NUUTU BILISUMMAA IRRAA FAGOO JIRA MOO, BILISUMAATU NURRAA FAGOO JIRA??

Onkoloolessa 12, 2015 | SEENAA Y.G (2005)

Gaaffii Mata duree kiyya har’aa bifa biraan mee haa dhiheessu. Bilisummaatu Ummata Gabroome barbaada moo, Ummata Gabroomeetu Bilisummaa barbaada? YK, Bilisoomu keenya nuutu mirkaneeffata moo, Bilisoomu keenyayyuu Bilisummaatu Afaan baasee nu labsa? Namni Bilisummaa dheebootee maal fakkaata? Ummati Bilisummaa dhabee maliin adda baafama? gaffiile kanaa deebii argachuuf, Ummatoota Gabrummaa jalaa ba’anii, Bilisummaa goonfatan irraa muuxannoo qaban ilaaluu barbaachisaa ta’a. gama kamiinuu deemnu, Ummata Gabroomeetu Bilisummaa isaa barbaada malee, Bilisummaan lubbuu godhatee Ummata Gabroomeef wareegama kaffalee Bilisummaa hin gonfachiiftu. Kun haqadha. Kana waliin ammas kan ilaallu, Ummati tokko Gabrummaa keessaa ba’ee, Bilisummaa isaa goonfachuuf, fedhii fi hawwiin Bilisummaa eeggatamoo, wareegama barbaachisu kaffalee Bilisummaa isaa humnaan labsata? Gabrummaa jala jiraataniif, Bilisummaa hawwuun bu’aa tokkollee hin qabdu. Gabrummaa hadheeffachaa, Ummata gabroomee keessatti duroomuu fi jireenya qananii jiraachuun waan walii fallaadha. Hawwiin Bilisummaa, Gabrummaa jibbaa, Bilisummaa sharafamaa Biyya hanbaa namaa kennituun of daganii of sobaa nama jiraachifti. rafanii ka’anii nyaachuu fi dhuguun nama moosiftee, waan silaa hojjatamuu qabu nama dagachiiftee, gabaasuma Bilisummaaf taasifamuun nama jiraachifti. Ykn warra Bilisummaaf qabsaa’aan qofaa nama jechisiifti. Bilisummaan dhamaa fi mi’aa mataa isaa qaba. Bilisummaa inni dhugaa, jireenyi qananii fedhu jiraatteyyuu, hadhaa keessa ofii hin moosoftu.

Bilisummaan keenya harka warra bilisummaa haqaan barbaadanii keessa jira. Addunyaa irratti Ummatoonni Bilisooman yennaa dubbatan, hadhaa Bilisummaa goonfachuuf dhadhaman hanga du’aa fi dullumaattii hin dagatan. Hadhaa kana dhabuu keenyatu, Sochii Bilisummaan wal irraa hin cinnee nu gaafattu nu keessatti micirikise. Bilisummaan gonkumaa nu irraa fagoo hin jirtu.nuutu Bilisummaa irraa fagoo jira. Sababaan, Kaleessa Ummata Bilisummaa qabnu turre. Bilisummaa keenya bara Sanaa kan nu harkaa gatee diina jala waggaa dheeraa nu jiraachisaa jiru, gootummaa bara Sanaa fi cichoomiina abbootii keenyaa bara Sanaa deeffachuu dadhabuu keenyadha. Bilisummaa kan goonfatu goota qofa. Kan ajjeesee du’uuf of laatuudha. Bilisummaa irraa fagoo jiraachuun keenya, gootummaa sana dhabuu keenya irraa madda. Kana jechuun, waan Bilisummaan nama gaafattu irraa fagoo jirra jechuudha. Abbootiin keenya bara Bilisummaa keessa turan, Gootummaa isaanitti ni boonu turan. Waliif du’u turan. Murannoo qabu turan. Dantaa isaanii gonkumaa hin dursan turan. Seeraa fi heeraan tarkaafatu turan. OROMUMMAA isa qulqulluun masakamanii jiraatu turan. Shira diinaa kamiifuu hin jilbeenfatan turan. Kanaaf Bilisummaaf dhihoo osoo hin taanee, Bilisummaa qaama isaanii taasifatanii jiraataa turan. Adeemsi kun bubbulaa sharafamuun, jala deemtoonni diinaa baayyachaa dhufuu irraa Bilisummaan dachee keenyan wal qabattu irraa fagaachaa deemne. fagoo nu irraa taate.
