Labsi OPDO ‘karoorri Master Plaaniin guutummaa guutuutti haqameera’ jedhu seenaa Wayyaanee waggaa 24 keessatti injifannoo ummata Oromoo isa duraa ti!

Amajjii 13, 2016 | Boruu Barraaqaa Irraa

Fincilli ummanni Oromoo lubbuu isaa kitimee baatii lamaaf odoo wal irraa hin kunne geggeesse kunoo injifannoo isa duraa mootummaa Wayyaanee irratti galmeeffateera. Sirni seenaa isaa ganna 24 keessatti waan hawwu hundumaa humna qawweetiin raaw’achiifachuu barate ammas akkasumatti karoora master pilaanii kanas kan raaw’achiifatu se’ee dhama’aa yoona gahe. Haa tahu malee murannoon ummata Oromoo yeroo jalqabaaf soda takkaa argee hin beeyneen isa jilbeenfachiise. Humna waraanaa Agaaziitiin kana booda Oromiyaa keessatti karoora cunqursaa ummata Oromoo irratti fe’anii milkaahuun akka hin danda’amne injifannoon kun agarsiiseera.

Haa tahu malee ibsa haqamuu master pilaanichaa dubbatu kana OPDOn baafteef qofa ummanni Oromoo amanee qabsoo isaa irraa dhaabbata jedhanii yoo yaadaniif of gowwoomsan. ‘Karoorri kun jaalattanis jibbitanis hojii irra oola, warra kana didu likkiitti galchina’ jedhee waggaa guutuu kan Oromootti dhaadataa bahe hogganni TPLF Wayyaanee guddichi Abbaay Tsahaayyee fi dhaabni isaa hanga ammaatti homaa hin xiixne. Yoo xiixanis aakkifata duraan tufan deebisanii arraabuu fi salphina fokkataa ummata duratti salphachuu yoo tahe malee gaaffiilee hafan ijoof deebii hin tahu. Qalbii ummata Oromoo cabes fayyisuu hin danda’u. Qabsoon ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaaf geggeessaa jiru sabichaa fi TPLF gidduutti malee sabichaa fi OPDO gidduutti akka hin tahin beekamuu qaba. Kanaafuu haqamuu karoora kanaa kan gad bahee nutti himuu qabu dabballee karoorichaa isa guddaa kan tahe Abbaay Tsahaayyee fi fakkaattota isaati malee OPDO qooda ergamtummaa malee aangoo homaatuu harkaa hin qabnee miti.
Akkuma jedhametti karoorri kun haqameeras yoo taheef mootummaan Wayyaanee tarkaanfii armaan gadii fudhachuudhaan mirkaneessuu qaba.
  1. Abbaay Tsahaayyee, qondaalli sirnichaa guddaan tuffii ummata Oromoof irra deddeebi’ee agarsiise ilaalchisee miidiyaatti bahee ummata Oromoo akka dhiifama gaafatu,
  2. Karoorri kun karoora hamaa humnaan Oromoo fudhachiisuuf waggaa tokkoo fi walakkaa caalaa dhiibamaa dhufee dha. Kanaanis lubbuun ilmaan Oromoo 250 olii akka badu, dhibbooni hedduun akka madaahan, kumoonni kudhanoonni akka hidhaman, kumoonni hedduu akka ukkaamfaman sababa taheera. Kanaafuu:
  • Ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti raaw’atame kanaaf mootummichi imimmaan naachaa haqachuu osoo hin taane, ifatti bahee dhiifama akka gaafatu, warra dhukaasee falmattoota kana ajjeeses akka ifatti maqaa isaanii labsee adaba isaaniin gituun adabu,
  • Maatii ilmaan Oromoo qabsoo kana keessatti wareegamaniif beenyaan dhiigaa hatattamaan akka kafalamu,
  • Wareegamtoonni kun akka gootota biyyaatti maqaa guutummaa isaanii madaaluun guyyaan gaddaa 3 labsameefii guutuu biyyaa irratti, yoo xiqqaates Oromiyaa guutuu irratti akka kabajamu,
  • Warra madaahee waldhaanamaa jiruuf baasii waldhaansa isaanii guutummaa guutuutti mootummaan akka aguugu,
