AMMUMA NATTI HIMTUU?

Bitootessa 09, 2016 | Beekan Gulummaa Irraa

AMMUMA NATTI HIMTUU?
Biyya xinnaaf guddaan keessatti salphatu
Sabnis qaama dhabee iddootti naafatu

Biyya qeerroof qarreen keessatti gufatu
Haqasaaf falmatee du’ee biyyoo nyaatu

Biyya hayyootatti diina guddaa taatee
Kaan hidhaatti naqxee kanis biyyaa baafte

Biyya haati dhiiraa keessatti salphattu
Dhalaaf da’oo taatee rasaasaan reebamtu

Biyya  kan barate jooraa ta’ee labuu
Waan siyaasni dhorkeef gita hojii dhabu


Biyya mirgi dubbii raawwatee dhorkamu
Foddaa harka mootiin sobni hololamu

Biyya tokko hojjetee kaan ajjeesee saamuu
Kumoota beelessee ofii sagal haamuu

Biyya sobni teessoo qabatee garmaamuu
Haqa sabaa dabsee dafqa hiyyeessaa raamuu

Biyya namni marti aangoof  ariifatuu
Garuu iddoo qabatee jiruusaa tolfatu

Biyya sabboonummaan keessatti dhorkamu
Ofiisaa ibsannaan shororkeessaa jedhamu

Biyya lagaaf naannoon taayitaan raabsamuu
Miira ofii ibsannaanan ajjeechaaf waamamu

Biyya sabni xiqqoon biyya dhiitee bulchuu
Gootni akka galaanaa biyyarraa didichuu

Biyya ba’uuf galuun sodaa jabduun guutte
Leenci iddoo dhabee booyyeen nyaattee quufte
Biyya kan  barate keessatti maraatee
Tuqaan boollaa yaatee abbaa biyyaa taate

Biyya manni hidhaa dachaan babal’atu
Namnis nama ajjeesee karaarratti gatu

Biyya biyyoonsaallee magariisaan guutuu
Garuu nyaata dhabdee kan daa’imni duutuu

Biyya bulchiinsisaa caasaa sobaan goobee
Kan qubaan lakkaa’amu irratti dorrobe

Biyya hamiif oduutti yeroon namaa dhumu
Hunduu hojii dhaabee dantaadhaaf guungumu

Biyya namni hundumtuu sodaataa jiraatuu
Hamma harkisaa qabe hammaaree baqatu

Biyya Afaan Oromoo keessatti dhiitame
Qolli kitaabotaas siyaasa jedhame

Biyya itti digiriin gabaadhaa bitamuu
Beekkumsi salphatee suuqiidhaa raabsamu

Biyya Oromoon sooromnaan itti dararamu
Malaamaltummaadhaan hidhaatti geeffamu

Biyyatti jaarmiyaan siyaasaa hinoofkalle
Dubbatee hinjiraanne guyyaa tokkoofillee

Biyya karaa nagaan mormachuu dadhaban
Yoo dubbii dubbatan hidhaan adabaman

Biyyatti mul’anni quucaree coollagu
Namni iddoo ga’uurraa gufatee hankaakuu

Ani biyya kana maqaan itti dhabe
Miidiyaa hawaasaan gama hundaa labee

Mee yaa Oromookoo qomoon ardii guutuu
Maqaa biyyatti kanaa ammuma natti himtuu?

 = = = = = == // = == = = ==  = =
Beekan Gulummaa Irranaa-Bitootessa, 2016

No comments:

Post a Comment