Qabsoon Oromoo takkaa ho’ee deebi’ee kan qabbanaa’uuf maliif? adeemsi akkasii Ulaagaa Bilisummaan nama gaafattun wal fudhataa? kana adda baasanii beeku barbaachisa. har’a wayyaaneen nu ajjeesaa jirti. Kun ifadha. isheen jiraachuuf kan gochu qabdu kanuma. Ajjeechaa ishee kana ammoo, maaloo nu dhiisiin furmaata hin argannu. Rakkoon jiru asi irratti. Wayyaaneen Ummata keenya ajjeestee fi hidhaatti guurtee jijjiirree, Diina keenya wayyaanee ajjeefnee yakka isaan raawwataniif hidhaatti galchinetti hanga hin jijjiirinitti, Bilisummaattii dhihaachuu hin dandeenyu. Bilisummaan suutiidhaan ykn dhaadannoodhaan argamtu gonkumaa hin jirtu. Har’a Bilisummaan ifatti nutti himaa kan jirtu kanadha. Oromoon Bilisummaaf wareegama barbaachisu kaffaluuf hanga hin hiriiretti, hin Dhaabbaneetti, deeggarsa barbaachisu hanga hin goonetti, Bilisummaa Biyya keenya keessa jirtu alaa barbaachisuun hin dhaabbatu. Akkaa fi akkaataan itti jirru geeddaramu qaba. maqaan jiraachuu keessaa ba’uu qabna. Imaanaa Ummataa hojiin mul’isuuf hojjachuu nu barbaachisa. Imaanaa warra dhugaaf wareegamanii hojiin mirkaeessuu qabana. Dadhabbii qabsaa’oota muratoo waan qabatamaatti jijjiiruuf, waan keessa keenyaa nu qabee jiru dhabamsiifnee, qulqullumman waliin dhaabbannee Bilisummaatti imallee dhihaachuu qabana.
Bilisummaa irraa kan fagaanneef  Ulaagaan Bilisummaan nama gaafattu irraa fagoo jiraachuu keenya irraati jeenneerra. Warri Bilisummaatti akka malee dhihaatanii fi dhadhamanii beekan qabsoo kana har’aa ga’anii jiru. Bilisummaa isa haqaa dhadhamanii waan beekaniif, Bilisummaan isaanitti mi’oofte sun ammoo wareegamaa fi gootummaa malee akka hin dhufnee waan itti amananiif, hanga har’aatti cichiimiinaan Ummata isaanii barsiisaa fi qabsicha karaatti deebisanii sadarkaa isa dhumaatti ceesisuuf hojjachaa jiru. Qabsoo Bilisummaa Diina irraa, Gantoota irraa, sheexanoota sirna kaleessaa irraa, fira fakkaattoota irraa, kkf tikisanii har’aan ga’aniiru. Bilisummaan Oromoo yoo labsamee, Ummata Oromoo miliyoona 40 ol ta’uuf labsama. BIYYI OROMIYAA jedhamtus, dhala Oromoo hundaaf qixa ta’uutti labsama. Kanaaf kan Bilisummaa ishee dhugaa hawwuu hundumtuu wal qixa wareegama barbaachisu kafaluuf qophaa’uu qaba. hojjachuus qaba. Lakkoofsa Ilamaan OROMOO dachee kana irra jiran keessaa, kannee akka qabsaa’oota kanaa hadheeffatan hanga hin heddummaatinitti, Bilisummaatti dhihaachuun gonkumaa hin danda’amu. Wayyaaneen waggoota qabsoo 17n keessatti Ilmaan Tigiraayi kuma dhibba tokko oltu wareegamee ykn qaamaa hiri’atee, kanaaf waan isin kaardiin gaafattan kun gonkumaa hin ta’uu yennaa jettu dhaamsa maalii akka nu dabarsaa jiran beeku nu barbaachisa. nuutis dhaamsi isaanii akka gaaritti nu galu qaba. addatti, dhalli Oromoo diina ga’ummaan of irraa deebisee Bilisummaa labsuu danda’uu dacha wayyaaneen akka nu barbaachisu. Hadhaa wayyaanee nutti himtu kana keessa jirra taanaan Bilisummaatti dhihoo jirra. Hadhaa isaanii nu keessa hin jiru taanaan ammas, dhaadannoo irra hin dabarru jechuudha.
WAREEGAMA BILISUMMAAN BARBAADDU IRRAA KAN NU FAGEESSU MAALII ?
== Har’a Bilisummaaf wareegama barbaachisu walitti himuun qaanyiidha. Sadarkaa qalbiin Ummata Oromoo irra jirus, kana hin hayyamu. Bilisummaaf dhaabbadhee jechaa, wareegama Bilisummaan barbaaddu kan baqatuu fi dhokatu hedduutu jira. Sochii qabsoo keessatti kana adda baafatanii sirreeffachuun barbaachisaadha. Namoonni akkasii  Nama Ummataa fi qabsoo keessatti gumaacha qabatamaa taasisan illee arguu fi jajjabeessuu hin barbaadan. Ofittummaan bara gabrummaa keessa dhaalan keessa isaanitti hidda yaafatee waan jiruuf, Sabboontoonni fi Qabsaa’oonni haqaaf of laatan hojii hojjatan dukkaneessaa jiraatan. Yoo rakkoo kan uumu dhufees waliin dhaabbatanii miidhaa geesisan. Kun tokko.
