Caamsaa 19, 2015 | Baarentuu Gadaa Irraa
Mee seenaa Habshootaa keessatti bara kam …? eenyurraa eenyutti Angoon
karaa nagahaa darbee beeka …? Seenaa isaanii keessa kan jiru.. kan
beekamu … aangoof jecha ilmi abbaa ajjeesa, abbaan ilma ajjeesa, niitiin
dhirsa ajjeesti, dhirsi niitii ajjeesa. Kan seenaa isaanii keessatti
beekamu aangoof jecha yoo Obboleessi, obboleessa ajjeesu, yoo lammiin
lammii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi dararuu dha. Inni aangoo dabarsus,
inni aangoo kennus du’aa fi ajjeechaa malee aangoo walii dabarsuu akka
salphinaatti ilaala. Mariin, karaa nagahaatin aangoo walii dabarsuun
Habshoota biratti du’a, aadaa badaadha, sirna cabsuu dha. Nagahaan wal
bulchuu hin barbaadanis hin beekanis. Aadaan isaanii, barmaatileen
kunuunsanii wal-dhaalchisaa asiin gahan jaalala, ollaa ofii waliin
nagahaan jiraachuu osoo hin ta’in aangoof jecha wal qaluudha, wal
fannisuudha, wal hidhuudha. Dhiiga walii dhangalaasanii, summii wal
nyaachisanii aangoo walirraa fudhachuudha.
Aadaa Habshootaa keessatti nama namaan morme ajjeesanii, hidhanii
aangorra turuun, bara bittaa dheereeffachuun gootummaa dha. Yoo ofii
dadhabanilleen akka aangoon nama biraa harka hin seenne maatiin wal
dhaalchisuun aadaa isaaniti. Aangoo haala kanaan qabatanitti
fayyadamanii aadaa, seenaa fi afaan ummattoota biraatti duuluun
balleessanii qabeenya ummatichaa saamaa jiraachun isaan biratti gocha
heebbifamaadha. Waan kalees har’as itti jiraniidha. Hidhaan, saamichi fi
ajjeechaan har’a wayyaaneen ummata Oromoorratti gaggeessaa jirtus
ittuma fufa deemsa aadaa fi sirna bittaa Habshootaa ta’uun ifaadha. Osoo
murni ISIS fi Alqaa’idaa jedhamu kun hin dhalatin dura wanta har’a ISIS
dalagaa jiru kana kan ummata Oromoorratti dalagaa ture bittoota
Habashaati. Kan fagoo fi dur durii dhiifnee kan namni ‘Astee Teediroos’
jedhamu ummata Oromoo walloorratti raawwate yoo kaafnee ilaalle humnaan
mootii irratti ta’uuf jecha dhiiraaf dubartii, xiqqaa fi guddaa osoo hin
jedhin ejjetatti harkaa fi miila ciraa turuu seenaan ifatti lafa
kaa’eera. Minilikis erga maatii fi firoottan isaa fixee aangoo humnaan
qabatee booda duula Oromoorratti gaggeesseen seenaadhuma Teediroos irra
deebi’uun harkaa fi harma lammiilee Oromoo Muruun yakka sukanneessaa,
raawwateen bara bittaa fi saamichaa dheereffate. Inatala Miniliki
Zawidtuu ajjeesuun kan Aangotti dhufe H/sillaaseenis taa’ee rakkoo
Impaayeerittii keessa jiru karaa nagahaatin furuurra
cunqurfamtootarratti bara bittaa fi saamichaa dheereeffachuuf jecha
akkuma aadaa abbootii isaa ajjeechaa fi dararaa itti fufe. Waggoota
44fis ummattoota Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiranirratti
keessumaawuu ummata Oromoorratti sirba bittaa fi hacuccaa diriirsee
yakka sukanneessaa raawwataa ture. Kan gaafii cunqurfamtootaa butuun kan
ofii taasifatee, H/sillaasees ukkaansee ajjeesuun aangoo dhuunfate
Kolaneel Mangistuu H/Maariyaamis gaafii sabaa fi sablamootaa belbelaa
ture karaa nagahaan furuurra akkuma abbootii isaa humnaan ukkaamsee,
ajjeesaa fi hidhaa bulchuu itti fufe, yaale. Kan mirgaa fi bilisummaa
gaafate hunda akkuma aadaa abbootii isaa gittoota bittaa Habshootaa
ajjeesuu fi hidhuu babalise. Waggaa 17f Impaayeerri Itiyoophiyaas dirree
du’aa fi ajjeechaa taate dabarte.
