Oromiyaa Godinaalee Hedduu Keessatti Manni Barumsaa Dhaabbatee Jira‏

Amajjii 27, 2017 | Qeerroo.org

Arsii Bahaa magaala Asallaatti mootummaan wayyaanee Qeerroo dargaggoota lama ilmaan isaa ajajuun barattoota lama kana irratti gocha suukkanneessaa raawwatee kan jiru Qeerroon kan gabaaseedha.
Akka Qeerroon gabaasetti barattootni Yuunivarsitii Asallaa Amajji 21, 2016 halkan 5:00 tti barattoota lama: Isaanis
  1. Kamaal Abubaker barataa saayinsii fayyaa waggaa 3ffaa fi dhalataa harargee bahaa naannoo Dadarii kan tahee fi
  2. Tasfaayee Tashoomee barataa saayinsii fayyaa waggaa 1ffaa fi dhalataa Arsii Bahaa naannoo Boqojjii kan ta’an namoonni 4 ol tahan hucuu civil uffachuudhaan eeggatanii yeroo ijoolleen kun lamaan mana fincaanii seenan achi keessatti cuubeen waraananiinii gatanii erga deemanii booda barattoonni kun hospitaala seenuun yaalamaa jiru.

Wallaggaa lixaatti manneen barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga qophaayinaatti cufamee jiraachuun Qeerroon gabaasee jira.
Maddeen oduu Qeerroo irraa akka hubannutti wallagga lixaa Aanaa Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Biilaatti barattoonni Amajji 22, 2016 sa’a 3 irratti Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) kaasuun ni yaadatama. Yerooma sana irraa kaasuun wayyaaneen humna ishee gara barattootaatti ergiteen barattootni barumsa dhaabuun gabaafamee ture. Guyyaa kanaa kaasuun barattootni mana barumsaa akka hin deebine yoo tahu akka walii galaatti godinicha keessatti barattootni barumsa dhaabuu irratti argamu.
Magaalaa Najjootti barattoonni man barumsaa sad. 2ffaa Amajji 25, 2016 FXG haaressuuf gara mana barumsaatti wal gahanii turan, barattootni hunduu hirmaanna barumsaa dhaabuudhaan yaadaa fi ejjennoo tokkoon FXG itti fufna malee barumsa hin barannu jechunis barumsi hanga har’aa hin gaggeeffamin jira.
Wallaggaa bahaatti Aanaa Diggaa Magaalaa Arjoo Guddattuutti Amajji 24, Qeerroon, qonnaan bulaa fi dargaggoonni waltahuun daandii gara Asoosaa geessu dhagaaf wantoota garaagaraan cufanii dhiichisa qabsoo dhaadannoo akkasuma tarkaanfii qabeenyaa fi ilmaan tigree irratti fudhatanii jiru. Haaluma kanaan naannowwan kunneen hanga guyyaa har’aatti eegumsa guddaa jala akka jirtu Qeerroon ganama kana gabaasee jira.
Naannowwan Oromiyaa magaalota keessatti FXG kan itti fufe tahullee daandiwwan cufamaa jiru.

No comments:

Post a Comment