Dhiiga Oromootaa

Bitootessa 04, 2016 | Abdii Baalee Oromiyaa  irraa

Akkam yaa lammii koo,xiqqaa fi guddaan biyyaa,
Hundi ilmaan Oromoo,magaalaa fi baadiyaa,
Jirra galata Rabbii,yaadaa halkan guyyaa,
Dhiigni lammii kootii,diinaan dhangalayaa,
Dhugaan ukkaamamtee,seenaan haqaa booyaa,
Jabaadhaa lammii koo,numatu milkaayaa!!!!!!!!!!!


Yaa miseensa diinaa,ilmaan bineensotaa,
Yaa warra abbaa garoo,sanyii Goobanootaa,
Minaasee W/Goorgis ilmi,ilmaan Tigrootaa,
Muktaar Kadiir fa'a,ergamaan saamtotaa,
Hooggantoonni gufuu,diinni Oromootaa,
Guyyaan sitti dhiitee,amma akkam taataa???

Dhaabni maqaa Oromootiin,tasa lafa dhiitaa,
Dagaagsituun diinaa,kopheen Wayyaanotaa,
Nu gurguraa turtee,lammii koo ajjeeftaa,
Oromoon dammaqee,barsiisaa fi barataa,
Tokkummaadhaan ka'ee,fira kee lagataa,
Diinni galuuf jiraa,ati hoo eessa seentaa????

Seenaa fi seera gattee,Oromiyaa muraa,
Diinni waamte,galte,sirratti tirtiraa,
Lammii kee ajjeessee,biyya qaxxaamuraa,
Si shakkee,si tumaa,hidhatti si guuraa,
Dimookiraasii sobaa,afaaniin siif hiraa,
Biyya kankee saamee,alagatti gurguraa,
Maqaa misoomaatiin,sirratti wal jijjiiraa,
Mee natti himi gadhee,nagaa maaltu jiraa???

Silaa ati eenyuu,eenyummaa kee beektaa,
Nama moo bineensaa,namni nama nyaataa,
Kan kee raajjii dhaa,maaf sobaan garmaamtaa,
Maaf dhiiga dafqaan bulaa fi qacalee ijoollootaa,
Maaf qareeyyii biyyaa,gootowwan goototaa,
Maaf Qaallitti buufte,galmee qabsaa'otaa,
Maaf karaa deebiftee,barsiisaa fi barataa,
Maaf dhugaa dagattee,Shiraan lafa guuttaa,
Seenaan galmeesseeraa,dhiiga Oromootaa!!!!!

Guyya mirga kan kee,alagaan to'ataa,
Gaafa lammii kan kee,si biratti tuffataa,
Gaafa irree cabsee,gaashiretti darbataa,
Gaafa eenyummaa kee,ofumaa dagattaa,
Gaafa dhiiga lammii,qawween dhangalaaftaa,
Ati du'uu kan kee,seenaan of yaadattaa????
...................................................................................
Gabroomsaan ni kufa,
Qabsoon itti fufa,
Bilisummaan ni dhufa!!!!
Bitootessa, 2016
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO

1 comment: