Adda Bilisummaa Oromoo (ABO): Waamicha Qabsoo

Mudde 15, 2015
Ummatoota Itophiyaa Hundaaf!
Miidhaan Mootummaa kan Sitti Dhaga’amu Lammii Saboota Hundaaf!
Abidda Ollaa Hunda Gubaa Jiru Kana Waliin of Irraa Dhaamsuuf Haa Kaanu!

Ummatni Oromoo sochii barattoota fi dargaggoota isaa qabsiisaniin warraaqsa haaraa Sadaasa 12 irraa eegalee gaggeessuun wareegama lubbuu, madaa’uu fi qaamaa hir’achuu guddaa fi ulfaataa baasaa jira. Ummatni keenya wareegama kana kan baasaa jiruuf mirga uumaan qabu fi mirga lafa isaa irratti abbaa biyya tahuu falmachuuf jedhee ti. Falmaan akkasii sadarkaan isaa wal haa caalu malee gola ummatoota Itophiyaa hundaa keessa jira. Goondar irraa lafatu muramee alagaaf kennamaa jira. Gambeela ummata abbaa biyyaatu buqqifamee alagaa biyyaa alatti gurguramaa jira. Omoo keessaa ummatootaatuu buqqifamaa jiru. Kan akkasii heddu tarrisuun danda’ama. Kun hundi gaaffi ummatni Oromoo Finfinnee ilaalchisee gaafataa jiruu wajjin tokko. Garaa garummaa hin qabu.

Har’a yeroo ummatni Oromoo ka’ee karaa nagaa mirga isaa falmachaa jiru, moggaa dhaabbatanii qe’ee koo hin geenye jedhani daawwatuun hin tahu. Kan har’a ummata Oromoo irra gahaa jiru bor waan qe’ee keessanitti dhufuuf cal jettanii ilaaluun gaabbii taha. Yeroon kun cunqursaa mootummaan Wayyaanee ummatoota biyya Itophiyaa keessaa jiran irraan gahaa jiru callifnee itti ilaallu miti. Sirnooti Itophiyaa bulchaa turanii fi jiran wal shakkii fi bir’aa ummatoota gidduutti bu’ureessanii jiru. 
Amma kan ummatoota Itophiyaa irraa barbaadamu bakka jiran hundatti ka’anii mootummaa Wayyaanee/ Ihadeeg of irraa dabruu dha. Kanaaf yaa Ummatoota Itophiyaa!
Dantaa fi Mirga keessan kabajchiisuuf bakka hundaa haa sochoonu! 
Sochii ummatni Oromoo godhaa jiru cinaa dhaabbadhaa!
Warreen humna waraanaa, polisaa fi tika Wayyaanee keessa jirtan Oromoo ajjeessuu irraa of qusadhaa. Mootummaan Wayyaanee yeroon isaa dhumatera. Harka walqabannee mootummaa kana kuffisuudhaan bilisummaa, dimokraasii, nagaa fi tasgabbii ummatootni barbaadan argamsiisuuf haa warraaqnu. Manni olla keettii osoo gubatu kiyya nagaa baha jettee hin eegin. Ibiddi mana olla keetitti qabate kees gubuu hin ooluutii.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Harka walqabannee mootummaa Wayyaanee haa kaafnu!

No comments:

Post a Comment