Seenaa Gabaabaa Barsiisaa Dinqeessaa Caalaa Guutamaa (1989-2015)

Muddee 18, 2015 | Oromedia

Dinqeessaa Caalaa (1989-2015)
Barsiisaa Dinqeessaa Caalaa Guutamaa bara 1989  godina shawaa lixaa Aanaa Dandii gandaa Yuubdoo laga Baatuu  keessatti dhalate; achumatti maatii isaa biratti guddate.
Barnoota isaas hanga sadarkaa lammaffaa ti achuma Aanaa Dandii magaala giincitti mana barnoota sadarkaa 1ffaa Giincii fi Sadarkaa 2ffaa giincitti kan baratee yoo ta’uu sadarkaa Olaanaa Kolleejjii Barsiisota jimmatti damee saayinsii Hawaasaa (social science) baratee bara 2009 Jimma irraa qabxii Olaanaan eebbifame barsiisaa ta’uun godina shawaa lixaa aanaa Jibaati fi akkasuma Shawaa lixaa ejereeti kan barsiisaa ture yoo ta’uu hanga yeroo dhihoo ji’oota muraasa duraa daraara fi dhiibbaan dabballoota wayyaanee itti hammaate dalagaa dhaabuuti.

Dinqeessaan Jaalala fi guddina afaan Oromoof illee gumaachuuf kaayyoo guddaa waan qabuuf unversity Ambooti Digrii jalqaba Afaan Oromoon barataa kan ture fi qabxii 4:00 galmeessisee rakkoo jireenyaf kan addaan kutee fi itti fufuuf kaayyoo guddaa qaba ture. Dinqeessaan ilmaa sabaaf uumame qaroo qeerroo oromoo addaa dureen dirqama oromummaa isaa raawwata tureedha.
Dinqeessaan sochii diddaa barattoota Oromoo kan 2001, 2004 fi 2005 shawaa lixaa keessatti ta’aa turee addaa dureen hirmaataa akka ture seenaan ragaa baha. Jimmatti illee miseensa koree Tokkummaa barattoota Oromoo unversity fi kolleejjii Jimma keessatti shooraa ijaarsaa fi sabboonummaa oromoo irratti gahee guddaa taphataa ture. Akkasuma Koree Aadaa fi aartii Oromoo kolleejjii barsiisota oromoo hanga cufamutti miseensa irraa ka’ee dirqama ooganummaa garaagaraa ti dirqama isaa bahaa ture.
Dinqeessaan nama barnoota isaan jabaa fi amala qabeessa fakkeenyaa dargaggoo oromoo ta’eedha. Goota miseensa qeerroo Dinqeessan osoo guyyaa tokko duubatti hin deebi’iin Osoo falmuu gaafa guyyaa 16/12/2015 waraana agaazii wayyaaneen #Ginci ti wareegame. Gumaan goota kana ni baati.
Goonnii kun hiriyaa isaa Jaagamaa Badhaanee ti makamee gumaa koo baasaa jedhe.

No comments:

Post a Comment