Lola Mootummaan Itophoyaa Ummata Oromoo Irratti Labsee Ilaaluun

Mudde 16, 2015 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Mootummaan murna bicuu Wayyaanee lola waggoota 25f ummata Ormoo irratti labsee, ajjeessaa fi hidhaa jiraate, labsa isaa Muddee 15, 2015 marraa lammafaaf haaromsuun mormii karaa nagaa ummatni Oromoo adeemsisaa jiru ukkaamsuuf Oromiyaa irratti humna waraanaa aangoomsee jira. Lolli ummata Oromoo irratti labsame kun haaraa tahuu baatullee, kan duraanii irra dhumaatii lammiilee fayyaaleeyyii kan dhalchu tahuun hin shakkisiisu.
Mootummaan humnaan ummatoota Itophiyaa irratti of irroomsuun cunqursaa fi saamaa jiraate kun diddaa isa mudatu hunda humnaan furuuf yaaliin godhu umrii isaa gabaabsuun alatti furmaata hin argamsiisu. Waan taheef dhumaatii lola Saba keenya irratti labsameen dhaqqabuuf kan itti gaafatamu mootummaa Wayyaanee fi Hawaasa Addunyaa kana itti callisee ilaaluu tahuu ABOn garanumaa hubachiisa.

Ummatni Oromoo lola mootummaan shorarkeessaa Wayyaanee irratti labse kana karaa isaaf danda’amu hundaan fashalsuun alatti filmaata biraa hin qabu. Duula diinaa kana of irraa ittisuun ammo mirga isaa ti. Kanaaf ABOn kana dura jabinaan dhaabbatuuf waamicha kanaa gadii dabarsa.
  1. Ilmaan Oromoo leenjii waraanummaa yeroo adda addaa fudhattanii ummatakeessa jirtan:
    Lola sanyii duguuggii ummata kee irratti labsame kana dhaamsuun ummata Oromoo dhumiinsa irraa baraaruu keessatti ummata kee ittisuuf ganda gandaan akka of ijaartu.
  2. Lammilee Oromoo hidhannoo qabdan:
    Duulli ummata Oromoo irratti baname, isiniinis dabalata. Waan taheef meeshaan akka dhuunfaatti qabdanin ummata keessan dhumaatii irraa ittisaa. Lammii gaafa rakkoo tahuu keessan hojiin agarsiisuuf ummata keessan cinaa hin dhabaminaa. Kanaaf kanneen leenjisa qaban hidhachiisuun dirqama keessan tahuu hubachiifna.
  3. Lammiilee Oromoo biyyoota alaa keessatti argamtaniif:
    Har’a ummatni keenya mirga isaa kabajsiifatuuf gaaffii karaa nagaa dhiheessaa jiruuf deebiin kennamaafii jiru deebii humnaa fi rasaasaa tahee jira. Fincila adeemaa jiru keessatti daa’imman osoo hin hafiin wareega baasaa jiran. Waan taheef ummata keenya roorroon alagaa itti hadhaa’uu irraa cunqursaan haa gahu! jechuun falmataa jiru kana waliin karaa isiniif danda’ame hundaan, akkasumas, kan dandeessan maraan cinaa dhaabbadha. Kanneen ummata keessaa leenjisa qabanii ummata ittisuuf ijaaramuuf deeman kana qabeenyaan akka bira dhaabbattan.
  4. Lammiilee saboota cunqurfamoo Oromiyaa keessa jiraattaniif:
    Sochii ummata Oromoo dhaamsuu fi ukkaamsuuf diinni shira adda addaa akka raawwatu isin jalaa dhokataa miti. Olola kijibaa ololuun Oromoo irratti isin hiriirsee umrii isaa dheerffatuu kajeela. Mirgi ummata Oromoo kabajamuun mirga lammii kamuu kan dhiibbatu hin tahu. Waan taheef diina waloo kana waloon dura dhaabbatuun hiraar waggoota 25 waliin dhadhamne kan nurraa jigsu tahuu beekuun qooda isin irraa eegamu gumaachaa. Diinaan hin sobamnu! jedhaa garee obboleyyan keessanii tahuu agarsiisaa.
  5. Ilmaan saboota cunqurfamoo humna waraanaa, poolisaa fi humna addaa sirna faashistii kanaa keessatti argamtan hundaaf:
    Qabsoon mirgaa fi abbaa biyyummaa ummatni Oromoo itti jiru sirna cunqursaa ummatoota hunda irratti saaree jirutti xumura gochuu kan akeekkate malee midhaan ummatoota irraan gahu gonkumaa hin jiru. Kanaaf olola diinaan sobamtanii Oromoo hin diineffatiinaa. Ajjeechaa, hidhaa fi reebicha irraan gahaa jirtan daddaffiin akka dhaabdan ABOn waamicha isaa isiniif dabarsa. Ajjeechaa raawwataa jiratan kanaaf bor mataa mataan gaafatama jalaa akka hin banee isin hubachiifna.
  6. Hawaasa Addunyaa maraaf:
    Itophiyaa Wayyaanee keessatti sirni diriirfame kan fedhii ummatootaa hin guutne, mirga dimokraasii hin kabajne, bilisummaa ummatootaatti gufuu tahe, mirga hiree murteeffannaa sabootaa hin kabajne akka tahe tarkaanfii yeroo adda addaa fudhatuun mul’isaa akka turee fi jiru hubatamaa dha. Tarkaanfiin gara jabinaa fi diinummaa ummatoota irratti, addatti ammo ummata Oromoo irratti fudhataa ture kanaaf ragaa isa duraa ti. Har’a haalli kun ittuu hammaatee gara tarkaanfii Sanyii duguuggiitti tarkaanfateera. Ummatni murtiin itti dabarfame ammo dhabama irraa of hambisuuf lola irratti baname of irraa ittisuun dirqii taha.
Haalli wayta ammaa Itophiyaa keessatti mul’ataa jiru yeroon furmaata hin argatu taanaan gara dhumiinsa suukanneessaa Ruwaandaa keessatti mul’ate fakkaatutti tarkaanfatuun kan hin hafne taha. Waan taheef dhumiinsa akkanaa hanqisuun dirqamaa fi gaafatama kanneen dimokraasii fi nagaatti amananii ti. Addatti ammo dirqama Mootummaa Gamtoomanii (UN) tahuu gadi jabeessinee hubachiifna ABOn hawaasni addunyaa kana hubatee mootummaan Shorarkeessaa Wayyaanee gochaa isaa irraa akka dhaabbatuu fi mirgi ummata nagaan gaaffii isaa dhiheeffatuu akka kabajamuuf gochuu irratti dhiibbaa hojiin mul’atu barbaachisu akka godhu gaafata. Kana gochuu dhabuun tarkaanfii Wayyaaneen ummatoota irratti fudhatuun dhumiinsa dhaqqabuuf gaafatama seenaa jalaa kan hin bane tahuu hubachiisa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 16, 2015

1 comment: