Miseensi OPDO Walgahii Irratti Du’an

Adoolessa 12, 2015 | Oromedia.net
Ministirri di’eetaan Daldalaa Itoophiyaa walgahii Caffee Oromiyaa irratti addunyaa kana irraa boqotan.
Ali SiraajiOduun Adaamaa irraa nu gahe akka ibsutti, Ministira Daldalaafi miseensa Caffee Oromiyaa kan ta’an obbo Alii Siraaj kan boqotan walgahii Adaamaatti taaámaa jiru irratti.

Akka oduun kun jedhutti, Obbo Aliin yaa’ii idilee 13ffaa Caffee Oromiyaa Adaamaatti adeemsifamaa jiru irratti hirmaachaa utuu jiranuu sababa hin beekamneen du’an.

Umurii waggaa 46ffaatti kan du’an obbo Alii Siraaj minister di’eetaa ministeera Daldalaa utuu hin ta’iniin dura bulchaa godina Jimmaa ta’uurraa eegalee iddoowwan itti gaafatamaa adda addaa irratti tajaajilaa turaniiru.

Obbo Aliin waggoota shanan darbaniif miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa ta’uun tajaajilaa kan turan yammuu ta’u filannoo bara 2015 barana adeemsifame irrati ammoo magaalaa Finfinnee aanaa 2tti Dh.D.U.O/ADWUI bakka bu’anii dorgomuun kan moo’atan turan.
Filannichi garuu humnaan saamame jedhamee qeeqamaa jira.

No comments:

Post a Comment