SAAMICHI MAQAA “ABO” OROMUMMAA FI BILCHINA QALBII DHABUU IRRAA MADDA?

Fulbaana 20, 2015 | SEENAA Y.G(2005) | Kutaa 1ffaa

Nama Qabsoo keessatti hirmaate mitii, sabummaa qofti itti dhaga’amee waan gaggeeffamaa jiru miidiyaa irraa qofa ka hordofu, dhugaa adeemsa qabsoo Oromoo, dogoggora tokko malee dubbachuu ni danda’a. Seenaa fi yeroo irraa barachuu jechuun kanadha. Haqa Kana mirkaneessf ragaan adda duraa, Ummata Oromoo kabajamaadha. Gaaffii, Ummati Oromoo hanga dhumaatti maaliif ABO waliin dhaabbachuuf murteeffate?? Waggoota 26n dabran ABOn Biyya keessa odoo hin jiraatiin, Ummati of laatee isaaf falmuun maal irraati? gaaffii jedhuuf deebii haqaa kan kennu, Oromoo ofittummaa irraa bilisa ta’ee qofaadha. Deebii gaaffii kanaa adda baasanii beeku ykn hubachuu irraa, Namoonni hedduun karaatti deebi’aniiru. Gariin ammoo ittiin dogoggoranii, Jaalala ummataa ofittummaan laaquuf, akka malee kachachalaniiru. kanneen ABOn dhaaba haqaaf dhaabbate ta’uu hubatanii beekan, mooraa haqaatti deebi’anii kabajaa waa hundaa olii kan ta’e,“kabajaa Ummataa” argataniiru. Kanneen ittiin Dogoggoran ammoo, Maqaa ABO jedhamu saammatanii humna ofii dhaabbachuuf yaalanii itti salpahataniiru. Salphachaas jiru. Ofii salphatanii Dhaaba Ummata miliyoona 45 ol bakka bu’uu, kan maatii fi hiriyyootaa taasifachuus yaalaniiru.

Qabsoo tarkaanfachiisuuf tarkaanfii akkasii fudhanne jedhanii, tarkaanfii gara boodaan tarkaanfii of dhawwaniiru. Hogganatu socha’uu didee jedhanii waan sochoosan wallaalanii fixeensa ganamaa ta’aniiru. Qabsoo furgaafan jedhanii, ofiin furga’anii bakka jiran dhabanii “ABO” nama afurii ta’aniiru. Addatti Ummata kana gawwamsinaatti, madda warra gawwaa ta’uu isaanii ifatti liqimsaniiru. yeroo dheeraaf barreeffama adda addaa kan dhiheessan obbo Abdii Booruu haqa jiru barreeffama dhiheenya kana maxxansaniin ibsaniiru. Har’allee qoccolloo akkasii keessaa ba’uu dhiisuu keenyatti gaddinus, waan dabre irraa barachuuf haqa walitti himuun barbaachisaa waan ta’ee fi yoo Bilchina qabaanne, rakkoo nu gufachiisee kana akka itti hin deebineef wal gorsuu ykn dhaloota itti aanu qajeelchuun dirqama waan ta’uf irra deddeebina. Har’a eenyullee wal gawwamsuu hin danda’u. Abbaa haqaaf dhaabbachuu fi yaadaan waliin dhaabbachuun murteessaa ta’uuttis tarkaanfachaa jirra.
Ummati Oromoo maaliif hanga dhumaatti ABO mararfata? rakkoo humni tokko qabaachuu malu hubateefii, Maaliif, akka ilmaa fi Intalasaatti ofitti hammatee gadoodaaf? maaliif simalee jedhee taankii dura dhaabbatee Faarfata? gaaffiilee kanaaf deebii suduudaan kennaman beekamaa waan ta’aniif, qabxiilee Odoo hin beeknee ragaa ta’an ykn gaaffii kanaaf deebii ta’an ilaaluutu haqa jiru mirkaneessa waan ta’eef, isa ibsuun filadha. Sanyii midhaanii kunuunsii ol hin kewwatiin, yennaa facaasan, bu’aan isaa hammuma sana akkuma ta’uu. Wanni mana keessatti akka fedhettu haa ta’uu, walitti qabamanii hasaasan gaafa gadi ba’uu, akkuma midhaan Sanaa ta’uun waan hin oolle. Akka kiyyatti “ABO” kana, humnoota 3tu Maqaa haqaa fi golgaa godhachuu barbaada jedheen amana. akkamitti?

