Guraandhala 01, 2016 Warraaqsii FXG Godina Lixa Shaggaar Aanaa Calliyaa fi Aanaa Midaa Qanyiitti Jabachuun Uummatni fi Darg aggootni Halakanii Guyyaa Labsii Dabarfachuun Kaffaltii Gibraa fi Buusiiwwaan Galii Mootummaa Taan Kamuu Akka Hin Kaffallee Ibsatan!!

Guraandhala 01, 2016 | Qeerroo.org

Uummatni Qonnaan bultootni Oromoo fi Dargaggootni Oromoo Gandoota baadiyaa fi magaalaa hunda keessatti walitti dhufuun bittaa mootummaa abbaa irree waraanaan nu bulchu jalaa waareegama qaalii uummatni Oromoo Oromiyaa guutuu irratti kanfalaa jiruun bilisummaa keenyaa guutummaatti labsachuu qabna jechuun dhaamsa qabxiiwwaan armaan gadii of keessa qabu dabarfachuun Warraqsaa Xummura Gabrummaa (FXG)n keenya bilisummaa keenya labsachuun mirkanaaa jechuun labsii dabarfatan.

1. Uummatni Oromoo hundii kanfaltii gibiraa fi buusii mootummaa wayyaanee ilaallatu kamuu akka hin kaffalle murteeffannee, namni tokko kanfalee yoo arargamee tarkaanfii isa dhumaa kan irratti fudhannuu tauu ifatti beeksifannee jirra!!
2. Bulchitootni gandaa hundi carraan isin amma qabdan uummata keessan waliin hiriiruu malee hojii mootummaa abbaa irree waraanaan nu bulchaa jiruu gaggeesina jettanii ergama wayyaanee rawwachiisuuf maqaa walgaiis haa tauu marii bifa kamiin iyyuu uummata keenyaa walitti qabuuf yaalii tokko gootanii yoo argamtanii fi maqaa gibra kanfalaa jedhuu yoo kaftan rakkoon ulfaataan jireenyaa keessanii fi maatii keessan kan mudatuuf qaamni itti isiniif gaafatamuu akka hin jirre hubachuun akka of adabattanii teessan hubachiifna!!aangoo ganda bulchuus isin irraa kaafnee hanga muutummaa mataa keenyaa hundeeffannuutti ofiin kan of bulchinu tauu gadi jabeessinee hubachiifna!!
3. Mootummaan Wayyaanee Waraana nurratti labsee Komaandi Postii maqaa jedhuun waraanaan yakkoota Ajjeechaa, hidhaa, madeessuu, saamichaa fi Gudeeddii uummata keenyarratti rawwachaa jiruu seeratti dhiyaachuun itti gaafatamuu qaba!!
4. Master Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu amantaa tokko illee hin qabnu, mootummaan abbaa irree master pilaanii haqeera, gaaffiin uummata sirriidha jechaa jiruu, maaliif gaaffii na gaafattaan maaliif master pilaanii mormitan jechuun uummata Oromoo hidhaa, ajjeesaa, madeessaa fi waraanaan uummata keenyaa hiraarsaa waan jiruuf Master pilaaniin Finfinnee ifatti haqamuu isaa mootummaan federaalaa labsee yakka sababaa kanaan rawwatameef itti nuuf haa gaafatamu!!
5. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa, abbaa qeeummaa, abbaa lafummaa fi dimookiraasii gaafatneef deebiin nuuf haa kennamuu!!
6. Ilmaan Oromoo hidhamaan hundii haal duree tokko malee haa heiikaman!!
7. Ilmaan oromoo ajjeefamaniifi madeeffamanii fi qabeenyaa isaanii loltuun saamaa jiruuf mootummaan EPRDF/TPLF/OPDOn itti gaafatamuu qaba!!
8. Mootummaan Ceumsaa (yeroo) nuuf haa hundeeffamu, malee sirna waraana nurraatti labsee qawween nu bulchaa jiruu jalatti dirqamnee hin bullu jechuun labsii isaanii barreeffamaan gandoota baadiyyaa hundatti raabsuun, dabalataan immoo dargaggootni gandoota baadiyyaa Aanoota lameen keessa naannauun wallee warraaqsaa bilisummaa faarsan sirbuun dabarfatan.

No comments:

Post a Comment