Irreechi Bishooftuu Hora Arsadii Bifa Howwaa Ta’een Kabajame. Mootummaan Wayyaanees Uummata Sakatta’uu fi Hidhuun Beekame.

Onkoloolessa 04, 2014 | Qerroo.org

Onkoloolessa 04, 2015, Irreechi Hora Arsadee Bishooftuu kan 2015 haala aja’ibsiisaa ta’een kabajamee jira. Uummanni Oromoo godinaalee mara keessaa heddumminaan irratti argamuun ayyaana waggaatti Oromoon wal argu kana bifa qindaawaa fi miidhagaan kabajatanii jiru.
Addatti roorroon kan itti hammaate sabi Oromoon walleelee warraaqsaan diddaa mootummaa Wayyaanee irraa qaban muldhifataa oolan.


Mootummaan Wayyaanee Uummata danuu irreecha nagaan kabajachuuf dhaqe qabanii hidhuu fi sakatta’uun hanga ammaa itti fufee jira. Haala kana sababaa network gahaa dhabuun Qeerroon Bilisummaa hanga ammaa uumataaf dabarsuu yaalaa jira waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti bifa qindaaween ni dabarsa.
                      

No comments:

Post a Comment