  • Warri sababa kanaan mana hidhaatti guuramee fi ukkaamfamee gara dabarfame hatattamaan akka gadhiifaman, beenyaan mooraalii akka kafaamuuf.
  1. Waraanni, polisni federaalaa fi humni Agaazii Oromiyaa weeraree jiru hatattamaan Oromiyaa gadhiisee akka godaanu,
  2. Gaaffiin ummata Oromoo haqamuu karoora kanaa qofaan deebii hin argatu. Kanaafuu sirnichi akka tasgabbiin Oromiyaa keessatti bu’u yoo barbaade moohama isaa kana irraa barnoota fudhatee akka gaaffiilee ummata Oromoo hafaniifis gurra isaa banu,
  3. Ololli nuffisiisaan ‘fincila ummataa kana duubaan humnoota gooliitu jira’ jedhu waltajjii walgahiis tahee miidiyaa mootummaa irraa hatattamaan akka dhaabatu,
  4. Ummanni Oromoos tahee saboonni biroo mormii sirnicha irratti qaban ibsachuuf gara fuulduaaf karaa nagaan hiriira bahuun doorsisa tokko malee akka eehamamuuf,
  5. Oromiyaan dantaa addaa Finfinnee irraa argatti jedhamee kan heera keessatti kaa’ame waggaa 24 guutuu hojii irra ooluu hanqachuun isaa ni beekama. Kun hanqachuu isaaf sirnichi ifatti dhiifama gaafachuu qofa osoo hin taane, dantaan silaa Oromiyaan waggoota 24 dabran Finfinnee irraa argachuun irra ture herregamee akka baramu.
  6.  Dantaan Oromiyaan Finfinnee irraa argachuun irra turee fi gara fuulduraafis maluuf kunis Finfinnee Oromoo Oromoo urgeessuuf akka tajaajilu. Haaluma kanaanis Oromoon kutaa kamiyyuu irraa dhufee Finfinnee keessatti kafaltii tokko malee akka lafa argatee qubatuu fi manneen daldalaa banatee dalagatu mirgi addaa akka seeraan eeyyamamuuf,
  7. Gosoonni Oromoo Finfinnee keessaa dhiibamanii duguugamanii bahan seeraan lafa isaanii Finfinneetti deebi’anii maqaa gosa isaaniitiin gandoonni moggaafamanii akka qubatan, beenyaan lafa irraa buqqa’anii bara dheeraaf miidhamanis kafalameefii biyya isaanii Finfinnee irratti akka abbaa biyyaatti qananiin akka jiraatan,
  8. Afaan Oromoo afaan mootummaa federaalaa taasisuuf shaakalli jalqabaa Finfinnee irratti hatattamaan akka eegalamu,
  9. Ummanni Oromoo kana booda siyaasaa ‘anatu siif beekaa’tiin gowwoomfamuun dhaabachuu qaba. Sabni guddaan kun ammaan booda, dhaaba siyaasaa itti amanee fi kan guddina isaatiin gitu fedhu kan ala jiru galfatee, fedhu kan biyya keessa jiru jabeeffatee, fedhus hoggana siyaasa qaroo fi haaraya ofii isaa keessaa maddisiisuuf mirgi qabu guutummaa guutuutti akka kabajamuuf.
Gaaffiileen kunniinii fi kanneen fakkaatan hanga deebii quufsaa hin argannetti garuu qabsoon Oromoo dhiibee dhufee sadarkaa kana gahe jabaatee itti fufuu malee duubatti deebi’uun gonkumaa irra hin jiru. Ummanni Oromoo fincila kana irraa wanni barachuu qabu gurguddaan waan lama. Kan duraa, gabrummaa hadheeffatanii muratanii gamtaan sosso’uun xumurri isaa injifannoo tahuu isaa ti. Kan lammaffaa ammoo, yoo gamtaa dhabee waliif hin dirmanne, yoo murannoo dhabe, yoo sodaan ukkaamamee callisa filate ammoo kana daran kan diinni mataa isaa gubbaatti fincaanu tahuu injifannoo amma argame irraa barachuu qaba. Oromoon yoo kana caalaa wal gurmeessee sodaa tokko malee wareegama baasee qabsaaye injifannoo isa maayyiis akka gonfachuu danda’u homaa hin shakkamu.
Ammas injifannoo ummata Oromoof!
Qabsoon itti fufa!
Gumaan qabsaayota kufanii bilisummaa dha!
Boruu Barraaqaa

No comments:

Post a Comment