Kufaatii Dargii booda kan qabsoo saboota cunqurfamoo gara dabarsuu fi
shiraan aangoo Impaayeera Itiyoophiyaa dhuunfatte murni wayyaanee ammoo
mootummoota Habashaa ishiin dura turan kamirrayyuu caalaa murna hidhaa,
dararaa fi ajjeechadhaan bara bittaa fi saamichaa dheeraffachuuf
murattee kaate ta’uu mirkaneessite. Haaluma sanaanis kunoo waggoottan
24n darbaniif Imapaayerittii dhuunfattee cunqurfamtoota keessumaawuu
ummata Oromoo ajjeeftee, hitee saamaa jirti.
Fuunduraafis karaa
nagahaatiin aangoo gadi dhiisuuf akka fedhii hin qabne afaaninis,
gochaanis ifatti mirkaneessaa jirti. Seenaalee mootummoota Habashaa
darbanii fi wayyaanee ammaarraa muldhachaa jiru kanarraa ka’uun
salphaatti wanti hubachuus ta’e tilmaamun danda’amu amma bittoonni
Habashaa darbaa dabarsaan sirna saamichaa fi cunqursaa diriirsanii as
gahan kun iddichaa hin buqqa’initti Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti
aangoo karaa nagahaatiin walitti dabarsuun hin danada’amu.
Impaayeera itiyoophiyaa keessatti akka karaa nagahaatin aangoo
walitti dabarsuun hin danada’amne kan kaleessaa arginee dabarree jirra,
kan wayyaanee ammaa ammoo akkuma argaa fi dhagahaa jirru murna karaa
nagahaatin aangoo dabarsuuf qophii qabduu miti. Inumaawuu sichi waggaa
50 fi 60f ummattoota cunqurfamoo Impaayeera Itiyoophiyaarratti karoora
saamichaa baafattee socho’aa jiraachutu ifatti irraa muldhachaa jira.
Egaa dhugaa ifaa fi muldhataa akkasii Osoo arganuu wayyaaneen karaa
nagahaatin aangoo gadi nuudhiifti jedhanii diraamaa maqaa filannootin
gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuun maal bu’aa buusufi …? – anaaf
gowwumaadha. Gowwummaa qofas osoo hin ta’in lammiirratti bara gabrumaa
fi saamichaa dheerressuu dha. Karaa nagahaatiin aangoo walii dabarsuun
aadaa isaanitii miti, aadaan isaanii amma qawween bu’anitti taayitaa
qabatanirratti cichuudha. Waan aadaa isaanii hin taaneerratti yeroo ofii
gubuun ammoo dhugaa lafarra jiru hubachuu dhabuudha, raata’uudha. Cida
namaarratti harka dhahuuf argamuudha. Ittuu saamichaa fi ajjeechaa
lammiirratti jajjabeessudha.
Diraamaa amma maqaa filannootiin gaggeeffamaa jiru kana irraa ummanni
Oromoo faayidaa takkaa hin eegu, hin argatus, tarii namoonni murtaawan
mormitoota keessaa paarlaamaa galuu danda’u, yoo paarlaamaa taa’anii
iyyuu ta’e malee bilisummaa ummanni Oromoo dheebootee jiruuf deebii hin
ta’u. Wayyaaneen injifatamtus murna aangoo gadi dhiiftuu miti.