“MAQAA” “ABO” HAQAA FI GOLGAAF KAN BARBAADAN EENYUFAATI ? :-
  1. Adda durummaan Ummati Oromoo ABO, Maqummaa irra dabree hiikkaa guddaa akka qabuutti amana. ABOn booda kaayyoo haqaa fi fedhii isaa qulqulluu ibsu jiraachuu waan beekuuf, barabaraaf waliin jiraachuuf qaama isaa dhiigisee Asxaa fi Alaabaa isaa tumata. addatti dhalooti har’aa ABO Qaamaan Biyya keessatti hin argiin, kaayyoo inni qabatee jiruuf wareegamaa jiraata. kaayyoo fi gaaffii isaaf deebii quubsaa argamsiisuu kan danda’u ABO qofaadhaa jedhee waan murteeffateef, ABO haqaan barbaada. Maqaa kanaan ajjeefamuun, hidhamuun, Biyyaa ari’amuun kabajaa barabaraa ta’uutti fudhatee jiraachaa jira. Jaalalaa fi mararfannoon isaa haqummaa waan qabuuf rakkoon dhaaba keessatti umamuus, shiraan gufachiisamuus deebi’ee akka miila lamaan dhaabbatu abdachaa hanga har’aatti sagalee isaa kennaafii jira. Kun Haqaaf qofa odoo hin taanee Abbummaan kanneen ittiin boonaniidha.
  2. Inni lammaffaa, diinatu Maqaa kana barbaada. Ummata Oromoo dura ABOn Ummata biratti akka fudhatama qabu kan hubate diina. Humnootin alaa fedhii isaan naannoo sanatti qaban irraa ka’uun dhaabni kun gaaffii Ummatichaa akka calaqqisu hubatanii, dhiibbaa adda addaa irraan ga’aa kan turan har’a miti. Biyyoonni ollaa haala kana hubatanii shira adda addaa kan irratti raawwatan bubbuleera. har’a illee itti jiran. wayyaaneenis kana hubattee ABO humnaan Biyyaa kan baafte har’aa miti. yeroo sana ABOn Ummata biratti akka ammaa bal’inaan hin beekamne ture. kanaaf diinni maqaa kanaan ABO ijaaree isa haqa qabu moggeessuuf shira gaggeessaa jiraate yoo lakkoofnee yeroo keenya gubuu ta’a. seenaa hanga guyyaa har’antanaatti dhaaba kana keessatti raawwatamte tarrisunilleeni danda’ama. tarii diinni akkamiin maqaa kana barbaada ykn jaallataa? jechuu dandeessu. Garuu waan Ummati jaallatu tokko kan ofii taasisanii dhimma itti ba’uuf yaaluu keessa hinaaffaan waan jiruuf dantaa isaaniif ta’uu illee, Ummata Oromoo qabachuuf dhaaba kanaan of waamuun barbaachisaa ta’uutti amanuun bubbulee mararfannoo uumuu waan danda’uufidha. kanaaf diinni gama biraan fedhii Ummaticha keessa jiru calaqqiseera ykn dhugaa ba’eera jechuu dandeenya. Kun shira. shira nama olachu malee nama hin bulchine. Mallas Zenaawwii Barreeffama isaa Abiyootaawwii Dimokiraasi jedhu keessatti, ABO isa haqaa Ummata biratti fudhatama dhabsiisee kan isaa tolechuuf toftaa baasee keessatti, “ ABOn waan ummata kanaaf godhu ofii raawwannee Ummata kana harkaa baafachuu qabnaa” jedhee ture. yaadi kun har’a illee waraqaa irra jira. inni garuu hin jiru. yaadi cabbamaa kun, yeroo habjuu kana habjootanitti, hanga jiraachuu danda’an tilmaamu dhabuu fi shirri isaa kun yeroo umuriin jiru keessatti raawwachuu akka hin dandeenye tilmaamuu dhabuu irraa, yaada qofaa ta’ee hafe. Yeroos Mallasaan kana kan akeekkateef ABO humnaan dhabamsiisuun ykn dhaabicha keessatti humna mataa isaa dhaabee fonqolcha gaggeessee dhaabicha Biyyatti deebisuun, ykn ABO biraa Biyya keessatti ijaaruun habjuu isaa milkeessuuf tilmaammatee ture. seenaa kana bal’inaan yeroo biraaf haa keenyu. Kana keessatti hubachiisuu kanan barbaadu, diinni maaliif ABO diigu fi balleessuu akka barbaadu qalbiitti qabadhaati, qabxii itti aanutti ce’aa.