== Bilisummaan wareegamaa fi sochii wal irraa hin cinnee barbaaddi. Bilisummaan hojii qoratamaa fi tarsiimoo jabaa akkasumas, toftaa wal utubuun kan masakamuudha. Wanni dhuunfahuu fi itti fayyadamu qabnu tokko kana. Sochiin gama fedheen jiru, barana yoo jabaate bara itti aanu ni laafata. Kan laafee jedhame ammoo, bara itti aanu olka’ee argama. gama kanaan kan jiru gadi fageessinee yoo ilaallee, rakkoon jiru karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa baafatanii sagantaaleen bifa kanaan baafannu, wal utubaa akka jiraatan taasisuu hanqachu irraa dhufa. Kun jiraannaan ammas Bilisummaa irraa fagoo jiraachuu keenyatti shakkuu hin qabnu.sababaa, Bilisummaatti deemuuf waan hojjachu qabnu keessaa hanqisnee waan jirruf. Sochii Ayyaana IRREECHAA bara baraan taasifamu ilaalaa. Sochiin kun waggaa irraa gara waggaatti jabaachaa fi babal’achaa deemuun kun, bubbulee eessatti akka nama geessu hubachuun rakkisaa hin ta’u. kanaaf Oromoon miseensa dhaabaa fi miseensa Hawaasichaa ta’ee hundumtuu sagantaan masakamee, haasaan odoo hin taanee, waan waraqaa irratti qorannoon saganteeffameen masakamee socha’uun, bilisummaatti dhihaachuu isaa mirkaneeffachuu isa gargaara.
== Bilisummaan wareegama barbaaddu irraa kan nu fageessuu fi maaltu na dhibee baayy’isaa kan jiru, Namoota ykn Ilmaan Oromoo diina waliin jiranii fi diinatti galaniiti. Qabsoo addunyaa keessatti kan agarru irraa waan barannu danuutu jira. Qabsoo saba tokko keessatti kan ganee ykn qabsoo keessaa miliqee ykn Ummaticha dhiisee halgaa waliin kan hiriire maal akka godhan ilaaluun , ilaalanii irraa barachuun Bilisummaatti nama dhiheessuu mala. Qabsoo Ilmaan Oromoo oromoo meeqa itti wareegaman ganee, diinatti galee kan Ummata irratti of tuuluu fi ummaticha abdii kutachiisuu irratti bobba’ee jiru callifnee ilaaluun keenyaa, kanneen Bilisummaa irraa fagaatanii hawwiin jiraatan heddummeess jira. OPDOn har’a Oromoofan dhaabbadhee jettu, Maastar pilaaniin hojii irra akka ooluuf quba nutti baaftee akka jiraattu kan hayyameef nu malee halgaa miti. OPDOn bara hundeeffamte lakoofsaan meeqa akka turtee fi har’a meeqa akka taatee yennaa ilaalluu mooraa diinaa hangama akka gabbifne hubanna. Kun addunyaa keessa jiraa? yoo jiraate Saba kamtu bifa kanaan Bilisoomee? yoo jennee, deebii argachuun rakkisaadha. Kanaaf Mooraan Bilisummaa barbaadu akka hadheeffatu gochuuf, mooraa diinaa gabbisuu dhaabuun barbaachisaadha. har’a OPDOs ta’anii ykn Biyyatti galanii ummata irratti roorrisuu fi wareegama Bilisummaan barbaaddu hanqisaa jiraachuun babal’achaa jira. Kanaaf balbala sana cufachuun murteessaa ta’a. kan Bilisummaa irraa K.M miliyoonaan fagaachaa jiru hanqisuus ta’a.
