootaa fi kaadiroota Wayyaaneetiin goolamaa jiru. Osoo hojii keenya hojjatanuu maaliif dhaaba biraa duukaa hiriirtu? Dhaabni keenya ni moo’ata booda eessa seentu? Kanaafuu Xaalayaa bakka bu’iinsaa dhaaba mormitootaa irraa fuutan nuuf laadhaatii gara dhaaba keenyatti deebi’aa jechuun doorsisaa kan jiran yoo tahu sabboontonni hojjattoonni kunneen mirga diimookraasii jettanii lallabaa turtaniidha waan taheef nu dhiisaa jechuun mormii dhageessisuun dura dhaabbataniiru.

Diddaa kaafatan sababaa jedhuun barsiisotiin dhalootaan Oromoo ta’an hidhaman keessaa , Ballaxaa Tarreessaa barsiisaa m/b caancoo sad.  2ffaa fi  Tafarii Alamuu Badhaadhaa barsiisaa m/b darbaa sad.1ffaa keessatti argamu.

No comments:

Post a Comment