Obbo Olbaanaa Leellisaa Mana hidhaa Qaallittii keessatti garmalee dhukkubsataa jiru.

Hagayya 16, 2015 | Oddu Oromia Media Network (OMN)

Oromummaa isaaniitiin yakkamuun mana hidhaa Qaallitiitti kan darbataman Obbo Olbaanaa Leellisaa, dawaa gahaa ta’e dhabanii dhukkuba garagaraatiin dararamaa akka jiran himamame.
Mootummaan Itoophiyaatiin hidhamee mana hidhaatti gidiraa olaanaa argaa jiraachuun kan himame Obbo Olbaanan, wal’aansa gahaa ta’e akka argataniif Oromoon bakka jirutti dhiibbaa akka godhuufi maatiisaanii rakkina garagaraatiif saaxilameef birmachuudhaan aantummaasaa mul’isuun akka irraa eegamu ibsameera.


 Qabsoo karaa nagaa gaggeessaa turanii fi Oromummaa isaaniitiin qofa Mootummaa Itoophiyaatiin ragaan dharaa itti lakkaawamee dhimma shororkeessummaatiin yakkamanii bara 2011 irraa eegalee mana hidhaa Qaalittiitti kan darbatamaniifi waggaa 11 kan itti murtaa’ee Obbo Olbaanaa Leellisaa, dararaa mana hidhaa keessatti irratti raawwatamaa jiruun dhibee tiruutiif saaxilamanii wal’aansa gahaa ta’e dhabuudhaan gidiraa argaa akka jiran Obbo Dajanee Xaafaa, Itti’aanaa barreessaa paartii Kongresii Federaalawa Oromoo, Oromiyaa Miidiyaa Networkitti himan.


 Obbo Olbaanaa Leellisaa, qabsoo Oromoo karaa nagaa godhamu keessatti shoora olaanaa qabaachaa turuusaanii kan dubbatan Obbo Dajaneen, qabsoon Oromoo biyya keessaa kallattii har’a jirurra akka gahuuf gumaacha olaanaa raawwachaa akka turan himanii, dhimma ummataa dursanii socho’aa turuusaaniitiin qofa Qaallittiitti darbatamuusaanii eeruudhaan, sana dura al jaha gidiraa mana hidhaa argaa turuusaanii himaniiru.


 Dhimma Magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinneerraa maqsuuf yaalamaa ture waliin walqabatee labsii mootummaan Itoophiyaa armaan dura baasee ture dura dhaabachaa akka turan akkasumas wayita barattoonni yuniversitii Finfinnee heddumminaan barnootarraa haqaman, nama mootummaa dura dhaabatanii mormiisaanii dhiheessan akka ta’an Obbo Dajaneen eeranii, sababa kanaafi kanneen birootiin xiyyeeffannaa mootummaa Itoophiyaa keessa akka galaniifi bara 2011tti dhaabbata mirga namoomaatiif falmu Amnesty International waajjirasaaniitiin simachuusaaniitiin shorkeessummaan yakkamuusaanii dubbatan.


 Akka Obbo Dajaneen jedhanitti, reebicha gara-jabinaa mana hidhaa Qaallittiitti irratti raawwatamee fi dararaa irra gahaa tureen dhibee tiruutiif kan saaxilaman yoo ta’u, dhibeen kun bifaan akka isaan jijjiireefi gidiraa achitti irra gahaa jiruun dararaa heddu hadheeffachuurratti akka argaman ifa godhaniiru.


 Rakkina mul’achaa jirurraa kan ka’e qe’eefi maatiin Obbo Olbaanaa Leellisaa yeroo kanatti haala gaarii ta’erratti akka hinargamne kan himan Obbo Dajaneen, sodaafi yaaddoo maatiisaaniirra gahaa jiruun hamileen haadha warraasaanii Aadde Yamaataawarqi Mangashaa daran hubamee akka jiru himanii, ilmisaanii tokkichi barnoota gahaa ta’ellee argachuuf rakkoorratti akka argamu dubbatan.
“Ummanni Oromoo hubannoo qabsoo beekuufi fedhii qabu, qabsaa’ota bira yoo dhaabachuu baate qabsoon ni qancaraa, qancarraan gabrummaan namarra tura” kan jedhan Obbo Dajaneen, “Qabsoo ilma namaa nyaatu yoo hinkunuunfatiin, mirgi saba kanaa ni quucaraa” jedhan.


 Obbo Olbaanaa Leellisaa, qabsoo Oromootiif of kennan kanaaf yoo xiqqaate, Oromoon bakka jirutti haala wal’aansa argatanirratti dhiibbaa akka godhuufi maatiisaanii rakkina garagaraatiif saaxilame bira dhaabachuudhaan aantummaa qabu akka agarsiisuuf Obbo Dajaneen dhaamaniiru.


 Obbo Olbaanaa Leellisaa mana hidhaatti otoo hindarbatamiin dura, ogummaasaaniifi amalasaaniitiin kabajamoo, nama haqaan dhaadatu yoo ta’an, gahinsa ooggansa siyaasaa paartii Kongresii Biyyoolessaa Oromoo keessatti qabaachaa turaniin akka leellifamaa turaniifi ummata Aanaa Calliyaa bakka bu’uudhaan mana marii Caffee Oromiyaatti filatamanii akka turan seenaan isaanii ni eera.
 

Gabaasaan Tasfaayee Laggasaa ti.

No comments:

Post a Comment