Caffeen Oromiyaa Pirezidaantii dabalatee hogganoota mootummaa filate.

Onkoloolessa 02, 2015 | Oromedia

 Yaa’iin 2ffaan Caffee Oromiyaa Adaamaatti walgahe, Muktaar Kadir Abbaa Bulguu pirezidaantii mootummaa naannoo oromiyaa taasise sagalee guutuudhaan filate.
Obbo Muktaar Kadir yeroo haaromsaa irraa eegalee sadarkaa hojii adda addaa irratti ummata tajaajilaa akka turan bakka bu’aan mootummaa obbo Dhaabaa Dabalee  wayita seenaafi bara tajaajilaa obbo Muktaar dhiyeessanitti dubbataniiru.

Obbo Muktaar  sadarkaa hooggansaa adda addaa irra kan turan yammuu ta’u waggaa tokkoofi walakkaaf pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.
Dura taa’aa dhaabbata Demookratawa Ummata Oromoo ta’uun dhiyeeya kana filataman obbo Muktaar Kadir sadarkaa baruumsaatiiniitiin Yuuniivarstii Siiviil Sarvisiifi yuuniivarstii biyya Ameerikaa tokko irraa digirii lammaffaa akka qabanis eerameera.

Pireezidaant Obbo Muktaar sagalee guutuu hirmaattoota yaa’ichaatiin erga filatamanii booda pireezidaantii mana murtee waliigalaa Oromiyaa obbo Damoozee Maammeetin waadaa galaniiru.
Pireezidaant Muktaar waadaa erga galanii booda haasawa dhageessiisaniin Imaanaa Ummata Naannoo Oromiyaatiin natti kenname ga’uumsaan ba’uuf kutannoodhaanan hojjedha jedhaniiru.
Caffichi muudama itti aanaa pireezidaantiifi hoogganaa biiroo siivil sarvisiifi bulchiinsa gaarii Oromiyaa hooggantoota biirooleefi ejensii akkasumas abbootii taayitaa gara garaa pireezidaant Muktaariin dhiyaataniifis raggaasiseera.
Akkaatuma kanaan:
1.obbo Isheetuu Dasee itti aanaa pireezidaantiifi hoogganaa biiroo siiviil sarvisiifi bulchiinsa gaarii 
2.Obbo Dhaabaa Dabalee sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti- itti waamamaa mootummaa 
3.obbo Zalaalam Jamaanah sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti hoogganaa biiroo qonnaa 
4.Obbo Umar Huseensadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti- hoogganaa biiroo Induusstiriifi mismma Magaalaa 
5.Obbo Salamoon Kuchuu- hoogganaa biiroo bulchiinsaafi Nageenyaa 
6.Obbo Shaalloo Dhaabaa-hooggnaa biiroo eegumsa fayyaa 
7.Addee Aziizaa Abdii-hooggantoo biiroo dhimma Dargaggootaafi Ispoortii 
8.Obbo Fiqaaduu Tasammaa hoogganaa biiroo dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa 
9.Addee Loomii Badhoo-hooggantuu biiroo Daldalaafi misooma gabaa 
10. Addee Mahaabuubaa Adam-hooggantoo Biiroo Haqaa 
11.Adde Hiruut Biraasaa-hooggantuu biiroo dhimma Dubartootaafi Daa’imanii 
12.Obbo Daanyaachaw Shifarraaw hoogganaa ejensii babal’ina waldaalee hojii gamtaa 
13 Obbo Dirribuu Jamaal-hoogganaa biiroo lafa baadiyaafi eegumsa naannoo 
14.Obbo Wardii Hashim-hoogganaa biiroo Bishaan albuudaafi anniisaa 
15.Obbo Eelamaa Qaammee-hoogganaa biiroo maallaqaafi misooma diinagdee 
16.Obbo Geetuu Wayyeessaa-hoogganaa biiroo aadaafi turiizmii 
17.Obbo Margaa Fayyisaa-hoogganaa Biiroo Barnootaa 
18.Obbo Mahaammad Jiloo-hoogganaa biiroo dhimma hojjetaafi hawaasummaa 
19.Dr.Saahiluu Muluu-hoogganaa biiroo  misooma beelladaafi qurxummii 
20.Obbo Milkeessaa Jaagamaa hoogganaa ejensii intarpiraayizoota maayikiroofi xixiqqaa 
21.Obbo Abarraa Ol’aanaa-koomishinara koomishiinii teeknikaafi baruumsa ogummaa 
22.Obbo Jamaal Abbaasoo hoogganaa Abbaa taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa 
23.Obbo Yohaannis Dinqaayyoo-hoogganaa Abbaa taayitaa galiiwwanii 
24.Obbo Musxafa Kadir-hoogganaa Abbaa taayitaa geejibaa 
25.Obbo Gutaa Laanchooree hooggnaa waajjira pireezidaantii Oromiyaa ta’uun sagalee guutuudhaan muudamaniiru

No comments:

Post a Comment