Humni Addaa WBO Dhiha Oromiyaa Baha Wallaggaa Keessatti Loltoota Wayyaanee Farra Ummataa Ta’an Haleelee 12 Ol Hojiin Ala Godhe.

Fulbaana 25, 2015 | Oduu Tarkaanfii Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)

Dhiha Oromiyaa keessa kan sossohu Humni Addaa WBO tarkaanfii loltoota, hidhattootaa fi basaasota wayyaanee irratti fudhatu itti fufuun tibbanas humna diinaa haleelee injifannoo galmeessee jira.
Haaluma kanaan Humni Addaa WBO Fulbaana 18, 2015 Baha Wallaggaa Ona Haroo Limmuu bakka Daalota jedhamutti waraana wayyaanee haleeluun loltoota 3 yeroo ajjeesu, kanneen 9 ol ta’an ammoo haalaan madeessuu Ajaji WBO Godina Dhiha Oromiyaa beeksisee jira. Lola kana irratti rasaasni 120 fi boombiin harkaa 6 diina irraa dhuunfatamuunis gabaafameera.

Loltootni wayyaanee maqaan isaanii Endashawu Taaddasee, Kifilee Taaddasee fi Masgabuu Taayyee jedhaman kanneen ajjeefaman ta’uunis ibsameera.
Tarkaanfii kana booda mootummaan wayyaanee hidhattoota isaa baay’inaan bobbaasuun bakkichatti sakattaa bal’aa adeemsisuu irratti akka argamus beekuun danda’ameera. Ummata nagaa maqaa WBO jiraachistuu fi ABO deggertuun gooluu akka itti fufes oduun SBO dhaqqabe ni hubachiisa.

No comments:

Post a Comment