Qeerroon Bilisummaa Oromoo Wal Dorgommii Ispoortii Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Yuuniarsiitootaa Yuunivarsiitiin Jimmaa Qopheessa Jiruu Ilaalchisuun Xalaayaa Ariifachiisaa Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Jimmaatiif Barreesse.

Amajjii 26, 2016 | Qeerroo.org

Bulchiinsa Yuniversitii Jimmaaf
imagesHaalli yeroo ammaa Oromiyaan keessa jirtuu daran ulfaataa fi hedduu lubbuu ilma namaaf yaaddessaa ta’uun ifaadha, Erga Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDON Oromiyaa fi Uummata Oromoo irratti Waraana labsee guutummaan Oromiyaa gara dirree waraanatti jijjiramera. Mootummaan abbaa irrees loltoota isaa daangaa irraa qabuu walakkaa ol gara Oromiyaatti deebisuun gandoota baadiyaa keessa illee lotoota Agaazii jedhamanii fi Makalaakiyaa qubsiisuun guyyaa guyyaan uummata nagaan gaaffii mirgaa gaafate irratti dhukaasuun ajjeesaa jiru, Dhaabbilee barnootaa keessatti barattoota Oromoo rasaasaan adamsuun ajjeesaa erga turani booda dhiyeenya kana immoo tarkaanfii jumlaa fudhachuun Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Saayinsii fi teekinoolojii Kittoo Furdisaa irratti dhuka’aa barattoota irratti darbachuun Barattoota 35 olitti Lakka’aman Madeessuun gaggaga’amni ulfaataan barattoota Orromoo irraa ga’ee jiraachuun ifaadha.

Kun utuu kanaan jiruu yeroo ammaa kanatti Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa WAL DORGOMMII ISPOORTII DHAABBILEE BARNOOTA OLAANOO YUUNIBARSIITOOTAN GAGGEESSA jechuun qophii gochuun lubbuu ilmaan namootaaf uummata yaaddoo keessa galchee jira, Biyyaa Mootummaan Waraana uummatarratti Labsee jiruu fi guyyuu rasaasaan barattoota galaafachaa jiru keessatti sagantaa Isportii kana qopheessuun yakka ulfaata ta’uu ni hubachiifna.
Addatt iyyuu  yeroo amma kana Oromiyaan Mootummaa mataa ishee dhabuu irraan raafama ulfaataa fi lubbuun ilmaan Oromoo kumootaan lakkaa’amu guyyaa guyyaan galaafatamaa jira., ilmaan Oromoo Kumoota dhibbaan lakka’aman qaama hir’achaa fi Ilmaan Oromoo Walakkaa Miliyoonaatti Lakka’aman jumlaan hidhaatti guuramaa jiraachuun Yakki ulfaataan duguuginsii sanyii (Genocide) kun Oromoo fi Oromiyaa irraa qaari’ee dubbiin dhugaan kun gurraa Addunyaa biyya lafaa hunda wal ga’uun Biyyootni Addunyaa fi biyyootni Gamtoomaan kanneen akka Gamtaa Awurooppaa(European Union), Dhaabbatni mootummoota Gamtoomanii UN, Dhaabbileen Mirgoota Namummaa Afrikaa fi Addunyaa ibsoota garaagaraa mootummaa abbaa irree Wayyaanee irratti baasaa kan jiranii fi Sabaa himaaleen akka BBC, Al-Jeziraa. CNN, FI Sabaa himaaleen Oromoo SBO, TV Gaaddisaa, OMN, VOA,OVR fI Social medialeen addunyaa hedduun akka guutummaa Addunyaatti rakkoo mootummaan Abbaa irree Uummataa Orromoo mirga isaaf karaa nagaa falmatuu irraan ga’aa jiruu gabaasaa jiraachuu fi Addunyaan gurraa ishee gara Oromiyaatti qabdee jiraachuun dhugaa yeroo kanati.
 Kanaafuu yeroo Ammaa kanatti Uummatni Oromoo Mootummaa mataa isaa hundeeffachuuf ykn ammoo Mootummaan Ce’umsaa akka hundeeffamee mirgi hiree murteeffatnaa akka dhogoomuuf gaafachuun Sochii isaa sadarkaa Idil Addunyaatti dhageessifatee jiru guutummaatti kabajamuu mirga namummaa, mirgoota dimookiraasiin qabuu fi Mirga Abbaa biyyummaa isaa eegsifachuuf Qabsoo wal irraa hin citnee gochaa waan jiruuf, Mootummaan Abbaa Irree yakka duguuginsa sanyii rawwachaa jiruu irraa duubatti deebi’ee kan hin jirree ta’uun yeroo irraa gara yerootti sagalee dhukaasaa meeshaalee gurguddaa dhagesisuun Oromiyaa keessattim yakki waraanaa rawwatamaa waan jiruuf bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa Waldorgommii Ispoortii Dhaabbilee Barnoota olaanoo Yuunibarsiitotaa gaggeessuuf jiruu keessa deebi’ee akka ilaaluu fi akka dhaabu gaafatana.
Bulchiisi Yuuniverstii Jimmaa haala kana didee itti fufee loltooti Wayyaanee fi Mootummaan EPRDF gaa’ama barattoota irraan gahuuf deemaniif adda durummaan kan itti gaafatamu bulchiisa moorichaa fi ta’uu gadi jabeessinee beeksifna.
                         Injifannoon Uummata Oromoof!
                        Gadaan gadaa Bilisummaati!
                        Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!

No comments:

Post a Comment