Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Kaabinootaa Fi Basaasota Wayyaanee Adabe

Muddee 22, 2015 | Oromedia

Humni Addaa WBO Godina Baalee Mudde 18, 2015 basaasotaa fi kaabinoota Onaa afur adabe.
Dabballota harka mirgaa wayyaanee ta’an Abdurrahamaan H/Kaliil, Nugusee Girmaa, Damisee Tulluu fi Shimallis Tafarii jedhaman ergama wayyaanee fudhatanii FDG barattootnii fi ummatni finiinsaa jiran qabbaneessuuf, Gooroo irraa gara magaalaa Soof Umar deemaa turan bakka Gaara Didibbisaa jedhamutti tarkaanfii irratti fudhateen akka ajjeese Ajaji WBO Godina Kibba-Bahaa beeksisee jira.
Tarkaanfiin kun kan fudhatames ganama keessaa sa’aa 10:00 irratti akka ta’e gabaafameera.
Gootichi Humna Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Mudde 13 fi 16, 2015 loltoota wayyaanee Warraaqsa Ummata Oromoo belbelaa jiru dhaamsuuf daangaa Somaalee irraa gara Giddu Galeessa Oromiyaatti socho’aa turan irratti tarkaanfilee gara garaa fudhateen 91 ol hojiin ala gochuu isaa gabaasamuun kana yaadatamu.

No comments:

Post a Comment