  3. Warri sadaffaa ammoo, kannee beekumsaa fi hubannoo odoo qabanii seenaa xuraa’aa galmeesisaniidha. Oromoo ta’anii maqaa nama irraa mulquun aadaa Ummatichaa keessatti hangam qaanfachiisaa akka ta’ee kanneen hubataniin saamicha maqaa fi kaayyoo gaggeeffamu yennaa ilaallu ABOn Ummata biratti hangam fudhatama akka qabu nu mirkaneessa. Ofii hojjatanii Ummata biraa mararfannoo fi deeggarsa argachuu irra, maqaa saammatanii Ummaticha gawwamsuuf yaaluu isaanitu Oromummaa fi Bilchina qalbii dhabuutti isaan ramachiisa. Gochi kun hedduu nama gaddisiisa. Dhiigaan Oromoo qofaa ta’anii , qalbiin ittiin jiraatan kan habashaa jalatti gabrummaan isaan barsiiften oofamanii wal fonqolchuuf yaaluun, maqaa nama saamanii jaalala ummataa butachuuf yaaluun, gonkumaa Ulaagaa Oromummaatti isaan hin firoomsu.Obbo Abdii Booruu namoota kanaaf deebii ga’aa kennaniiru. Haa ta’uu malee, ani gama kiyyaan Jarri kun, ABOn jabaatus, laafatus, hojjatus, dhiisuus, ABOn Ummata Oromoof qaroo ijaa ta’uu isaa mirkaneessuu irraa kan hafe, hojii waraqata tokko lafaa kaasuu hojjataniiru jedhee hin yaadu. kanneen maqaa ABO moggaafachuun qofti ga’aa akka hin taanee baratanii, qabsoo Oromoo baatii 6 keessatti galiin ga’uun arraba irratti qofaa akka salphattu kanneen hubatanii maqaa moggaafatanii asi ba’an,ammas “Kallachummaan” isaan moggaafatan, caalaattu gaaffii guddaa baadhachuu ta’uu fi Kallachi Oromoo, Oromoof maal akka ta’ee fi Kallacha qabatanii Oromootti duuluun gonkumaa fafa ta’uu qofaa odoo beekanii waan duraan raawwatan sun Abbaan kallachaa Oromoon isaan gaafachuuf akka taa’u hubatanii, badii biraa iraa fagaatanii,hojiin mul’achuun murteessaa ta’uu akeekuun barbaada.
Gareen sadaffaa maqaa ABO Saammachuu barbaadan maddi isaanii tokkuma. OFITTUMMAA !!ABO fakko ijaaruuf humnoota adda addaatu ilmaan Oromoo kana qabatanii yaalii taasisan. Warri dhihaa dantaa Naannoo sana qabaachuu fi Itoophiyaa tursuudhaaf, ABO barbaadan har’allee ijaaruu hin dhiifne. Dhaaba siyaasaa kan biraas akkasuma. Kanneen shira mallasaan ergamtoota adda addaan dogoggoranii ABO ijaaruu barbaadan, ABO ijaaranii ABO isa haqa qabu diiguuf yaalan lakkoofsa hin qaban. Kanneen Angoo qabatanii hojii maraatummaa gaggeessan hedduudha. Dhuma isaanis arginee jirra. Har’as kanneen bifa adda addaan maqaa kanaan of jiraachisu barbaadan har’allee ni jiru. waan maraafuu Ummata jabaa kana biratti maqaa odoo hin taanee hojiitu fudhatama qaba waan ta’eef, obsa isa hin fixachifne. Abdiis hin kutanne.kana booda garuu adeemsi kun bakka hin qabaatu. Oromoon yeroon haqa isaa walitti himee humna barbaadu ijaarrachuuf mirga guutuu itti qabu irra geenye jirra natti fakkaata. Falli qabnuus humna ta’anii ba’uu ta’uu hubannee jirra. Kana gochuuf ammoo gufuulee tarrifne karaa irraa maqisutti ce’uun murteessaa ta’uutti tarkaanfatuun barbaachisaa ta’a.
