Baha Wallaggaa keessatti FXGn gootota barattoota Oromoon itti fufee

Guraandhala 02, 2016 | SBO

Baha Wallaggaa keessatti FXGn gootota barattoota Oromoon itti fufee akka jiru ibsameera.
Barattootni Ona Degaa ganda Kolooboo mana barumsaa Sadarkaa 1ffaa fi Ona Nuunnuu Qumbaa mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa Gurraandhala 01, 2016 qormaata fudhatanii akka bahaniin dhaadannoolee gara garaa dhageessisuun diddaa sirna wayyaaneef qaban mul’isuu isaanii kan gabaase madda oduu Qeerroo ti.
Gama biraan Yunversitii Wallaggaa mooraa Naqamteetti waraqaan loogoo Qeerroon beekamu “Ka’i Qeerro!” jedhu Komputeraan qophaa’e guyyaa lama dura bittinneeffame haga ammaatti magaalaa keessatti kan mul’ataa fi facaafamaa jiru tahuun ibsameera.

No comments:

Post a Comment