Gorsa Fincila Diddaa garbummaa irratti

Sadasaa 30, 2015 | Obbo Nageessaa Oddoo Duubee Irraa

Dargaggoonni Oromoo bakka cufarraa Fincila finiinsaa jiru. Keessattuu Amboo, Gincii, Naqamte, Mandii, Jaarsoo fi magaalota hedduu keessatti itti fufeera. Ofeeggannoon armaan gadii fudhatamuu qaba:
A. Woyyaaneen namoota/basaastota ofii hiriirtota/barattoota keessa maktee akka isaan qabeenna barbaadeessanii fi akka isaan gaafii hin barbaachisne kaasan hojjachuu waan dandeessuuf of eeggannoon guddaan Haa taasifamu.

Yo qabeenni barbadaa'uu jalqabe ykn diddaan Kun yo gara violence humnaa jirjiirame barattoonni keenna harka duwwaa waan jiranuuf ni miidhamu.

Mootummaan illeen sababa ittiin ajjeesuuf hidhulle argatata.

B. Keessattuu mormii fi diddaa kan gara wolitta bu'iinsa sabootaatti jirjiiruuf yaaluu waan dandeessuuf isarraa of eeguu.

C. Mormiin Kun diddaa (disobedience) Wolgayii isaanii bahuu diduu fi boycott diinagdee- gabaa fa bahuu diduu fi gibira kaffaluu diduu dabalachuu qaba. Ijoolleen maatii irratti hojjachuu qabu.

D. Gaaffiin gaafannu tokkoo fi tokko qajeelaan/xaliila ta'uu qabdi. Mormii Masterplan taanaan isuma; mootummaan nurraa Haa bu'uu yo taate Ifa; qabeenna nu hin saaminaa yo taate Ifa. Gaaffileen baayyee ta'uu hin qaban; tokko ykn lama.

E. Uummanni Oromoo ammoo naannoo cufaa wolitta reebee yeroo kanatti gaafii ofii gaafachuu qaba. Oromoonni Bahaa, Kibba bahaa fi kibbaa yeroo kanatti gaafii keessan dhiyeessaa! 

Ambo qofattu mirga sarbamee? Wollagga qofatti abbaa biyyummaa dhabee? Show solidarity! 

"Woliin Cam'isanii woliin caldhisan " jedhaa motii re makmasksi keenna!

F. Gama civil disobedience tiin Gujiin waan gaarii jalqabeera; cimee itti fufuu qaba. Waan Dhaabaa Dabalee fi Isheetuu Dasee fa Bulee Horaa dhufanii isinitti kijibaniin hin sobaminaa. Fincila keessan itti fufaa.
Garuu woldhaba gosaa kaasuuf Woyyaaneen Garrii fi Gujii wol lolchiisuuf yaalaa jirti fakkaattii magannee please dogoggortanii akka lolli hin uumamne hadaraa.
Injifannoon kan Uummata Oromoo ti!
Qabsoon itti Fufa!

No comments:

Post a Comment