DIDDAA 2Waxabajjii 13/2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa eebba eebbifamtoota barattoota Oromoo ilaalchisuun qophii addaa qopheeffachuun qabsoo Bilisummaa Oromoo hangagalii isaaga’utti kutannoo fi muratnoon garboonfataa maksuuf kan hojjetan ta’uu waadaa isaanii haroomsan.

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa qophii bifa addata’een mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii keessatti qopheeffachuun walaloolee warraaqsaa fi sirboota warraaqsaa garaagaraa dhageesisuun diina uummata  Oromoo kan rifaasisanii fi Oromummaa, Eenyummaa fi mirga abbaa biyyummaa isaaniif falmachuuf yoomiyyuu duubatti kan hindeebine ta’uu sagantaa kana irratti ifatti beeksifatan. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa human waraanaa fi humnoota tikaa Wayyaaneen eeggichaan hamaan irratti gaggeeffamaa kan jiruu fi ture yoo ta’uu, Oromoo taanee jiraachuu fi mirgaOromoon qabu sarbamee jiruu fi bilisummaa keenyaaf falmachuuf eenyu iyyuu nu daangessuu hindanda’u jechuun murtii isaanii dabarfatan.

Goototni Barattootni Oromoo qophii kana irratti walleewwaanii fi walaloolee waraaqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun addatti qophii isaanii kan miidhakfatan yoota’uu, haalli aangoo walirraa fudhinsaa(Baalli walitti dabarsuu) Gumii guddina aadaa seenaa dagaagina Afaan Oromoo gidduutti gaggeeffamera. Yeroo amma kanatti akka biyyattiitti gumiiwwaan Afaan Oromoo dhaabbilee barnoota ol aanoo keessa jiran keessatti mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin dirqisifamee wayita cufamee jiruutti, garuu gamtaa fi tokkummaan barattoota Oromoo haalan jabachuu fi barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa waan kamiyyuu dursa eenyummaa Oromummaa isaanii irratti wareegama kamuu baasuuf qophii ta’uu isaanii irraan gumii Afaan Oromoo mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti dandamachiisuun akka lubbuun jiraatu gochuu danda’aniru.

Qophiin addaa Eebba eebifamtoota Barattoota Orompoo dhaabbilee barnoota olaanoo kunis akeekaa fi kayyoo guddaan yeroo amma kana dhaabbilee barnoota Oromiyaa Yuuniversiitota kanneen akka Wallaggaa, Amboo, Adaamaa, Finfinnee, Haramayyaa, Dirree Dawaa, Mattuutti itti fufinsaan gaggeeffama jira. Qophii addaa Yuuniversiitii Jimmatti qopha’ee amma illee itti fufinsaan adeemsifama jiru kun Eebbaman guddootaa fi sirboota warraaqsaa fi Walaloolee qabsoo bilisummaa Oromootti nama akeekuu fi Qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun egaalamee kana waraabbii sagalee fi vedio of harkaa waan qabnuuf akka rakkoon network furmata argatutti kan isin qaqqabsifnu ta’a, hangasitti eebbaa Manguddootaa fi walaloolee warraaqsaa isiniif dhaamnee jirra.