Oromia Diaspora Festival Protest Letter

Adoolessa 19, 2015
mncommunity

Gara: -Waldoota Hawaasa Oromoo Addunyaa

– Oromoota Biyyoota Addunyaa irra facatanii jiraattan maraaf

Irraa: Waldaa Hawaasa Oromoo Minesootaa, USA

Dhimmi isaa: Ibsa waa’ee Guyyaa ‘Oromia Diaspora Festival’ jechuudhaan Wayyaanee fi OPDOn ayyaana qopheessaa jiran ilaala

Yeroo ammaa kanatti Motummaa Wayyaaneen kan bulfamu Itiyoophiyaa keessatti mootummaan naannnoo Oromomiyaa guyyaa Diyaasporaa Oromiyaa jechuudhaan ayyaana akka qopheessaa jiru ni yaadatama. Ayyaanni kun “Oromia Diaspora Festival” jechuudhaan gaafa Hagayya 3-10tti akka ayyaaneffatamu ibsi karaa Embassy Itiyophiyaa baafame ni agarsiisa.

Kanaaf Ayyaanni kun kan qopheeffameef Oromoota biyya ambaa keessa faca’anii jiraatan gidduutti wal-shakkii fi wal-dhibdee uumuuf kan karoorfate tahuu hubattannii Oromoonni marti ayyaana kana irraa akka qooda hin fudhanne isiniif dhaamaa, mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kana lafa ilmaan qotee bulaa Oromoo if saboota biro irraa buqqisee maqaa misoomaan gurgurataa akka jiruu fi ‘kottaa lafa mana irratti ijaarrattan isiniif kenninaa’’ jechuudhaan lafa qabiyyee oromoo taheen ormomoota akka gowwomsaa jirtu beekuun barbaachisaa dha jennee amanna.

Waldaan Hawaasa Oromoo Minesootaa guyyaan festival diaspora Oromia jedhamee Adaamaa-Oromiyaatti kabajamuuf qopheeffame kun guyyaa lafti ilmaan oromoo irraa fudhatamee ilmaan jala-deemtota wayyaaneef kennamuuf karoorfate tahuu beektanii qooda irraa fudhachuu irraa akka of-qusattan dhaamsa isaa ni dabarsa. Dhaamsa kana irra tarkaanfattaanii yoo qooda irraa fudhattan garuu itti gaafatama seenaa jalaa akka hin baane hubachiisuu feena.

Galatoomaa,
Waldaa Hawaasa Oromoo Minesootaa
Sait Paul, Minesootaa, USA

No comments:

Post a Comment