Qabxiilee kana irraa ka’ee, Ummata Oromoo irra jireessaaf Gootummaa isaa labsuufiin barbaada. Ummati Oromoo kabajamaan dhibbeentaa 98 ta’uu, shiroota gama kanaan gaggeeffameen odoo hin dagamnee, cichoominaan hanga har’aatti ABO isa haqaaf ajjeefamaa, hidhamaa fi reebamaa akkasumaas Biyya irraa ari’amaa jiraachuun isaa anaaf GOOTUMMAA sabummaa isaaf hangafaati jedheen amana. Kana waliin, Qabsaa’oota dhaaba kana dandamachiisuu fi dhaaba ABO ummati barbaadu isa kam akka ta’ee haqummaan mul’isuuf dadhabe osoo hin jennee kanneen ifaajjaa jiran,ABO isa haqaa fi kaayyoo tokko deebisanii walitti deebisuun dheebu Ummataa milkeessuuf hojjataa jiran SEENAA QABSOO OROMOO KEESSATTI, GOOTOOTA GOOTOOTA CAALAN jedheen isaan muuduu barbaada.kanneen adeemsa kana hundaa mufannee odoo hin jennee Ummatatti labsaa fi Ummata barsiisaa turan, sirbaan akeekaa turan, barreeffamaan hubachiisaa turan, hundaan aarsaa isin baaftan kan GOOTUMMAATI itti fufaan jedhaan. Maaliif jennaan haqatu hunda caala waan ta’eef. Kana irratti yaada obbo Abdiif galata galchuun barbaada. Isa haqa qabuuf haqa isaa galchuun, Abbaa haqaaf dhugaa ba’uu waan ta’uuf, kun ammoo kana booda warra maqaaf fiiganitti iggitii gochuu danda’aa beektoonni, Hayyoonni, salphinni kun nutti hin deebi’iin jennaan haqa jiru ibsuutu furmaata ta’a.
Mata duree Maqaa ABO jedhu humnoota sadiitu itti dhimma ba’uu barbaada jedhu jalatti, qabxii lammaaffaa jalatti kan jiru qalbiitti qabadhaa jedhee isa sadaffaatti isin dabarsuu yaaleera. Maaliif? Qabxii lammaffaa jalatti diinni Maaliif maqaa ABO jedhu sammachuu akka barbaadu yennaan ibsu, Maqaa kanaan ummata qabachuuf, dhaaba isa haqaa diiguuf, qabsoo oromoo bitamtootaan dhuunfatee bara baraaf jiraachuu ta’uu ibseen jira.qabxii sadaffaa jalatti kanan kaa’ee keessattis, Ilmaan Oromoo maqaa ABO moggaafatanii bitintiran irra jireessii isaanii, dhaaba isa haqaa diiganii kan ofii barbaadan ijaarrachuu akka barbaadan ifatti dubbachuu isaanii kaa’eera. Ega kana ta’ee humni kun lameen garaagarummaa maalii qaban? kana booda umurii akka qabaatan taasisuun eenyuf looguudha? diina umurii dheeressuu hin ta’uu? maarree kana booda dura dhaabbannoon, dhiibbaa ifaa taasisuun hin barbaachisuu jettuu? deebii isaa isinumaafan dhiisa.
Barreeffamni mata duree kana jalatti eegalee kun, Barri 2015 hanga xumuramutti, mata duree adda addaan itti fufa. Barreeffama obbo Boorutti hirkifadhee haqa jiru mul’isuun yeroo isaa natti fakkaata. Hagna xumura 2015 tti mata duree itti aanan kana irratti yaadoota mataa kiyyaa dhiheessun yaala.
  1. Warri maqaa ABO saammachuu barbaadan rakkoon isaanii maalii?
  2. Warri Maqaa geggeddaratan maal barbaadu? kaayyoon sabummaa irratti hundaa’ee, siyaasa bilchaataa fi dheedhii jedhamee qoodamu danda’aa? bilchina siyaasaa moo, bilchina toftaatu nu barbaachisa?
  3. Itti bahi Araaraa yeroo fudhachuun, ykn ABO jabaa ifatti labsuuf yeroo fudhachuun fafa qabaa?
  4. Bilisummaa irraa nuutu fagoo jira moo, Bilisummaatu nurraa fagoo jira? Amma geenyu wallaaluun keenya, Bilisummaa hawwaa akka hafnu nu hin taasifnee?
  5. Hoggansi Qabsoo irra jiru ka’uun ykn geeddaramuun, rakkoo keessa jirruuf furmaata ni ta’aa ? humnoota kamtu hoggana kana kaasuu barbaada? maaliif ?
  6. Qabsoon Oromoo lafa irra harkifachuuf sababni tarrifnu haqummaa qabaa? hundeessitoota Qabsoo Oromoo har’a lubbuun jiran irra, kanneen Qabsoo Oromoof bu’ura ta’anii wareegaman lakkoofsaan akka caalan ni beektu?
  7. Walumaa galatti Qabsoo keenya injifannoon goolabuuf, Bilchinni, Toftaan, adeemsi fi sochiin nurraa eegamu maalii?
Kanneen hanga bara 2016 jalqabaatti isin biraan ga’uuf addatti dhaloota har’aa biraan ga’uun yaala jedheen abdadha. IRREECHI BARA 2015 KAN MILKII ISNIIF HAA TA’UU !!!! 
kutaa 2ffaan itti fufa. 
GALATOOMAA !!!!!

No comments:

Post a Comment