WAAMICHA WALGAHII MISEENSOTA WALDAA HAWAASA OROMOO AWUROOPAA (WHOA)/ OROMO COMMUNITY ASSOCIATION IN EUROPE (OCAE) e.V. (Inc.), FRANKFURT AM MAIN, GERMANY

Onkoloolessa 27, 2015 |  OROMO COMMUNITY ASSOCIATION IN EUROPE (OCAE) e.V. (Inc.), FRANKFURT AM MAIN, GERMANY

Kabajammoo Ilmaan Oromoo ardii Awuroopaa keessatti argamtan maraaf (hundaaf),  
Hunda duraan dursee nagaan oromummaa fi waaqayyoo/rabbii isin haagahu. Jiruu fi jireenya gaarii (dansaa) isin hawwiina. Horaa bulaa!   

Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE) e.V. (Inc.) ilmaan Oromo hundaaf ji’a Muddee (December) keessa gaafa guyyaa 5 bara 2015 sanbata duraa (sanbatduraa) sa’aati 12:30 WB (PM) irraa eegalee (jalqabee/kaassee) hanga (hamma) sa’aati 18:00 WB (PM) ti walgahii qopheesee jira.  
 

Walgahiin miseensota WHOA/OCAE e.V. (Inc.) yeroo sadaffaatif magaalaa, "Frankfurt am Main/Griesheim (Schwarzerlenweg 57, 65933 Frankfurt am Main)” jedhamu keessatti guyyaa gaafa Muddee (December) 05, 2015 sa’aati 12:30 WB (PM) irraa kaassee qophaa’ee jira. Walghii kana irraatti akka hedduminan hirmaattaan kabajaan isin afeerra.  

Kanaafuu walgahii kana irrati miseensonni WHOA/ OCAE e.V. (Inc.), deeggartootni fi ilmaan oromoo ardii Awuroopaa keessa jiraatan akkasumas firootiin oromoo argamuu akka dandayan yeroon ergaa kana karaa siniif mijaawe hunda akka nuuf dabarsitan kabajaan isin gaafanna.   

Sagantan walgahii miseensota Waldaa Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association (OCAE) e.V. (Inc.) ji’a Muddee (December) keessa gaafa guyyaa 5 bara 2015 gaggeessamuu arman gadiiti tarreeffameera:    

  1. Barruu WHOA/OCAE e.V. (Inc.) “Qaanqee Bilisummaa (QABIL)” (Spark of Freedom) jedhamee murteessame bara 2016 keessa ji’a ji’aa sadin gulaaluu fi maxxansiisuu.
  2. Yeroo ammaa kana haala „Sochii Bilisummaa Oromoo Biyyoolessaa (SBOB) (Oromo National Liberation Movement, ONLM)“ fi Jaarmota Bilisummaa Oromoo (Oromo Liberation Organizations) ilaalchisee yaadaan wal dhabuun attamitti hubatamaa?
  3. Dhimmi Karoora Muummicha (Addis Ababa Integrated Regional Development Plan, otherwise known as the Master Plan) Finfinnee ilmaan Oromoo hunda ilaallata. Karoora Muummicha Finfinnee kana fashalsiisuuf ka tahuun irra jiru maalii?  

Walgahii seena qabeessa kana irrattii hundinuu argamtanii gaaffii fi deebii geggeefamu irratti qooda keessan akka gumaachitan abdii guutuu qabna. 

Namoota Koree Hojii Raawwachiiftuu (KHR) irra odeeffannoo (information) dabalataa feetanif lakkoofsa bilbila (telefoona) kanatti of-gargaaraa:  

Lakkoofsa bilbila:  +49(0)17653498098                                    
                                +49(0)15210106906                                     
                                +49(0)15219044954                                     
                                +49(0)15210531811                                       
Guyyaa, sa’aatii, bakka walgahii fi baabura bakka walgahii isin geesuu ilaalchisee arman gadiiti hubadhaa:  

  • Guyyaa walgahii (Date of meeting): Muddee (December) 05, 2015  
  • Sa’aatii walgahii (Time of meeting): 12:30 WB (PM) ‐ 18:00 WB (PM)  
  • Bakka walgahii (Place of meeting): Schwarzerlenweg 57, 65933  Frankfurt  am  Main 
  • Geejiba (Transport): Vom Hauptbahnhof mit der S-Bahnlinien S1 und S2 bis zur S-Bahn
                                      Haltestelle „Griesheim“, 5 Minuten zu Fuß bis zum SAALBAU                                                    Griesheim.                                    
                                    From the central train station (Hauptbahnhof) take the city train (city
                                     railway) S1 and S2 to the city train station “Griesheim”, 5 minutes on feet
                                      till SAALBAU Griesheim. 

Galatoomaa!    
Abdurhaman Mustafa (Dura taa’aa WHOA/OCAE e.V. (Inc.))
Email: mustefaabdurahman38@gmail.com

To Read PDF click here

No comments:

Post a Comment