Ganda Goosuu Wangee,Godina Lixa Shaggar Anaa Midaa Qanyii Keessatti Gaaffii Mirgaa Ka’een Wal Qabatee Qonaan Bultooti Oromoo 20 Hidhamuu Qeerroon Gabbaase.

Fulbaana 20, 2015 | Qeerroo.org

Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii Qonnaan Bultootni Oromoo 20 olitti lakka’aman balleessa tokko malee Oromummaan Yakkamuun hidhatti darbataman. Aanaa Midaa Qanyii diddaan uummataa fi barsiisotaan jabaachaa jiraachuun walqabatee qonnaan bultootni fi uummatni sirna bittaa Wayyaanee afaan qawween durfamuun dirqamnee hin bullu jechuun murtii isaanii jabeessan, Abbaan irree Wayyaanee fi Ergamtuun wayyaanee OPDO’n jibbinsaa fi diddaa Uummataa Oromoo haaloo bahuuf jettee qonnaan bultoota Oromoo 20 olitti lakka’aman Oromummaan Yakkuun AANAA MIDAA QANYII ganda Goosuu Wangee keessa human poolisaan ukkamsuun mana hidhaa Waajjira poolisii Anaa Midaa Qanyii  magaalaa baallammiitti hidhuun dararaa jiraachuun ibsame. Maqaa Qonnaan Bultoota Oromoo hidhaatti darbaman kana keessa Muraasni nu qaqqabe jira.

1. Obboo Taddasaa Galmeessaa 
2. Obbo Addunyaa Guutataa 
3. Obboo Dabalee Guddataa 
4. Obboo Tasfaayee Baacaa 
5. Obbo Guddisaa Batoo 
6. Obboo Shifarraa Jootee 
7. Obbo Mokonnoon Ambessaa 
8. Obboo yaadasaa Daksiisaa 
9. Obboo shaanqoo Muldhataa 
10. Obboo Cimdeessaa Moosisaa 
11. Obboo Beenyaa Muzayee 
12. Obboo Alamuu Haqinoo 
13. Obboo Balaay Sanbataa 
14. Obboo Cimdeessaa Namee 
15. Obboo Tarfaa Waljirraa 
16. Obboo Fiqaaduu Achiluu 
17. Obboo Tsaggayee Achiluu 
kanneen jedhaman kan keessatti argaman qonnaan bultootni 20 olitti lakka’aman balleessa tokko malee isin mootummaa keenyaa mormaa jirtuu, uummataa kakaasaa jirtuu, akka uummatni walga’ii mootummaa hin bane dhorkitan jedhamuun yakkamuun humna poolisaan qabamanii Wajjira poolisii Aanaa midaa qanyii Baallammiitti hidhamani jiraachuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ballammii irra gabaasan.

No comments:

Post a Comment