"Sagaleen wayyabaa ukkaamfame miilli mataa tahee mataan miila tahe jira!":- shira Oromoo Harargee Bahaa irratti dalagame!!!

Caamsaa 13, 2015 | Murti Guuto Irraa

Akka Heera Mootumaa Hararii amma jiruun Oromoon Harargee bahaa kan magaalaa harar keessa jiraatu osoo magaalaan Harar teesso handhuura Oromiyaa harargee bahaa taate jirtu Oromiyaarraa kophaa baasani naanoo ummata Hararii jedhamee yerroo ammaa daangefamee keessa jiraatuu tun sagalee isaatin dhaaba Oromoo filatee naanichii Oromoo dhaan akka bulu goochuu irraa kan isa dhoorkuu ta’uu ni beektuu laata?


Akka heera Mootuumaa Naanoo Hararii bara 1988 bahee kewwata 26(1) ttin Manni Maree Ummata Hararii qaama angoo ol’aanaa Naanichaa akka ta’ee fi itti yaamamnii isaas ummata naanichaaf akka ta’ee ni ibsa. Kana jechuunis qaamni ol’aanaa naanichaa mana marree kana dha jechu dha. Akka 
Kewwatta kanat Manni Maree Ummata Hararii Gumii Bakka Bu’oota Ummataa Fi Gumii Biyyooleesaa Ummata Hararii bakka tokkooti walgahaani ta’uu ni ibsa. Akkaataa Hundeeffamaa fi qoqqoodinsa Gumiiwwan ibsan lamaan kanaas kewwata 25 heera mootummaa naanichaa irrati yoo ilaaluu:-

  • a) Gumiin Bakka Bu’oota Ummataa Naanoo Filanoo lama irraa miseensoota filataman ni qabaata. Kuunis Naanoo Filanoo Joogool irraa miseensoonii 4 akka filataman fi Naanoo Filanoo Joogool ala irraa immo miseensoota 18 akka qabaatuu idaa’aaman miseensoota 22 akka qabaatu agarsisa.
  • b) Gummin Biyyooleesa Ummata Hararii immo miseensoota 14 saba Haararii Naanichaa kessa jiran ykn saba Haararii Naanicha ala jiran irraa filataman akka qabaatan ni ibsa(xiyyefanoo:-kuudha-afranuu sabuumaan isaani Haararii ta’uu qabu).

Haaluma kanaanis akkata huundefama Manni Maree Ummatta Harrarii jedhamee heera mootumaa isaani irratti kan ibsamee kana dantaa ummata Oromoo waliin walbira qabanee yoo xiinxalluu qaamnii abbaa angoo Ola’aanaa Naanichaa ta’uun ibsame kun akka Kewwa 23(2) heera Mootummichaati miseensoota 36 kan qabuu yoo ta’uu isaan kana kessaas :-
1)Miseesnoon Gummii Biyyooleesa Hararii 14 dirqama sabumaan isaanii Haararii(Adaree) ta’uu akka qaban heerii mootumaa naanichaa waan dirqisisuu fi 
2) Miseesnoon 4 immo naanoo Filanoo Jogool kessaa qofa filtamuu akka qaban waan dirqisisuuf Joogool kessati kan jiraatan baayinaan Saba Adeeree waan ta’aan afranuu Aderee ta’uuf carraa ol’aanaan waan jiraatuuf 14 +4=18 waan ta’uuf mana mare ummataa miseensoota 36 qabuu kessa miseensii 18 akka saba Haararii qofa ta’uut herregamee heera tuumamee kanaan sabanii Oromoo Naanoo Harari jedhamee har’a daangefamee sana kessatii baayinaan 1ffaa ta’uus gama kaminuu ta’uu sagalee isaatin fayyadamee mana mare Oromoon ol’aanaa itti ta’ee huundesuun naanicha buulchuu akka hindanda’enye agarsiisa. Sababin isaas akka heera Mootuumichaa Naanichaat manni mare ummata Naanichaa kana kessati sabnii Hararii dirqama teesuuma isa walakaa qabachuu waan qabuuf sabnii Oromoos ta’ee kan biroo mana marricha kesaati tesoo harka caalmiyaa yoo qabaatee alherawaa(unconstitutional) ta’aa.
Manni Maree Ummatoota Naanoo Hararii miseensoonii walakaa isaa dirqama saba Hararii akka ta’aan godhamee heeraan tuumamee kun angoo ol’aanaa Heera Naanichaa tumuu fi Pireezdaantii naanichaa muuduu dabalatee angoo gurguudaa naanichaa akka qabuu fi angoo siyaasaa ol’aanaas akka qabu keww 23(1) fi 26 heerichaa irraa waan hubatamuuf silaa tessumnii haarkii walakaa dirqamaan saba tokko qofaan akka qabamuu godhamee heera mootummaa Naanichaan tuumamuu baatee Sabnii Oromoo naanicha kessati lakkoofsaan hunda caaluu kun sagalee isaatin dhaaba Siyaasaa dantaa Oromoo kabajisuu filaachuu dhaan naanichii Oromoon akka buulfamu godhuu nidanda’aa ture.
Pireezdaantii naanichaa kan mana maree ummataaf dhiyeessee muudchisuu Gummii Biyyooleesa Hararii miseensoota 14 dirqama sabumaan isaanii Haararii(Adaree) ta’aanin huundefama jene armaan olit ibsinee ta’uu isaa Keww 29(5) heerichaa irraa waan hubanuuf haala kaminuu yoo ta’ee pireezdaantiin naanichaa sabaan Adeeree ta’uu akka qabu nuf agarsisa.
Eegaa dhaaba Siyaasaa Oromoon sagalee isaatiin abbaa barbaadee filatee Naanoo Hararii akka hinbuulchinee gochuuf heera Mootumaa akkasi tuumuun Naanoon Hararii kan Adareen qoftii ol’aantumaan buulchuu goodhe saba biicu madaalli kaminuu naannoo arkachuu hin qabne naannoo akka qabaatu taasise jira.
Sagaleen wayyabaa ukkaamfame miilli mataa tahee mataan miila tahe jira!!

No comments:

Post a Comment