Koongirasii Feederaalawa Oromoo (KFO): Marii haawwaasa Burraaayyuu fi Naannoo ishiiti Maqaa mastar pilaanitiin labsii Lafa Oromiyaa saamufii saamsisuuf bahee irratti: Sadaasa 08, 2015 (Onkoloolessa 28, 2008)

Akkuma xalayaa beekisissa kan argitan K.F.O guyyaa gaafa 28/03/2008 alh itti walgahii ykn marii haawwaasa Burraaayyuu fi Naannoo ishiiti wajjin taasisuuf deemuu irrati eenyaaminii magaala bulishiinssa irra waan argameefii hundi keesanii akka irrati argamitan kabajaan issin gaafatuu.
Maqaa mastar pilaanitiin labsii Lafa Oromiyaa saamufii saamsisuuf bahee irratti KFO'n waamicha taasisen ibsa ejjennoo qabxii sagaliitin marii isaa goolabuu issa beekamadhaa.
Ibsi barreessaa paartii Koongirasii Feederaalawa Oromoo Obbo Baqqalaa Nagaatin dubbifame kan arman gadiiti.
IBSA EJJENNOO 9

Labsiin caffee Oromiyaatin mirkanaa'e eenyummaa keenya balleessun Oromiyaa saamsisuuf kan kaayyeffate waan ta'eef hatattamaan akka haqamu cimsinee gaafanna.
● Ilmaan Oromoo gootonni saamicha lafa Oromoo mormuudhan ajjeefaman akkasumas guyyaa labsiin kun labsame dabalatee Oromiyaadhaf guyyaa gaddaa ta'ee akka labsamu ni gaafanna.

● Sabni Oromoo mirga isaa kabachiisuf amantiin, naannofi ilaalcha siyyasan otoo wal hin qoodinin hatattamaan of ijaaree qabsoo diddaa saamichaa'tti akka dabalamu gaafanna.

● Sagantaan hiriira nagaa Oromiyaa iddoo hundatti akka qophaa'u ibsina.

● Qotee bulaan Oromoo lafa isaa irratti of ijaaree iddoo jirutti abbaa qabeenyaa akka ta'u gaafanna.
● Hooggantoonni Oromoo tokkummaa isaanii cimsanii qabsoo sabaa finiinsun Oromoon mirga abbaa biyyummaa akka goonfatuuf wal duukaa akka hiriiran cimsinee waamicha dhiyeessina.

● Afaan Oromoo dabalatee Aadaa, Seenaa fi eenyummaan Oromoo lafa isaa waliin badaa waan jiruuf Uummatni Oromoo Finfinnee keessatti Afaan isaatin baratee Afaan isaatin akka hojjetu gaafanna.

● Ijaarsi keenya iddoo hundatti cimee abbaan qabsoo dhaaba siyyaasaa otoo hin taane Oromoon wabii mirga isaa akka ta'u waamicha dabarsina.

● Oromoon alagaan manca'e akka hin badne gumaata qabsoon karaa nagaa gaafatu kamuu gochuuf qophii ta'uu ibsina.

Waamichi KFO'n dhiyaate marii bal'aa fi muul'ata abdii qabeessa gaggeessun raawwate.


Ilmaan Oromoo gaafas guutuu Oromiyaa irraa hirmaatan qabsoo firii buusu gaggeessuf waada seenun isaanis kan yaadatamudha.
==============================================================
The Oromo Federalist Congress (OFC) has written a letter to the various organs of the Ethiopian government – urging the government to stop the Addis Ababa Master Plan, whose goal is to evict millions of Oromo farmers from their ancestral land in the name of ‘development’ around the city of Finfinne; in the same letter, OFC has also urged the Ethiopian government to respect the constitutional rights of the people, especially Article-49 of the Constitution – which deals with the special interests of the State of Oromiyaa over Finfinne (see the full letter below; it’s written in Amharic).
Meanwhile, OFC will hold a public meeting in Burraayyuu at the town’s stadium on Sunday, Nov. 8, 2015 (Sadaasa 28, 2008 ALH) – from 9am (or 3 in the morning – local time) to 1pm(or 7 in the afternoon – local time) to discuss with the public about the Addis Ababa Master Plan.

OFC’s Letter to Ethiopian Government Organs:

OFC_Letter2015_1
OFC_Letter2015_2

OFC’s Upcoming Meeting in Burraayyuu (Nov. 8, 2015 @ 9am —Sadaasa 28, 2008 @ 3) at the Stadium:

OFC_MeetingPermit2015_1

No comments:

Post a Comment