FXG Itti Fufuu fi Mootummaan Wayyaanee OPDO Keessayyuu ABOn Jira Jechuu Eegale‏.

Amajji 10, 2016 | Gabasaa Qeerroo

FXG Oromiyaa keessatti akkuma itti fufetti Oromiyaan guutuumaatti wal gahee jira Yeroo ammaa kana akkuma hubatamutti mootummaan Wayyaanee naasuu fi gara itti deebi’u dhabuu irraan OPDO goolaa jira, isin keesayyuu ABOn jira, diina waliin quunnamtii qabdu jechudhaan doorsisaa jira.

Caasaan OPDO gubbaadhaa hanga goodatti ABO dhaan shakkamuutti ka’e. Akkasuma har’a godina Qellem wallaggaa aanaa Canqaa irraa gara Ayiraa osoo deemuu konkolaataan waraana Wayyaanee nama 6 baattee deemtu galagalteen namni 6 du’anii fi lama du’aa fi jireenya gidduu keessa seenani jiru wayyaanee haalaan naasisuu dhaga’ame.

Wayyaaneen reefa namoota du’anii xayyaara iergee guurrachuun kan ifa tahee fi yeroo ammaa kanas aanaa kana keessa waraanni Wayyaane buufatee kan jiru tahuu Qeerroon gabaasee jira. Haatahu malee yeroo ammaa kana humni Fincilaa uummata qofa miti humnoonni hedduun duubaan jiran guddaa tahuun sodaachisee jira, WBOn uummata keessa faca’ee kan jiru tahuunis mootummaan wayyaanee raafamee jira.

Yeroo kana FXGs kan jabeeffame jiru dhaabbileen barnootaa wayita kana dhibbaan lakkaawam Oromiyaa keessaa hoji baruu fi barsiisuu dhaabuun gara FXGtti fuulleffatnii jiru. Hanga ammaatti qabataaman kan beekanu manni barnootaa 185 ol hojii baruu fi barsiisuu dhaabee jira Oromiyaa keessatti. Kaanis kana irraa fagoo kan hin jirree fi Yuuniversitiileen halkan kana dablatanii kan akka madda walaabuu FXG finiinsaa jiranii fi yuuninvesitii biroonis yeroo ammaa kanatti guutummaan guuututti FXGtti hirmaannaa taasisuun itti fufanii jiru.

Godinaaleen Oromiyaa FXG keessatti hin gaggeeffamin muraasa tahanillee fincilli hanga walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti FXG itti fufuun uummannii fi Qeerroon irbuu haaressaa itti fufeera. FXG itti fufa.

No comments:

Post a Comment