Wayyaaneen har’a dadhabiina dhaabbilee mormitootaatin jiraachaa jirti malee, siyaasi ishee dhumatee jira. Siyaasi har’a itti jirtu hundumtuu kan qabsoo sabootaa itti kakaasu, saboota warra waa hin dubbannee illee kan dubbachiisuu ta’a deema. kana geeddarree, wayyaanee dhiibuu fi Bilisummaatti hiiquun barbaachisaadha. Bilisummaa Qilleensaan dhiibamtee dhuftuu eeggachuun gawwummadha. Sochii qabsoo bifa isaa hedduummeessuu fi karaa waan wayyaanee mogolee jalatti cabsuu hundumaa heddummeessanii Bilisummaa humnaan Biyya keenya irratti akka hin labsanne nu dhorkee jiru of irraa kaasuuf socha’uu barbaachisa. Beektoonni akka beekumsa isaaniitti waan hojjachuu danda’an hojjachuu qaban. Abbootiin seeraa akka ogummaa isaanitti waan barbaachisu hundaa dalaguu qaban. waan bor gaafatamnuu fi dhalooti borii maal gochuu akka qabu irratti fageessanii hojjachuu qaban. Dinagdee wayyaanee har’a samii ga’ee jiru kana ogeessitoonni isaani ialaallatu mana isaanii keessatti waan hojjatamu kana akka fiilmii ta’aanii daawwachuu irra , maaliin waan kana akka cabsuu danda’an bu’ura isaa kaasee har’a hojjachuu eegaluu qaban. wayyaaneen yoo Biliosomne illee rakkoo waggaa 50tu keessaa hin baanee bifa adda addaan nu ka’aa jirti. Wayyaaneen Oromoon akka Bilisummaa isaa goonfatu inuma beekti. Hidhaa fi ajjeechaan Bilisummaa isaanitti akka isaan bute ni beeku. kanaaf humna OROMOO dura gaaf-tokko dhaabbachuu akka hin dandeenye waan beekaniif, Dingdeen dacheema keenya irratti nu qabanii jiraachuu barbaadu. Yoo isaan dadhaban warra alaatti lafa keenya gurguranii jiran waliin nu dhaabuu barbaadu. Kanaaf har’aa kaafnee mala isaa yoo hin qopheeffatiin, gaafuma bilisoomne jennee teenyaan, bara sana ammoo dulluumaan dubbachuu dadhabna ta’a. qalbiin beektoota har’aa keessa jiru, isa borii keessa jiraachuu hanqachuu danda’a. akkuma dhalootaan Gootummaan keenya yerachaa deemu san. wayyaaneen Angoo qabatani jiran dhaloota itti aanutti dabarsuu jechuun maal jechu akka ta’ee beekuu nu barbaachisa. Bilisummaa fageessuudha. Kanaaf, dhaloota akka ibidda saafaa eenyummaa isaaf belbelaa jirutti dhimma ba’uuf, hundi keenya qabsoo kana waliin dhaabbachuu fi Bilisummaa Umamaan argannee akka deeffannuf haa sochoonu.
Qeerroon har’a keessa isaatti Bilisummaa isa dhugaa dhandhamatee waan jiruuf, Bilisummaa isaatti dhihaatee jiraachuuf ragaadha. Bilisummaa irraa fagoo jirraa jechuun, Bilisoomuuf, waggaa 40 nutti fudhataa jechuu miti. garuu yoo hojjachuu baannee nu hin hafu. Bilisummaa irraa fagaachuu jechuun, waan Bilisummaan barbaaddu hojjachuu haqachuu keenyaan, nuutu Bilisummaa irraa fagaannee jirraa nama jechisiisa. Bilisummaan Nama irraa fagoo hin jirtu. Bilisummaan waan Umamaan badhaafamanii. ittin jiraachuu fi dhiisuu abbichaa ykn akka ittin hin jiraannee taasfamun daangeeffama. Keessattu Ummati OROMOO Biyya alaa jiru, sochii Bilisummaaf Biyya keessaa taasifamaa jiruun wal qixxaachuun barbaachisaadha. sochiin gama Afaanii fi aadaan tarkaafatamaa jiru, waan Bilisummaan barbaaddutti ce’ee, wal qixa tarkaanfachuu qaba. Namni dubbiin wal hammacuu, dubbii qotuu fi shira xaxuun beekamuu, Bilisummaan isaa dhaloota isaafuu fagoo taati. sammuun Bilisummaa waa yaaduu , waa hojjachuu, nama waliin jiraachuu kkf hin qabnee, Bilisummaa Biyyaaf dhaabbata jedhanii yaaduun gonkumaa hin fakkaatu. Ofittummaa fi of tuulummaan gonkumaa Bilisummaaf dhihoo hin ta’an. Humni ykn Ummati sochii akkasii keessaa hin baanee, gonkumaa Bilisummaatti dhihaachuu hin danda’uu. Kanaaf, inni Bilisummaa irraa fagoo jiru , Bilisummaa dhaadannoon ofitti butuu akka hin dandeenye beeku qaba. inni Bilisummaatti dhihaatee jiru, inni kaan akka dhihaatuuf waan Bilisummaatti isa dhiheessuu tolchuu fi faallaa isaa kan jiru balleessaa, dhabamsiisaa deemuun furmaata dhumaa ta’aa jedheen amana. ANI BILISUMMAAN ULAAGAA BARBAADDU WAAN GUUTEE JIRUUF, BILISUMMAATTI DHIHOON JIRAA JEDHEE OFITTI BOONAA. Isa booda Bilisummaa dhugeeffachuun dhihooma jira. Yoo hin ta’iin, waa’ee Bilisummaa iyyu hin kaasiin !!!

No comments:

Post a Comment