Oromooti Sagal Hidhaa Hiikaman

Waxabajjii 30, 2015 | Oromedia

Sabboontoti Oromoo Oromummaa isaaniitiin yakkamanii wagoota turban darbaniif manneen hidhaa Itoophiyaa keessatti gidirfamaa bahan sagal hidhaa waggaa torbaa booda hiikaman.

Raadiyoon Sagalee Oromoo (OVR) akka gabaasetti, hidhamtooti siyaasaa Oromoo salgan kunneen bara 2008 keessa sababa Oromummaa isaaniitiin yakkamaniii hidhaatti kanneen guuraman turan.
Akka odeessa nu gaheetti, sabboontoti hiikaman kunneen kanneen galmee Ob. Tasfaahuun Camadaa fa’aa jalatti himatamnii turanii murtiin dabaa irratti darbee ture ta’uun beekameera.
Kanneen yeroo amma hiikaman saglan,

1. Ob. Isheetuu Kitil
2. Ob. Kabbadaa Booranaa
3. Ob. Baqqalaa Nagarii
4. Aad. Abarraash Yaadataa
5. Ob. Waabee Hajii
6. Ob. Roobaa Gaddafaa
7. Ob. Baayisaa Huseen
8. Ob. Olaanii Jabeesaa
9. Ob. Haayiluu Dalasaa ti.

Hidhamtoota kunneen waliin hiikamuun kan irra ture Ob. Dajanee Dhaabaa garuu haga yoonaatti mana hidhaa Zuwaay irraa akka hiikamne beekameera. Hidhamaan murtiin umurii guutuu irratti darbe Ob. Masfin Abbabaa Abdiisaas hidhaa hidhaa umurii guutuu baatee gidiraa argaa jira.

Akka yaadatamu, Ob. Tasfaahuun Camadaa wagga tokko dura mana hidhaa keessatti ajjeefamuun isaa kan beekmuudha.

Aad. Lalisee Wadaajoo manni murtii waliigalaa bilisa wana gadhiiseef dursitee baate.

Ob. Baqqalaa Jiraataa fi Ob. Dajanee Booranaa immoo otuu wabiin jiranii murtiin dura biyyaa waan bahaniif bakka hin jirretti murtiin itti dabrbee jira.
———-

No comments:

Post a Comment