Ibsa Tarkaanfii Waraanaa ABO

Adoolessa 20, 2015 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

asxaa_oromoWaraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Humna Diinaa Magaalaa Harar Irraa KM.20 Qofa Fagaatee Ona Fadis Naannoo Bokkoo Bakka Bobbaasaa Jedhamu Qubatee Ture Barbadeesse. Loltoota Diinaa 28 Olis Hojiin Ala Taasise.

Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn, bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf tarkaanfii haleellaa diina irratti fudhatu babal’isuu fi jabeessuu irratti argama. Tarkaanfii boonsaa tibbana Baha Oromiyaa keessatti fudhateenis injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Akka kanaan Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) Godina Baha Oromiyaa keessa sossohu Adoolessa 16, 2015 Baha Harargee Ona Fadis keessaa bakka Bobbaasaa jedhamu kan naannoo Bokkootti argamu mooraa qubsuma waraana Wayyaanee weeraruudhaan tarkaanfii rifachiisaa irratti fudhateen loltoota diinaa 28 ol hojiin ala gochuu fi meeshaalee waraanaa dabalatee qabeenya adda addaa booji’ee dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchuudhaan injifannoo cululuqaa galmeessuu Ajajni WBO Godina Baha Oromiyaa beeksisee jira.

Tarkaanfii laalessaa WBOn qubsuma waraana wayyaanee Bobbaasaa jiru irratti fudhate kanaan diina irraa loltootni 13 yeroo ajjeefaman, 15 ol ammoo haalaan madeeffamuu kan ibse Ajajni WBO Godina Bahaa, meeshaaleen waraanaa qawwee AK.47 17, rasaasota gosa gara garaa 4000 ol, Boombilee harkaa 23, Hidhannoolee mudhii 27, Raadiyoo Quunnamtii (icom) 2, Mobile (cell phone) 6, kuufama galaa fi mi’oota adda addaa diina irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchuu addeessee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Caamsaa 16,2015 Oborraa Ona Malkaa Bal’oo bakka Jalloo jedhamutti qondaala tikaa sirna wayyaanee kan naannoo sanii Huseen Ahmed Mussaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen ajjeesuun, akkasumas Caamsaa 23,2015 Baha Harargee Ona Calanqoo araddaa ganda Goodii jedhamu keessatti poolisoota wayyaanee Mahaammad Abrahimii fi Umar Siyyoo jedhaman dhuunfatuun kan yaadatamuu dha. Kana malees Caamsaa 24,2015ttis Humni Addaa WBO Baha Harargee magaalaa Harar bira naannoo Hundanee jedhamtutti ummatatti roorrisaa kan ture ajajaa humna poolisii naannoo kanaa Ajajaa 50 (Saajin) Abbabaa Asaffaa jedhamu irratti tarkaanfii maayyii fudhateen ajjeesuun gabaafame. Caamsaa 24,2015ttis Harargee Bahaa Ona Haramaayaa bakka/araddaa Finqillee jedhamtee yaamamtu keessatti poolisoota Wayyaanee maqaa filannootiin lammiiwwan hiraarsaa turan 4 irratti lola baneen madeessuun ni yaadatama.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaas Caamsaa 30,2015 magaalaa Moyyalee ganda 02 keessatti kan argamu mooraa Gumrukaa bakka waraanni Wayyaanee maadheffate haleeluun loltoota wayyaanee 12 ajjeesee, 15 ol madeessuun walii galatti loltoota 27 ol hojiin ala taasisuun ni yaadatama.

Adoolessa 06,2015ttis waraana wayyaanee Ona Mi’oo ganda Meexxii qubatee jiru irratti tarkaanfii fudhateen 3 yeroo ajjeesu 4 ol madeessuun waliigalatti loltoota diinaa 7 ol hojiin ala taasisuun isaas kan yaadatamu dha.

Waraanni Bilisummaa Oromoo, mootummaa abbaa irree fi faashistii Wayyaanee humna afaan qawween ummata keenya irra qubatee mirga, bilisummaa fi biyya isaa sarbee cunqursaa dhala namaaf hin malle irraan gahaa jiru karaa irraa maqsee kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuu fi fedhii fi hawwii ummata Oromoo dhugoomsuuf falmaa godhu daran jabeessee kan itti fufu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo

Adoolessa 20, 2015

No comments:

Post a Comment