WAAMICHA WALGAHII HATATTAMAA (ARIIFACHIISAA) MISEENSOTA WALDAA HAWAASA OROMOO AWUROOPAA (WHOA)/ OROMO COMMUNITY ASSOCIATION IN EUROPE (OCAE) e.V. (Inc.), FRANKFURT AM MAIN, GERMANY

Muddee 19, 2015 | WALDAA HAWAASA OROMOO AWUROOPAA (WHOA)

Kabajammoo Ilmaan Oromoo ardii Awuroopaa keessatti argamtan maraaf (hundaaf),   
Hunda duraan dursee nagaan oromummaa fi waaqayyoo/rabbii garaa gurraachaa tokkicha maqaa dhibbaa isin haagahu. Jiruu fi jireenya gaarii (dansaa) isin hawwiina. Horaa bulaa.   

Walgahiin miseensota Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE) e.V. (Inc.) yeroo arfaffaatif (afraffaatif) magaalaa„ Frankfurt am Main/Griesheim (Schwarzerlenweg 57, 65933 Frankfurt am Main)” jedhamu keessatti guyyaa gaafa Amajjii (January) 02, 2016 sa’aatii 12:30 WB (PM) irraa jalqabee (kaassee) hanga sa’aatii 18:00 WB qophaa’ee jira. Walghii kana irraatti akka hedduminan hirmaattaan kabajaan isin afeerra. 


Kanaafuu walgahii kana irrati miseensonni WHOA/ OCAE e.V. (Inc.), deeggartootni fi ilmaan Oromoo ardii Awuroopaa keessa jiraatan akkasumas firootiin Oromoo argamuu akka dandayan yeroon ergaa kana karaa siniif mijaawe hunda akka nuuf dabarsitan kabajaan isin gaafanna. 

Sagantan walgahii arman gadiiti tarreeffameera:   
1. Barruu WHOA/OCAE e.V. (Inc.) “Qaanqee Bilisummaa (QABIL)” (Spark of Freedom) jedhamee murteessame bara 2016 keessa ji’a ji’aa sadin gulaaluu fi maxxansiisuu.

2. Yeroo ammaa kana waa’ee Warraaqsa  „Sochii Bilisummaa Oromoo Biyyoolessaa (SBOB) (Oromo National Liberation Movement, ONLM)“ keesaati gaafa Sadaasa (November) 12, 2015 jalqabee ilaalchisee Maallaqa-walitti-qabuu Biyyaaleesa Oromoo (MBO)/ Oromo National Fundraising (ONF) irratti dubbii gaggeessuu.  

3. Dhimmi Karoora Muummicha (Addis Ababa Integrated Regional Development Plan, otherwise known as the “Master Plan”) dhimma eenyummaa fi bilisummaa/walaabummaa uummata Oromoo tahuu isaa mirkaneeffachuu. 

Walgahii seena qabeessa kana irrattii hundinuu argamtanii gaaffii fi deebii geggeefamu irratti qooda keessan akka gumaachitan abdii guutuu qabna. 

Namoota Koree Hojii Raawwachiiftuu (KHR) irra odeeffannoo (information) dabalataa feetanif 
Lakkoofsa bilbila (telefoona) kanatti of-gargaaraa: 
Lakkoofsa bilbila:  +49(0)17653498098                                    
                               +49(0)15210106906                                     
                               +49(0)15219044954                                     
                               +49(0)15210531811  
Guyyaa, sa’aatii, bakka walgahii fi baabura bakka walgahii isin geesuu ilaalchisee arman gadiiti hubadhaa:  

Guyyaa walgahii (Date of meeting):  Amajjii (January) 02, 2016  
Sa’aatii  walgahii (Time of meeting): 12:30 WB (PM) ‐ 18:00 WB (PM)  
Bakka  walgahii (Place of  meeting): Schwarzerlenweg 57, 65933 Frankfurt am Main  
Geejiba (Transport): Vom Hauptbahnhof mit der S-Bahnlinien S1 und S2 bis zur SBahn 
                                       Haltestelle „Frankfurt-Griesheim“, 5 Minuten zu Fuß bis zum SAALBAU                                            Griesheim.   
                                   
From the central train station (Hauptbahnhof) take the city train (city railway) S1 and S2 to the city train station “FrankfurtGriesheim”, 5 minutes on feet till SAALBAU Griesheim.   

Galatoomaa!
 

Koree Hojii Raawachiiftuu (KHR)  WHOA/OCAE e.V. (Inc.)

No comments:

Post a Comment