Wayyaaneen Erga gaafii ummattootaa gara dabrsitee aangoo qabattee
waggoottan 24 darbaniiru, Filannoon fakkeessii 4s darbeera, kun 5ffaa
dha. Mormitoonnis paarlaamaa galanii bahaniiru, Wanti karaa filannoo
fakkeessii kanaan dhufee fi argame hin jiru. Inumaawuu falannooleen
darbanis ta’e kan ammaa akka wayyaaneen mootummaa dimookiraatawaa of
fakkeessitee maqaa saboota biyyattiitin hololttuu fi gargaarsa guurrattu
taasise, taasisaa jira. Bu’aan cunqurfamtoonni filannoolee darbanirraa
argatan garuu hidhamuudha, dararamuudha ajjeefamuudha. Filannoon ammaas
kanaan addaa miti. Akkuma argaa fi dhagahaa jirru maqaa filannoo
fakkeesitii hololamaa jiru kanaan bakka marattuu ilmaan Oromoo
balleessaa tokko malee hidhamuu dha, ajjeefamuu dha, saamamuu dha.
Egaan warri maqaa filannoo ifaa fi bilisaatiin wayyaanee injifannee
aangoo qabanna jedhanii habjootaa turanii fi jiran dhugaa Impaayeera
Ityoophiyaa keessatti ta’aa turee fi jiru keessumaawuu diraamaalee maqaa
fialnnootiin wayyaaneen waggoottan 24n darbaniif gaggeessaa turte of
duuba deebi’anii ilaaluu qabu. Wayyaaneen gongumaa murna karaa
nagahaatiin aangoo gadi dhiisuuf qophii qabduu miti. Murna ajjeesaa,
hidhaa fi ukkaamsaa jiraachuuf murteeffattee socho’aa jirtuu dha. Akkuma
arguu fi dhagahuuf teenyu filannoon fakkeessii darbee osoo oolee hin
bulin kunoo parsantii ammanaatin injifadhe jettee yoo lallabattuudha.
Yoo of muududha.
Dhugaa kana namni beeku fi hubatu ammoo gama kamiinuu
wayyaaneerraayiin karaa filannootin aangoo fudhadha jedhee hawwuus,
eeguus hin qabu. Kan at’u qabu akkuma ABOn ganamumaan deemsaa fi amala
wayyaanee baree qabsoo hidhannoo morannoon irratti gaggeessaa jiru
fallii fi daandiin jiru irree tokkoon murna saamtuu fi weeratuu tana
gateettii ummata keenyaarraa buusuf qabsaawudha.
Namni kamuu karaa fala jedheen qabsaawun mirga isaa ta’us
Wayyaaneerraa kadhaa ykn maqaa filannoo sobaa fi fakkeessitiin aangoo
qooddanna jedhanii hawwii hin taanee, hawwii Tiitisarraa Damma Hawwuu,
hawwuun dogongoraa fi hubannaa dhabuudha. Hubannaa dhabuun ykn anatu
beekaadhaan kan Wayyaaneerraa maqaa filannootiin aangoo eeguu yoo
jiraate garuu Titisarraa Damma Eggudha, kan Tiitisarraa Damma eegee
dhabeef ammoo rakkoon kan Tiitiisaa osoo hin ta’in, kan nama Tiitisarraa
Damma Eggee dhabee ta’uun hubatamuu qaba. Kanaafuu holola maqaa
filannootin gaggeeffamaa jiru dhiifnee qabsoo hidhannoo eegallee
jabeessinee itti fufuudhaan mirgaa fi bilisummaa saba keenyaatif qabsoo
keenya jabeesinee itti fufuun dubbii fardiidha!
* Baarentuu Gadaa: gessogeda@gmail.com
No comments:
Post a Comment