Oduu Tarkaanfii WBO Godina Bahaa

Waxabajjii 13, 2015 | Sagalee Bilisummaa Oromoo

Humni Addaa WBO Godina Baha Oromiyaa keessatti tarkaanfii diinaa fi ergamtoota... diinaa irratti fudhatu jabeessee itti fufe.

Waxabajjii 03 fi 05, 2015 gidduutti Humni Addaa WBO Baha Oromiyaa keessatti iddoo adda addaatti miseensota tikaa, poolisootaa fi lukkeelee wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatuun injifannoo galmeessuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa oduu tarkaanfii SBOtti ergeen beeksisee jira.

Haaluma kanaan Waxabajjii 03, 2015 Humni Addaa WBO Harargee Bahaa magaalaa Biyyoo ykn Harar keessaa bakka araddaa 17 Qalaad-Ambaa jedhamee yaamamutti haguuggii Abu-kaatoo ykn Xabaqaatiin miseensa tikaa sirna wayyaanee ta’uun ilmaan Oromoo irratti yakka gugurdoo hojjechaa kan ture Gabremadiin jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen ajjeessuu isaa Ajaji WBO Godina Bahaa ifa godhee jira.

Haaluma walfakkaatuun WBOn Godina Bahaa Waxabajjii 04, 2015 Harargee Bahaa Ona Bakkoo naannoo Fadis keessaa bakka Mudhii Baallii jedhamu keessatti poolisoota wayyaanee dalagaa diinummaa fi ummata gooluuf bobbaafaman 4 hidhannoo isaanii waliin to’atnaa jala oolchuun isaa gabaafameera.

Gama biraan Humni Addaa WBO tarkaanfii isaa itti fufuun Waxabajjii 05, 2015 Baha Harargee Ona Baabbilee keessaa ganda Gammachuu jedhamu keessatti ergamtoota/lukkeelee wayyaanee hojii yakkaa irratti bobba’an Bareentoo Abraahimaa fi Ahmad Abdoo Umar jedhaman irratti tarkaanfii fudhatee ajjeesuu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksisee jira.

Farreen kunniin yeroo filmaata kijibaa wayyaanee barataa Bahaar jedhamu kan kutaa 10ffaa baratuun mootummaa keenya filuu didde ittiin jechuun hidhanii mana hidhaa keessatti dararaa ulfaataa irraan gahuu irraa, barataan kun dandamachuu dadhabee Waxabajjii 04, 2015 lubbuun isaa darbuu oduun nu gahe ni hubachiisa. Tarkaanfiin kunis gumaa barataa kanaaf akka ta’e Ajaji WBO Godina Bahaa hubachiisee jira.

Tarkaanfiin diinaa fi farreen irratti fudhatamu jabinaan kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa waytuma kana ibsee jira.

No comments:

Post a Comment