Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O /OPDOn Labsame Gaaffii Abbaa Biyyummaa Duubatti Hin Deebisu Itti Fufsiisa Malee

Amajjii 13, 2016
Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O/OPDOn Labsame, Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Kaayyoon Master Pilaanii godina addaa naannowaa Finfinnee tooftaa ittiin duguuggaa sanyii Oromoo raawwatan tahuun hubachuun nama hin rakkisu. Karoorri kunis akkuma beekamu badii uummata oromoo irraan gahuu akka danda’u beekuu kan dandeenyu danqaa hin qabnu. Waggaa lama dura baatii Ebla bara 2014 keessa uummanni Oromoo ifatti bahee karoora kana dura dhaabbatee mormaa bahe lubbuu hedduun itti wareegamuu uummanni bal’aan Uummanni Oromoo sirnaan hubatee beekee jira. Gaaffii uummanni karaa nagaatiin bahee falmi dhageesisaa ture wayita sanas mootummaan Wayyaanee gaaffi dhiphoonni qabatanii ka’an, kan shororkeessitootaan hoogganamee deemu, jechuun uummata lubbuu isaa gaaffidhuma karaa nagayaatiin gaafate itti dhabaa jirun uummata Oromoo arrabsuu kan dhokate miti. 


Kan hubachuu qabu waggaa lama dura yeroo mormiin dhimmi Maaster Pilaanii kun ka’es akka waan hafeetti dudubbachuudhaan afaanii fi harka mootummaa abbaa irree kan taate dhaabni OPDO mormii sana tasgabbeessuuf sobanii bira darbuun yeroo lammaffaa karoora kana galmaan gahachuuf bara 2015 gara dhumaatti mormii uummata Oromoo dammaqseen as bahee jira. Egaan mormiin Maaster Pilaanii ji’oota lama darban keessatti gaaffii seeraa fi haqa qabeessa tahe uummanni karaa nagaatiin gaafataa jiru kana irratti mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo irratti:- 

  • Waraana labse 
  • Duulli hidhaa ajajame 
  • Uummata Oromoo fi dargaggoota Oromoo addatti barattoota qaama hir’uu taasisuun ajajni waraana Wayyaaneetti bahe. 
Tahus akkuma jedhan waraana isaanii uummata nagaa fi barataa qalama qabatee jiru irratti akka labsan dhibbaan kan madaalamu lubbuun bahee, kumaatamatti kan lakkawamu madaa’ee fi qaama hir’uu tahe, kuma hedduuttis kan lakkawamu hidhaatti guurame kan ijaan hin argamin, tilmaama kan hin qabne tasa dhabamanis akka jiran haalaan hubatamaadha. 

Egaan guyyoota sadan darban kana Amajii 10, 2016 irraa kaaseeKoreen giddu galeessa DH.D.U.O/ walgayii magaala Adaamatti adeemsiseen gaaffii sirnaa fi mirgaa wayyaaneen armaan dura akka badii fi shororkeessatti lakkooftee lubbuu uummata oromoo hanga kana dhabamsiistee, dhiiga ilmaan Oromoo bakkeetti dhangalaastee boodaan FDG jabeeffamuu irraan gara FXG cehumsa taasifamee mootummaa abbaa irree wayyaanee hundeen buqqisuuf raasee booda ijaaraa fi arraba wayyaanee kan taate OPDOn gaaffiwwan ka’aa turan gaaffii sirnaati, gaaffii sirriidha jechuun fincila kana tasgabbeessuudhaaf karoora Maaster Pilaanii haqneerra jechuu labsuun yeroo ammaa kana dhageettii uummata oromoo keessa jira.

  1. Egaan kun tooftaa dulloomee fi Wayyaaneen ittiin uummata Oromoo bituu fi fincila sodaachise kanas tasgabbessuuf kaate tahuu uummanni Oromoo hubatee FXG kan duraan irra jiru irraa jabeessee itti fufuu qabu.
  2. Lubbuu hedduu akka bishaanii dhangalaate kanaaf, qabeenyaan manca’eef gaafatamni mootummaa wayyaanee fudhatuu qaba
  3. FXG amma keessa jirru kana keessatti mootummaan wayyaanee wixxifannaa guddaa keessa jiru yeroo dhumaa isaaf ta’eef gaaffiwwan kana tasgabbeessuuf kan yaalamaa jiru tahullee uummanni oromoo keessaa fi ala jiruun jaallan lubbuu isaanii kanatti dhaban gumaa isaanii Bilisummaadhaan baasuu qabna.
Filcilli keenya kan warraaqsa Bilisummaa fi walabullaa akkasuma kan abbaa biyyummaa tahuu wal hubachiisuudhaan Labsiin KGG-OPDO haqamuu Maaster Pilaanii taasise kun tooftaa Wayyaaneen ittiin keessattuu dhiiga ilmaan oromoo dhuge kan bare Abbaay Tshaaheetiin tooftaa gadi bu’e waan taheef kun gowomsaa tahuu hubanne hooggansa Qeerroo Bilisummaa irraa ibsa kennameen kanaaf gurra keenya ergisnee duubatti akka hin deebine uummanni keenya akka hin gowomfamne ibsa laanna.

Yeroon Qeerroon Abdii Uummata Oromoo Mootummaa Wayyaanee Hundeen Buqqisu Amma Tahuu Wal Akeekna!

 Injifannoon Uummata Oromoof 
Gadaan Gadaa Bilisummaati 
Amajjii 13, 2016 Finfinnee Oromiyaa

No comments:

Post a Comment