Olola Dharaa Oomishee Facaasuu fi Ummata Shoororkeessuudhaan Umrii Bittaa isaa Dheereffachuuf Dhama’uun Mootummaa Wayyaaneetiif Aadaa Tahe

Sadaasa 06, 2015 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa kenname
Mootummaan Wayyaanee olola dharaa daangaa hin qabnee fi duula shoororkeessummaa, haaressa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti banee jira. Humnootiin tikaa fi miidiyaan Wayyaanee akkuma amala isaanii fiilmii dharaa maqaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo xureessu oomishuuf har’as olii fi gadi kaataa jiru . Duulli maqa-balleessii fi jibbisiisaan kunis waan haaraa utuu hin taane itti fufa kan ammaan duraa ti. Gama biraanis humnootiin tikaa Wayyaanee maqaa miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi shoororkeessitoota jedhuun wayta ammaa ilmaan Oromoo nagaa biyya keessaa fi biyyoota ollaatii ukkaamsanii garii mana hidhaatti guuruu, kaan immoo ajjeesuu fi gara dabarsuun muddama uumuuf asii fi achi fiigaa jiru.


Kijibni Wayyaanotaa fi fakkaattotni isaanii ABO fi walii gala qabsoo Oromoo irratti tarrisan: ABOn dhiphoo dha, shoororkeessituu dha, hooggannni ABO nama ajjeesa, nama qala, ABOn ergamaa alagaa ti, qabsoon Oromoo ummatoota kaan balleessuuf adeema, …kkf. kan jedhu olola hundee hin qabne dha. Olola fokkisaa gantoota sabaa fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha dantaa saba ofii balaa irra buusuuf luffisan keessaan oofuudhaan tokkummaa ummata Oromoo diiguu fi qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuuf bara baraan dhama’u. Miidiyaa of harkaa qaban kan akka Dhaabbata Raadiyoo fi Televiziona Itoophiyaa, gaazexoota mootummaa, raadiyoo Faanaa, marsariitii isaanii kan akka Ayigaa Forum, Tigraay Online, Waarkaa, mana pal talk, akkasumas Youtube Gadaa TV fi kan kana fakkaatutti gargaaramanii sum’ii diinummaa isaanii Oromootti facaasuuf aara-galfii dhabaa jiru.
Akeekni olola Wayyaanee inni guddaan bara baraan ummata Oromoo gandaa fi gosaan wal irratti kakaasee tokkummaa isaa laaffisuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo dadhabsiisuu akka tahe amma kan hin hubanne jira hin fakkatu. Fedhiin isaa duula qor-qalbii ummata Oromoo irratti oofuudhaan akka ummatichi boquu gadi qabatee sirna saamichaa fi hacuuccaa isaa ameen jedhee jalatti bulu taasisuuf ummaticha shoororkeessuu dha. Shoororkaa uumee ittiin ummata sodaachisa, doorsisa. Addatti ammoo yeroo ammaa ummatni Oromo Wayyaanee irratti tokkummaa isaa jabeeffatee sochii cimaa bifa gara garaatiin gochaa jiru irraa rifaatuu guddaa keessa waan seeneef olola kana haaromfate. Kana malees ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo empaayerattii keessa jiran kan biroo gidduutti shakkii uumuun akka waliif hin tumsine taasisuuf tattaafata. Mootummaan farra ummataa kun shakkii fi sodaa ummattoota gidduutti uumuun imaammata qoqqooodanii bituu akka hordofu ifaa dha. Ummatoota cunqurfamoo walitti diree dhiiga wal dhangalaasisaa ofii nagaadhaan giddduutti jiraachuun imaammata Wayyaanee dhaabbataa dha.
Mootummaan Wayyaanee duula ololaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti oofutti dabalee, maqaa miseensota ABO, shoororkeessitoota fi kkf. itti maxxansuun lammiiwwan Oromoo mana hidhaatti guura. Lammiiwwan Oromoo nagaa mana hidhaa keessatti dararee beelaa fi dhukkubaan akka du’an taasisa. Mootummaa nama ajjeesee qaanii tokko malee “of ajjeese.” jedhu dha. Namoota miseensota Adda Bilisummaa Oromoo ti jedhu shoororkeessummaan yakkee mana murtii federaalaa ofii itti ajajutti dhiheessee murtii jal’aa itti dabarsa. Sababa Bilisummaa Saba ofiif falmatan qofaaf yakka tokkoon maleetti hidhaa umrii guutuu fi du’aan adabuun mootummaa dabaa fi cubbuu guddaa ummata Oromoo fi kanneen biroo irrattis raawwataa jiruu dha.
