"Warra Garaaf jiraatan saaxiluun itti fufa!"; Ergamtoota diinaa Saba keenya Nannoo Arsii Nageelee fi naannawa ishee rakkisaa jiran

Amajjii 22, 2016 | Fincilaa Dhugaa Irraa

Akkuma beekamu baroota/waggoota 24 darban keessa motummaan Woyyaanee OPDO woliin ta’uun ummata Oromoo gama diingadee isaa saamuun, aadaa fi seenaa isaa balleessuun, sanyii duguuggaa irratti raawwatuu fi namoota mirga saba Oromootiif dubbatan hundan farra ummataati jechuudhan kan kumaatamaan laakayaman mana hidhatti guruun akkasumas hedduun isaanii akka biyya isaanii irraa baqataanii koolu-galtummaa biyyoota olaa fi biyyoota adda addati akka faca’an taasisaa tureera.

Ammas haala waggoota darbanii caalaa miidhaa kana hin jedhamne saba Oromoo irratti raawwataa jira. Dhiimma kana kaasuu kan dandeeneef haala yeroo ammaantan Naannoo Oromiyaa Godina “lixa Arsii" Aanaa Arsii Nageellee fi Naanawa Shashamanne ti namoota Ummata Oromoo karaa adda addaatiin hiraarssaa jiran erga qorqnnee bira gene kaniin booda namootin kunniin gocha isaanii irraa akka deebi’aniif of-eegannoo ta’uuf mala jennee waan yaadneef gochoota isaanii muraasaa suraa isaanii woliin akka armaan gaditi ta’a.

Gochoota isaanii keessaa muraassa :-
  1. Haawota Nannoo Arsii Nageelee fi naannawa sana dirqamaan akka gaarummaa OPDO Fi baratoota Oromoo Karaa nagayaatiin mirga saba isaanii gaafatan farra ummataati akka jedhanii balaalefatan taasisuu.

  2. Barsiisota fi baratoota mataa haadatanii uffata gurraacha uffatuun bakka naming tokko hin duuneti gaditaniitan jedhaniin halakan sa’aa 6:00 keessa mana jireenya isaaniitii gursisuudhaan ofii isaaniitii raga irratti bahuun.

  3. Ofii Biyyaa Ambaa taa'ee Dargaggoota Oromoo midiyaa Hawaasaatiin Burjaajeessuun kan beekamu Jawaar Mohamma irraa of-eegaa jedhaadhaan ummata sodaachisuu.

  4. Gandoota baadiyyaa keessa demuun ummata akka ijoolleen teessan hiriira hinbaanee taasisaa yoo kana hin gootan ta’e isin hiina jedhuun dorsisuu fi kkf.
========================================================================
Warra garaaf bulu saaxiluun itti fufa !!!!!

No comments:

Post a Comment