Godina Kibba Lixa Shaggar(Waliiso) Keessatti FXG Haalaan Jabaachuu Irraa Manneen Barnootaa Hedduu Cufamaa Jiru.

Guraandhala 09, 2016 | Qeerroo.org

Godina Kibba Lixa Shaggar (Walisoo) tti Goototni Barattootni Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa warraaqsa FXG jabeessuun hanga gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa Oromoo gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamutti qorumsaas hin fudhannuu, kutaas gallee hin barannuu barnootni bilisummaa booda(BBB) jechuun warraaqsii jabaatee itti fufe!!

Mootummaan wayyaanees Humna waraana Poolisii Federaalaa fi Agaazii gara godina Walisootti guuruu itti fufee jira. Godina Kibbaa Lixa Shaggar Walisoo fi aanaawwaan Godinicha keessa Jiran cufa keessatti Warraaqsii haalaan jabaachuun kan gaggeeffamaa ture fi Ilmaan Oromoo
dhibbootaan lakka’aman Lubbuun itti wareegamanii fi Warraaqsaa Isaan Uummatni Oromoo Sirna bittaa abbaa irree kan of irraa kuffisee jiruu, Yeroo ammaa kanas Sirna uummataan balaaleffatamee deebisuuf wayita mootummaan abbaa irree wayyaanee Waraana uummata Oromoo irratti labsee, Guutummaan Oromiyaa hoggansaa waraana Wayyaanee Qajeelfama karaa ‘Komaandi Postii’jedhamuun darbuun gaggeeffamaa jirtuu keessatti goototni barattootni Oromoo Walisoo Warraaqsaa FXG finiinsuun guyyaa har’aa Guraandhala 8/2016 Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Godina Walisoo keessatti argaman Kanneen akka Manneen Barnootaa Aanootaa fi Magaalotaa akka:
1. Mana Barumsaa Diilallaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa2. Mana Barumsaa Tulluu Bolloo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa3. Mana Barumsaa Walisoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa,4. Mana Barumsaa Tajii sadarkaa 2ffaa5. Mana Barumsaa Dej. Garasuu Dhukii sadarkaa lammaffaa6. Mana Barumsaa Wancii sadarkaa 2ffaa keessatti7. Mana barumsaa Tolee sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa8. Mana Barumsaa dheeraa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa dabalatee Manneen barnootaa Godinicha keessatti argaman hunda keessatti Goototni
barattootni Oromoo Hanga Gaaffii Mirga abbaa biyyuummaa kabajamuu mirga namummaa fi dimookiraasiif deebiin nuuf kennamuu fi Mootummaan abbaa irree Uummata keenya irratti waraana labsee jiru fi yakka waraana nurratti rawwatamaa jiruuf itti gaafatamutti kutaas gallee hin barannuu qorumsaas hin fudhannuu jechuun diddaa isaanii itti fufan, Ergamtootni mootummaa Wayyaanee gara Walisootti humna waraanaa guuruu itti fufee jira.

No comments:

Post a Comment