Mootummaan Wayyaanee, shoororkeessaan Sab-boontota Oromoo mirga Oromoof falman bakka argamanitti akka ajjeefaman maqaa isaanii tarrisee facaasaa akka jirus ragaa waliin ifa bahee jira. Duula Oromoo bara baraan shoororkeessuu bal’inaan itti fufee jira. Kana malees humnootiin tikaa Wayyaanee baqattoota Oromoo sirna isaa jalaa baqatanii biyya ollaa keessa jiraatan adamsanii ukkaamsuu fi ukkaamsisuu irratti argamu. Obbo Dabbasaa Guyyoo Saafarroo, jaarsi umriin waggaa 80, Fulbaana 27, 2015 Naayiroobii keessaa ukkaamsamanii hanga ammaa achibuuteen isaanii hin baramne. Akkasumas baqattootni Oromoo maqaan tarrifame garii walta’iinsa humnoota tikaa Wayyaanee fi poolisoota Keeniyaatiin Naayiroobii fi bakkoota birootii guuramanii maqaa gooltummaatiin mana hidhaa biyya ormaa keessatti dararamaa jiru. Akka kanaan dalagaan gooltummaa mootummaa Wayyaaneetiin raawwatamu daangaa biyyaa fi biyyoota ollaa irra utaalee sadarkaa idil-addunyaatti tarkaanfateera.
Wayyaaneen soba ija baasee fi olola dharaa oofuudhaan umrii bittaa ofii dheereffachuuf dhama’a. Soba tarrisuun, soba dhugaa fakkeessuu fi ummatoota gidduutti shakkii fi sodaa uumuun aangoo irra of tursuuf tattaafata. Kun tooftaa dhaabbataa fi dulloomaa murni kun kanatu na baasa, kana malee jiraachuu hin danda’u jedhee waggoota digadamii afuriif itti gargaarame; ittis gargaaramaa jira. Olola dharaa oofuu mala jireenyaa taasifate. Murni aangoo dhuunfatee deggersa ummataa hin qabnee fi yeroo hunda bir’ataa jiraatu kun, fuula duras hanga gaafa aangoo irraa darbamuutti shira akkasii dalaguu irraa if duuba hin deebi’u. Umrii bittaa ofii dheereffachuuf olola diiggaa fi sum’aawaa oomishee ummata keessa facaasuun shakkii fi afanfaajja’iinsa uumuu irraa hin dhaabbatu. Mootummaa deggersa ummataa fi hundee hin qabne humnaa fi ololaan biyya bulchuuf tattaafatu dha.
Wayta amma Addi Bilisummaa Ummata Tigraay wal dhabbii of keessatti qabuu fi beela dabalatee rakkoolee hawaasummaa adda addaa ummatoota empaayerattii hudhanii qaban dhoksuuf oduu fi fiilmii sobaa oomishee ilaalcha ummataa gara dabarsuuf abbala. Kana malees dhihee bari’u mootummaa fi ummata biyya ollaa irratti olola jibbaa facaasuun ilaalcha ummatoota Itoophiyaa keessa jiranii gara dabarsuun bara bittaa isaa dheereffachuu barbaada. Hunda caalaa immoo, Adda Bilisummaa Oromoo dabalatee Tumsi Bilisummaa fi Dimokraasii Ummatootaa dhaabotni ummatoota cunqurfamoo shan dhiheenya ijaaran mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buusee jira. Kanaaf waan qabatuu fi gadi dhiisu isa wallaalchisee akka saree maraatuu olii fi gadi kaachuun, keessaahuu, ummata Oromoo unkuruu irratti fuulleffate. Adda Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo irratti olola dharaa kan maqa-balleessii oofee bulguu fakkeessuudhaan ummatoota biroo fi hawaasa addunyaa duratti dhiheessuuf tattaafata.
Haa ta’u malee ummata Oromoos ta’e ummatootni cunqurfamoon empaayerattii keessa jiran olola dharaa fi tooftaa dulloomaa Wayyaanee kanaaf gurra kennaa hin jiran. Ummatootni empaayerattii Mootummaan Wayyaanee mootummaa ummata sobuu fi sobaan jiraatu ta’uu erga itti dammaqanii tureera. Mootummaa osoo ummatni beela’uu quufatu jira, dinagdee biyyaa dachaadhaan guddisnee jirra jedhuu fi kijibaan jiraatu ta’uu hundatu beeka. Mootummaa mirga dhala namaa gara jabinaan dhiitaa, bilisummaa nam-tokkee fi sabaa irra ejjetaa sirna dimokraasiin ijaaree na faarsaa, jedhee ija dhiibee ummatoota nin bulcha jedhuu fi hawaasa addunyaa sobu dha. Haa ta’uu yeroon isaa yeroo itti ummatatti hurrii maranii bulchuun danda’amu miti. Yeroo itti dammaqiinsi ummataa fi guddinni teknooloojii beeksisaas guddate akkasii keessa miidiyaadhaan uummata sobuu yaaluun of gowoomsuu dha. Akkasumas ummatootni empaayerattii, keessaahuu, ummatni Oromoo har’a ololaa fi tarkaanfii shoororkeessummaa mootummaa Wayyaanee fi lukkeelee isaaf jilbeenfataa hin jiran. Hidhaa fi ajjeechaan qabsoo keenya hin dhaabu, warri har’a karaa baay’ee nutti duulaa jiran boru karaa itti dhugaa fi ol’aantummaa ummataa jalaa bahan tokko illee hin qabaatan jechuudhaan hamilee fi murannoodhaan diina hanga funyaaniitti hidhate dura dhabbataa jiru. Dhuma irratti injifannoon kan ummataa akka ta’us shakkiin hin jiru.
Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 05, 2015

No comments:

Post a Comment